Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast – 30 May 2015

Aside

Yuuniversitiilee Gara Garaa Keessatti Ka’e Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoon Itti Fufe.

Aside

Caamsaa 30,2015 Adaamaa

DSC00047Yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii Adaamaa keessatti Caamsaa gaafa 27/2015 barattootni waraqaa garagaraa mooraa keessatti facaasuun
kan dhagayame YEROO BILISUMMAAN KEENYA DHIYAATE KANATTI HIN CALLISNU YAA BARATTOOTA OROMOO KA’AA kan jedhu barattootni waraqaa balaliituu bittimsuun eegduwwan mootummaa Wayyaanee bakkaa kan sochoose tahee jira, akkasuma yuuniversitii Bulee Horaa, Madda Walaabu fi Haromayyaa keessatti walleewwan qabsoo dhageessisuu, mootummaa Wayyaanee hin barbaannu, bulchiinsi Wayyaanee nugaheera jechuu fi barumsa dhaabuun gara FDG olkaasuun uummata dhageesisuu fi hirmaachisaa jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Gaafa Caamsa 29/2015 barattootni mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessaa qabamanii bahan yeroof maqaa isaanii argachuu baannus ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii fi kijibni mootummaa Wayyaanee wayita kana aangoo isaa itti fufee jiraachuuf karoorfate kun yoomiyyuu cal kan nama hin jechiisne tahuu barattootni diddaa gaggeessanii fi kanneen fincila kaasuuf adda dureedha jedhamanii shakkaman tikoota wayyaaneen qabamanii mooraadhaa bahuus gabaasni Qeerroo nugahe hubachiisa. FDG ammas haaluma wal irraa hin cinneen itti fufee jiruudha.

Yuuniversitii Mattuu Keessaa Barattooti Oromoo 7 Waraana Wayyaaneen Ukkaamfamanii Kaan Reebicha Irraa Dheessuun Mooraa Gadhiisan.

Aside

Caamsaa 30,2015 Mattuu

Because I am OromoBarattootni Yuuniversitii Mattuu mooraa keessatti  FDG guyyaa filannoon Wayyaanee gaggeeffame irraa kaasee itti fufiinsaan aarsaa kaffalaa jiru. Gama tokkoon barumsa isaanii dhiisanii gara mirga uummata bal’aa uummata Oromoo kabachiisuu dhaaf torbee kana guutuu humna waraana Wayyaanee dura dhaabbatanii FDG finiinsaa jiru, humni waraana Wayyaanees didaa yeroon kan wal qabate barattoota harka qullaa mooraa
fi doormii ciisicha isaanii seenuudhaan barattoota hedduu reebuu fi dhaanicha suukkanneessaa irratti raawwataa turan, barattootni sabboontootni moorichaa guutummaatti humna waraana Wayyaanee dura dhaabbataa turan, ammas haaluma kanaan kan itti fufe yoo tahu barattoota muraasa waraana Wayyaaneen qabamanii bahan guyyoota lamaan kana bakka buuteen isaanii dhabamee jiru keessaa:-

  1. Warquu Darajjee-barataa Engineering waggaa 3ffaa
  2. Guutuu Baqqalaa-barataa Engineering waggaa 2ffaa
  3. Amaddiin Jamaal- barataa Engineering  waggaa 2ffaa
  4. Shimallis Durgommee-barataa waggaa 3ffaa
  5. Ibrahim Rundaas-
  6. Oliiqaa Gechoo-
  7. Ermiyaas Leellisaa-

Kana malees  walakkaa ol yeroo ammaa bosona naannoo sanaatti badanii dhaanicha fi qabamuu baqatanii fi guyyaa guyyaadhaan barattootni ammas humna kanaan qabamanii bahaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira.

SBO Caamsaa 31,2015. Oduu, Haala Yunversitii Mattuu irratti yaada barattootaa, maanguddootni Godina Gujii maal jedhu?, dargaggoo Dachaasaa Lammii hoo? kutaa xumuraa akkasumas gabaasa diddaa Oromiyaa keessaa…

Aside

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Keessaa Oromoonni 160 Ol Hidhaman,Gaaffiin Mirgaa Uummanni Oromoo Kaasanis Jabinaan Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase

Aside

diddaa9Caamsaa 29/2015 Godina Lixa  Shaggar AANAA MIDAA QANYII tti Uummatni Oromoo  filannoo  fakkeesii fi sobaa Wayyaanee irratti dammaquun  mormii guddaan  dura dhaabbachuun FDG qabsiisan jabeessuun itti fufan. Uummatni Oromoo Qoteebulaa, Dargaggoota fi Barattootni Oromoo 160 ol ta’an jumlaan hidhaman.

