Murtii Konfransii Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa

Murtii Konfransii Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa

Dubartootni Oromoo lafee fi Dugda Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Riqicha qabsoo Bilisummaati.

Konfaransiin dubartoota Oromoo idil addunyaa kan  Damee Dubartootaa fi Daa’immaan  (DDD)  ABOn qaphawe karaa ZOOM Waxabajjii, 22/2021 bifa bareedadhan geggeefamee jira. Walgahii kanarratti dubartoonni Oromiyaa keessaa fi biyyoota addunyaa mara irraa walitti dhufun haala yaroo amma biyyaa  Ityophiyaa keessatti deemaa jiru irratti marii bal’aa geggafannee jirra.

Sagantaa kanarratti Hoggannonni ABO gadaa darbee fi hoggannonni hujii adda addaa geggeessa jiran irratti argamun, ibsa gabaabaa haalaa yaoo irratti kennani jiru. Addatti qooda shamarraan Qabsoo  Bilisummaa Oromoo  keessatti gaafaa qabsoon hidhannoo jalqabdu irraa kaasee  hangaa har’atti dubartoota kaasun qabsoo hadhawaa diina walin godha waregamaani  fi jiran kaasun mirgoota cululuqaa isaan kenna turan walgahichaaf ibsaani jiru. Waluma galatti qabsoo Oromoo asiin gahu keessatti qooda dubartootni karaa siyaasaa, diinagdee, waranaa, hawasummaa, Qeerroo fi jaarmayaa keessatti if qusannoo fi gantummaa male wareega kafala turan fi jiran dinqisifachuun, gara fuula duuratti waaroo gabrummaa ummataa keenya irraa kaafne nagayaa fi tasgabbii Oromiyaa keessatti fiduuf kana caalaa dubartootni ijarmuun murteessaa tahu erani jiru. Continue reading

Lammiilee Oromiyaaf filannoon dura nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf MCBNO hundeeffamee wabiin nageenyaa Jiraachutu dursa.

Lammiilee Oromiyaaf filannoon dura nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf MCBNO hundeeffamee wabiin nageenyaa Jiraachutu dursa.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 18/2021
NMay be an image of one or more people, tree and text that says "ΚΑΙ QEERRO!! National Oromian YOUTH Movement"ageenyi waaraan Lammiilee Oromiyaaf akka jiraatu darbees Impaayera biyyittiif akka dhugoomu yoo barbaadame MCBNO kan Lammiileen Oromiyaa keessatti qooda fudhatan ijaaramuutu kara filannoo Biyyoolessaatti nu geessa malee haala ammaan tana biyya keenya keessatti tahaa jiruun filannoo gaggeeffamu akka fudhatama hin qabaanne Lammiilee Oromiyaa irra darbee biyyootni Addunyaa Amerikaa fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee akka filannoon Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu ulaagaa filannoo hin guutne himuun beekamtii dhowwatanii jiru.
Haaluma kanaan, dhimma filannoo ilaalchisee MM Itiyoophiyaa Dr Abiyyii Ahimed walgahii dhoksaa kaabinoota fi humnoota amanamoo tikaa walitti qabuun “Filannoon milkaa’aa hin tahu, kana barree of qopheessuu qabna.” jechuun dubbatee jira.
Dhimma Dr Abiyyiin “”of qopheessuu qabna” jedhee dubbates biyya amma afaan qawween goolamaa jirtu nagaa fi tasgabbii dhabdee ammas haaluma kanaan dura dhaabbatanii lammiilee nagaa ajjeesuu, hidhuu fi dhabamsiisuun haala ammaan tana Oromiyaa keessatti Lammiilee Oromiyaa irratti adeemsifamaa jiruun olitti jabaatee itti fufuu qaba akka jedhan akeekuu isaaniis Qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordoffii godheen ajjeechaa fi hidhaan lammiilee nagaa irratti itti fufinsaan akka adeemamuuf jiru bira gahee jira.
Dhimma yeroo adda addaatti Addi Bilisummaa Oromoo “MCBNO ijaaramuu qaba” jedhee fi Kongireesiin Federaalawaa Oromoo (KFO) “filannoo dura mariin biyyaalessaa kan jaarmiyaalee fi dhaabbilee siyaasaa dabalatee qaamota hawaasaa hunda hirmaachise gaggeeffamuu qaba” jedhan irrattis yeroo adda addaatti dhiibbaa godhanis hanga ammaatti milkaayuu baatus yeroo ammaa kana biyyoota Addunyaa dabalatee qaamoleen hawaasaa hundi dhimma hundeeffamuu MCBNO ABOn labsetti walii galaa dhufanii jiru.

