Ibsi Maqaa “Waamicha Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo” kan jedhuun bahee Facebook irratti daddarbaa jiru ilaalchisee hubachiisa Qeerroo Bilisumaa Oromoo Irraa Kenname.
Waamichi kutaalee Oromiyaa fi tarrisa gitoota hawaasaa qabatee maqaa Qeerroon gadhiifame faca’aa jiru qaama jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa akka hin taane ummata keenya beeksisaa ibsoota Qeerroo Bilisummaa irraa bahe hordofuun arrata Qeerroo kan ta’e Sagalee Qeerroo Bilisummaa(SQ) fi website Qeerroo irraa akka hordoftan deggersoota qabsoo bilisummaa Oromoo hunda beeksifna.
Labsii Waraanaa mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo irratti bane ilaalchisuun hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaafa Gurraandhala 20,2018 ibsa baaseen toora media lee hawaasaa hundatti gadhiifame kan jiru ta’uu fi ibsi Qeerroo Bilisummaas sana ta’uu beeksisuu feena.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa
28/2/2018



We the following political organisations:– Afar Liberation Front, Gmbella Regional Movement, Gambella Nilotes United Movement, Oromo Parliamentarian Council, Shekacho Peoples Movement for Democracy and Social Justice, Tatek Ethiopia for Freedom, Democracy and Unity for Ethiopia, Member Organizations of PAFD (Gambella Peoples Liberation Movement, Sidama National Liberation Front,
Qabsoo FDG walitti fufiinsaan adeemaa ture ABO tiin durfamee gantuus galtuus raasee bakkaa bubbutaa, kaanshee dhabama gochaa gara FXG tti ceene. Ammas qabsoon itti fufeera. Walirraa akka hincinnetti bifa miidhaan uummatarra hingeenyeen danboobee jabaatee dannabsaa jira. Tooruma magaalaalee Oromiyaa mara fakkaatuun Naqamtes yeroo gara yerootti sochii diddaa taasisuun hanga yoonaa didaa as gaheera. Leeqaanis ta’e Oromoon martuu waan godhuuf waan dalagu beeka. Qaama diinaaf fira ta’e addaan dhilee beeka. Yeroo kamuu uummatatu beekadha jenna nuti. Warri uummmata miliyoonarra beekna jedhan ammoo Taankiif Qawweenuu dadhabaa jiru. Qabsoo roga mataasaa dandaa’ateen Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya abaasaa keessa ta’ee ABO dhaan durfamee qabsoo taasisaa jiru baase bu’ureeffachuun qabsoo belbelse.