 Uummatni Oromoo Godina lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII  keessatti filannoo  fakkeessii abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO maqaa dimookiraasii sobaa fi filmaata sobaa baachuun Uummata ganna 24 guutu gowwomsaa jiraate irratti dammaquun dargaggoota isaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo waliin wal ta’uun  filannoo Caamsaa 24/2015 gaggeeffame kun, Soba, waliin dhaahaa fi itti fakkeessii ta’uu Uummatni hubachuun   filmaata Wayyaanee dura dhaabbachuun FDG kaachisuun  mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaa deeffachuuf qabsoo warraaqsaa FDG karaa nagaa fi dimookiraatawaa ta’een finiinse, Wareegama qaalii itti kaffalaa jiraachuun ibsame jira. Mootummaan Wayyaanees Warraaqsa FDG Uummata Oromoo fi dargaggootni Barattootni Oromoo gaggeessan kana dura dhaabbachuuf humna waraanaa guddaa fi poolisii federaalaa uummatatti bobbaasuun dhukaasee madeessaa, ajjeesaa fi hidhaa fi ukkamsee gara dabarsaa jiraachuun ibsame. Haaluma kanaan yeroo amma kanatti AANAA MIDAA QANYII Irratti uummatni Oromoo 160 olitti lakka’aman hidhamuun gabaafame jira. Kanneen hidhaman keessatti manguddootni ganna 70 olii illee kan argamaan ta’uun beekamera. Kanneen hidhaman keessa ammaf maqaa namoota muraasaa argannee jirra, isanis:

1.      Barataa Gaadisaa Bultumaa barataa kutaa 10ffaa M/B  Baallammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa.

2.      Obboo  Guzoo Diroo  manguddoo jaarsa biyyaa umriin 70 , ganda Tulluu Umburaa

3.      Obboo Taakkalaa Hirphaa ganda Tulluu Umburaa

4.      Obboo kindee Hirphaa  ganda qotee bulaa Tulluu umburaa

5.      Obboo Dhibbaa Addunyaa  qotee bulaa

6.      Obboo Goduu Gaaddisaa ganda qotee bulaa Tulluu umburaa

7.      Obboo Abbee Caalumaa qotee bulaa,

8.      Obboo Shaanduu Tamasgeen, ganda qotee bulaa Dirree Weennii

9.      Obboo Tarfaa Iddeessaa  ganda qotee bulaa Boquu Nissoo , qabeenyaa isaanii saamamuun kan hidhaman

10.  Obboo Caalumaa Nagaraa ganda Boquu Nissoo qabeenyaa isaanii saamamuun kan hidhaman

11.  Obboo Xuuqur Birdiidaa ganda Boquu Nissoo qabeenyaa isaanii saamamuun kan hidhaman. Lakkofsa 9- 11tti kanneen argamaan maatii isaanii waliin hdhaman.

12.  Obboo Taadasaa Galmeessaa ganda qotee bulaa Goosuu Wangee Umriin isaani ganna 67 kan ta’e.

13.  Obboo Dabalee Guddataa  ganda qotee bulaa Goosuu Wangee

14.  Obboo Birri’aa Disaasaa ganda qotee bulaa Goosuu Wangee

15.  Obboo Tarfaa Waljirraa ganda qotee bulaa Goosuu Wangee

16.  Obboo Shibbiruu Maammoo ganda qotee bulaa Goosuu Wangee

17.  Obboo Biraasaa Naggasaa ganda qotee bulaa Goosuu Wangee,

18.  Obboo Gurmeessaa Namee ganda qotee bulaa Goosuu Wangee, kanneen keessatti argaman irra caalaan hidhamtoota kanaa qonnaan bultootaa fi Abbootii maatii guddaa gaggeessanii fi jaarsolii biyyaa ta’uun ibsame jira, ilmaan Oromoo kunneen hidhamuun ittumaa Uummata gara FDG tti kan jabeessee yoo ta’uu uummatni hidhaa fi du’a sodannee bara baraan abbaan irree nuti hin taphatu jechuun ummatni FDG jabeessuun itti fufe.