Continue reading

Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Cee’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaarratanii nagaa fi Tasgabbiin ni jiraatu.

Qeerroo Head Letter

Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Cee’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaarratanii nagaa fi Tasgabbiin ni jiraatu.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Akkuma hunduu quba qabu adeemsi siyaasa impaayera Itoophiyaa abdiin gara nagaafi dimokiraasiitti deemuuf qabu gufatee sirna abbaa irree itti fufsiisuuf qaama aangoo siyaasaa biyyattii harkaa qabuun murteeffame. Abdiin saboota, sablammootaafi uummatoota biyyattii Itoophiyaa keessatti nagaan bu’ee gara filmaata haqaafi dimokiraatawaatti deemuudhaan lammiileen biyyattii qaama bakka isaan bu’u, kan itti amanan filachuuf hawwaafi of qopheessaa turaniiru. Qaamni humnaan aangoosaa itti fufsiifatee saboota biyyattii gabroomsee bulchuu barbaadu garuu filmaata haqaarraa baqatee sochii humnoota siyaasa biyyattiifi dirree siyaasaa dhiphisuu bira darbee guutummaatti cufe.
Sochiin siyaasaa cufachuufi biyyattiin gara badinsaatti deemuu kan hubate Addi Bilisummaa Oromoo Fulbaana 13/2020 wixinee Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa qopheessee Addunyaaf beeksise. Bu’uuruma kanaan KFO’nis yaaduma Adda Bilisummaa Oromoo (Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa) kan deeggaru waliigalteen biyyoolessaa biyya kanaaf akka barbaachisu ibse.
Qeerroon Bilisummaa Oromoos ibsa Fulbaana 27/2020 baaseen labsii Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse tumsuu akka qabu sababaan deeggaree ifa gochuun ni yaadatama. Ibsa isaa kana keessatti haalli nageenya Oromiyaa keessaa baay’ee yaaddessaa ta’uurraa kan ka’e Lammiileen Oromiyaa nagaan jiraachuudhaaf humni uummata nagaa dhorku harkasaa uummatarraa fudhatee mootummaan ce’umsaa akka ijaaramuu qabu hubachiiseera. Kana malees, daangaan Oromiyaa kallattii adda addaan weerarri itti aggaamamee waan jiruuf, kun ammoo caalmaatti nageenya lammiilee Oromiyaa waan gaaga’uuf, rakkoon hammaataan kana caalu akka hin dhufneef Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaaramuu akka qabu itti amanuudhaan ejjennoo isaa ibsatee yaada kana milkeessuufis kan hojjetu ta’uu ibseera.
Addi Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 8/2021 Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa hundeessuudhaan hojii erga eegalsiisee as Qeerroon Bilisummaa Oromoos baatilee 8 darbaniif hojii idileesaa godhatee hojjetaa tureera. Hojii baatiiwwan darban kanneenii keessatti Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Cee’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaarratanii nageenyi isaanii mirkanaa’ee gara filmaata haqaatti deemuu akka qaban guutuu guutummaatti hubachiisuun danda’ameera. Adeemsa hojii kana keessatti wareegamni ulfaataan kaffalamus, milkaa’inni guddaan argamee ijaarsi mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa sadarkaa xumuraarra ga’ee jira.
Koreen dhimma kana milkeessuuf utubame hojii bal’aa biyya alaafi keessatti hojjeteen sadarkaa goolabaarra geessiseera. Ammas ijaarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa kana xumuruudhaaf tumsi Lammiilee Oromiyaa barbaachisaafi olaanaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo ni hubata.