Kana malees Yeroo amma kanatti AANAA MIDAA QANYII keessatti Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inatti cufamanii jiru. Waajjiraaleen bulchiinsa aanaa, Qonnaa, Fayinaansii fi barnootaas hojii dhaabani jiru, haalli qabatamaan sochiin warraaqsaa Uummataa  fi qeerroon barattootni Oromoo finiinsa jiran dhugaatti karaa bilisummaa ta’uu fi akka Mootummaan biyyatti irra hin jirree saaxilee jira.

Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Yuuniversitii Mattuu Eegalan Jabaatee Itti Fufuun Waraanni Wayyaanee Barattoota Irratti Dhukaasa Banuun Mooraa Dhuunfate.

Aside

Qeerroo KaiGaafa  Caamsaa 27/2015 Godina Iluu Abbaa Booraa Yuunibarsiitii Mattuutti Goototni barattootni Oromoo  filannoo  fakkeesii fi sobaa Wayyaanee irratti dammaquun  mormii guddaan  dura dhaabbachuun FDG qabsiisan jabeessuun  Hoomaan Waraana wayyaanee irra garagaluun Mooraa yuunibarsiitii Mattuu Dhuunfate, Barattootni Guutummatti mooraa gadhiisan, jumlaan hidhaman, maddeeffaman kan du’ee illee hin dhabamu.

 Mootummaan wayyaanee takkaa gaaffii mirgaa batrattootni Oromoo karaa nagaa gaafatan karaa nagaa deebisee hin beekuu, goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachuun lafa mirgi dimookiraasii uummata keenya cabee fi mirgi namummaa Uummata keenyaa sarbamee jirutti filmaatni fakkeessii fi ololli sobaa kun haqamuu qaba jechuun FDG kaachisuun dura waan dhaabbataniif akka bineensaa arii’ataman mooraa Yuunibarsiitii Mattuu gadhiisuun bahan, Waraannii immoo Mooraa dhuunfachuun yeroo Amma kanatti guyyaa 3ffaaf yuunibarsiitiin Mattuu kaambii Waraanaa taatee jirti. Barattootni Oromoo hedduun maddaa’anii hospitaalaa Mattuutti argamu, namni firrii illee itti siqee akka hin gaafatne dhorkaman, kanneen lubbuun darban illee akka hin dhabamne addeessa Maddii qeerroo bilisummaa Oromoo magaalaa Mattuu irraa. Bartsiisaan Oromoo tokkos haalaan Madaa’ee du’aa fi jireenya gidduutti argama, barsiisaan kun maqaan isaa:

1.      Barsiisaa Dirribaa Baayisaa kan jedhamuu barsiisaan kun sadarkaa barnootaa dipiloomaan qabu gara digiriitti guddifachuuf gara Mattuu Yuunibarsiitii kan dhufee yoo ta’uu yeroo ammaa kanatti rasaasaan rukutamee haala ulfaataa keessatti  hospitaalaa Mattuutti kan argamu ta’uun ibsame jira. Barattootni Oromoo hedduun illee madaa’uun hospitaalaa Mattuu galanii kan jiran yoo ta’uu isaan keessa barattootni Lama lubbuun kan darban ta’uu ni dubbatama, odeessa kana qulqulleeffachuuf madden Qeerroo gara Hospitaalaa Mattuu deemaan illee ilmaan Oromoo madaa’anii fi nama isaan gaafatu illee irraa dhorkaa jiraachuun namoota madaa’an adda baafachuun hedduu kan nu rakkisaa jiru ta’uu nuuf ibsan.

Haaluma kanaanaan Ilmaan Oromoo Jumlaan Yuunibarsiitii Mattuu irraa Ukkaanfamaan konkolaataan guuraamanii kaan gara Asoosaatti geeffamaa jiraachuu madden ijaan argan addeessaniru, hedduun isaanii immoo Magaalaa Mattuu Waajjiraa Poolisii Godinatti kan ukkanfamanii hidhamuun dararama jiran ta’uu madden gabaasan.

Kana Malees Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDO’n  Caamsaa 28/2015 Mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa halkan Seenuun Doormii barattoota irra Adeemuun kan barattoota reebanii, fi ID barattootaa irraa guuruun biirootti koottaa fudhadhaa jechuun barattootaa reebaa fidoorsiisa jiraachuun ibsame jira. Haaluma walfakkaatuun Mooraa Yuunibarsiitii AMboottis sababaa FDG ka’uuf jira jedhuun halkan Mooraa Yuunibarsiitii Amboo cabsuun seenuun barattoota 16  ol ukkaamsuun kan hidhatti darban ta’uun saaxilame jira. Barattoota kanneen maqaa adda baasuun kan isiniif gabaasnu ta’a,

 Godina Kibbaa Dhihaa Oromiyaatti kan argamtuu  Yuunibarsiitiin Jimmaa Eeggicha hoomaa Waraanaa Mooraa Waraana dhihaa Magaalaa Jimmaa keessatti argamu kutaa Waraana 44ffaa jedhamuun kan waamamaniin eegamaa jirti, humni waraanaa kun halkanii guyyaa hidhannoo guutuun socho’uun uummata goolaa jiraachuun ibsame, kanuma keessan Goototni barattootni Oromoo FDG kaachisuuf Mootummaa abbaa irree wayita yaaddessaa jiranitti filmaata fakkeessii fi sobaa Wayyaanee irraa qooda hin fudhannu jechuun barattootni oromoo Yuunibarsiitii jimmaa dura waan dhaabbataniif Filannoon Wayyaanee Yuunibarsiitii jimmaa irratti guyyoota sadiif gaggeeffame, guyyoota sadanuu beeksisa baasuun adaraa bahaa filadhaa jechaa kan turan yoo ta’uu barattootni Oromoo harki guddaan filmaaticha irraa qooda utuu hin fudhatiin hafuun kaardii ittin filatan gubaniru, kanneen dhaqanii filataniif bu’aan filannoo guyyaa kaleessaa kan maxxanfameef yoo ta’uu  Mootummaan Wayyaanee 76% ‘n paartiilee Mormitootaa KFO(Maderik)n  Injifatamuu  isaa soda FDG keessa galee waan jiruuf  maxxansanii jiru.  Mootummaan wayyaanee waan qabee gadhiisuu dhabuun Mooraa yuunibarsiitii irratti humna waraanaa deebisuun barattoota Oromoo dura dhaabbachaa jira.

Caamsaa 29/2015 Godina Lixa  Oromiyaatti Uummatni Oromoo  Filannoon  Fakkeesii Wayyaanee Irratti Dammaquun  Mormiin Dura Dhaabbachuun FDG Jabeessan.

Aside

DiddaaUummatni Oromoo Godina lixa Oromiyaa keessatti filmaata fakkeessii abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO maqaa dimookiraasii sobaa fi filmaata sobaa baachuun Uummata ganna 24 guutu Gowwomsaa jiraate irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo filmaatichi soba, waliin dhaahaa fi itti fakkeessii ta’uu Uummata Oromoo dursee irra deddeebi’uun ibsoota garaagaraa baasuun uummata Oromoo  waan hubachiiseef uummatni Oromoo  Oromiyaa bakka hundattuu  filmaata Wayyaanee dura dhaabbachuun FDG kaachisuun  mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaa deeffachuuf qabsoo warraaqsaa FDG karaa nagaa fi dimookiraatawaa ta’een finiinsa jira. Haluma kanaan Yeroo amma kana Godina dhihaa Oromiyaa AANAA MIDAA QANYII, MEETTAA ROOBII,  Adaa’aa Bargaa,  Calliyaa Geedoo, Iluu Galan, Baakkoo, Giincii (Dandii), Jalduu, fi Gindabarti, Amboo, Tokkee Kuttaayee, Xiiqur Incinnii, fi Godina Bahaa Wallaggaa Siree, Guutoo Waayyuu, Magaalaa Neqemtee, HAROO LIMMUU, HEEBANTUU , Limmuu Galiilaa, Giddaa Ayyaanaa, fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ;  Aanaawwaan JImmaa Gannatii, Haratoo, Hammuuruu, Jaartee Jaardagaa, Hagamsaa, SHaambuu, Jimmaa Raaree, Finca’aa,  fi Guduruu fa’aatti Uummatni haalaan filmaata fakkeessii fi sobaa Wayyaanee irratti dammaquun diddaa cimaan jala dhaabbachuun FDG itti jabeessa jira.

odina dhihaa Oromiyaa Aanaawwaan armaan olitti tarreeffaman keessatti yeroo amma kana Uummatni fi Mootummaan garboomsaa wal irraa haala waliitti deebi’uu hin dandeenyeen gargar bahee jira, Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Hanga sadarkaa 1ffatti jiraan adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabani jiru, Wajjiraalee garaagaraa keessatti hojiin gaggeessummaa uummataa dhaabbatee jira, bakka hundatti uummatni mootummaa akka hin qabne fi mootummaa bakka isa bu’uu akka hin qabne Warraaqsa gochaa jiruun mirkaneessa jira.

Magaalaa Neqemteetti Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa, koolleejjii technikaa fi Ogummaa , Koolleejjii barsiisota Neqemtee, dabalatee Caamsaa 27/2015 barattootni Oromoo barnoota dhaabuun FDG dhoosuuf wayita jiranitti hoomaan Waraanaa Magaalaa Neqemtee irra qubsiifamee jiruu irra garagaluun magaalitti raafama guddaa keessa buusee jira, Barattootni Oromoos barnoota dhaabuun gar uummata fi maatii isaanitti deebi’an. Kana Maleesa Guutummaa Godna Dhihaa Oromiyaa keessatti diddaan uummataa kallattii hundaan mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO irratti jabaachuun mootummaa wayyaanee raafama Guddaa keessa galchee jira.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn  Uummata afaan qawween bulchaa akka jiran uummatatti argisiisuuf Dhukaasaanii ajjeessuu, ukkamsanii hidhuu fi gara dabarsuu ifatti gaggeessa jira, adeemsii kun Uummata daranuu FDG kan Onnachiisee fi akka namni diinaan wareegamuu irraa diinarratti qabsoo finiinsuun Wareegamuutu Caala jedhee murteeffatu godhee kan jiru ta’uun isaa haala amma qabatamaan Oromiyaa keessatti rawwachaa jiru irra hubachuun dabda’amera.

“Siin Eega Jaala Koo, Kan Hidhaa Jirtuu” Wallee Haaraa Gaaddoo Shamsaddiin,Caamsaa 29,2015

Aside

Naannawa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneen Uummata Nagaa Goolaa Jira.

Aside

Caamsaa 30,2015 Sulultaa

Filmaata WayyaaneeNaannawa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti mootummaa abbaa irree Wayyaanee diddaa uummataa dhaamsuuf uummata gooluu itti fufe. Mootummaa abbaa irree Wayyaanee TPLF filannoo dharaa fi fakkeessii yeroo darbe gaggeessuuf yaale irratti uummata isa deeggaru dhabuun sagalee uummataa haatuun isaa ni beekama. Sagalee uummataa hatuu irraan kan ka’e uummanni Oromoo Qeerroo waliin ta’uun FDG finiinsaa kan jiru yoo ta’u, mootummaan TPLF akkuma amala isaa diddaa uummataa dhaamsuuf guyyaa har’aa AanaaSulultaa ganda Dubar keessatti karaa dabballoota kaadiree fi tikoota isaan uummata mana manatti irra naaanna’uun dargaggoota keessan dhoowwadhaa, mootummaa irratti fincila kaasaa jiru waan ta’eef guyyaa har’aa irraa eegalee dargaggoo karaatti bahee falmu irratti mootummaan tarkaanfii fudhata jechuun doorsisaa oolan.

Qeerroo Oromoo Aanichaa fi gandicha keessatti argamu FDG daran jabeessee kan itti fufu tahuu dhaamsa qaban waliif dabarsaa uummanni Oromoo naannoolee Oromiyaa hunda irraa Qeerroo Bilisummaa waliin tahuun FDG daran finiinsuu akka qaban dargaggoonni aanichaa waamicha lammummaa dabarsu.

Qophii Sagalee Seife Nebelbal Caamsaa 29,2015

Aside