Continue reading

Labsiin Farra Shorokessuummaa Mana Maree Ministeerotaatiin Dhihaate Deemsa Karaa Nagaatti Hulaa Cufuuf Kan Ta’e Jedhamee kan Bocame Dha.

May be an image of tree ABO, Caamsaa 3, 2021)
Seerri “Farra-Shororkeesummaa Mana Maree Ministeerotaa Itoophiyaatiin gaafa Caamsaa 1, 2021
dhaabota ABUT fi “Shene” jedhaman tarree dhaabota shororkeessitootatti ramaduuf jedhamee qophaa’e ta’e jedhamee humnoota hidhatan suduudaan maree siyaasa irraa fageessuu fi walumaagalatti daba maree siyaasaa danquuf itti yaadame godhame dha. Seera qophaa’e kana keessatti jechi “Shene” jedhu akkamiin akka dhimma itti ba’ame beekuu baannus, akka tilmaama keenyaatti garuu jechi “shanee jedhu nama lammii Oromiyaa ta’ee fi kan dhaaba Paartii Badhaadhinaa hindeeggerre hunda dha. Haa ta’u malee, sirnaa fi caasaa bulchiinsa Gadaa keessatti jechi “shanee” jedhu jecha eebbifamaa fi kabajamaa kan aadaa fi duudhaa Oromoo of keessatti hamaate dha. Jecha kana seera “farra-shororkeessummaa waliin walitti hidhanii gocha cubbamaa akka ibsu gochuun aadaa, afaanii fi duudhaa Oromoo xiqqeessuu fi abaaruu dha.
Jechi sun maaliifuu dhimma itti yoo ba’ame garuu, seerri dhihaate kun jeequmsa siyaasaa biyyattiin keessa seente karaa nagaatiin furuuf yaalii taasifamu gufachiisuuf itti yaadamee kan qophaa’e dha. Keessattuu yeroo hawaasni addunyaa kanneen akka Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa rakkoo walxaxaa fi gaaga’ama biyyattiin keessa seente furuuf tattaaffi godhaa jiran yeroo murteessaa kana keessatti seera balfatamaa jeequmsa baballisu Kanaan asi ba’uun dalagaa haalaan cubbamaa dha.
Murni Itoophiyaarratti amma aangoo qabatee jiru seer-qabeessummaan isaa Onkoloolessa 05, 2021 waan raawwateef biyyatti kan bulchaa jiru karaa seeraan alaa (illegal) ta’een akka ta’e eenyu biraayyu dhokataa miti. Manni Maree Ministeerotaa, Paarlaamaan biyyatti akkasumas aanga’ootni mootummichaa guutummatti seer-qabeessumaan isaanii waan dhumateef seera baasuufis ta’e seera ba’ee jiru hojiitti hiikuuf mirga seeraa fi heeraa hin qabani. Itoophiyaan jeequmsa heeraa (constitutional crisis) keessa seentee waan jirtuuf, seerrii-shororkeesmmaa kun, utuma paarlaamaatiin raggaasifameellee, paarlaamaan sunuu seera qabeessa waan hin taaneef, seera raggaasisuufis ta’e filannoo geggeessuun seeraan ala dha. Continue reading

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa maqaa seera kabachiisuutiin Oromiyaa keessatti seerri cabaa akka jiru ibse.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa maqaa seera kabachiisuutiin Oromiyaa keessatti seerri cabaa akka jiru ibse.
[SQ Caamsaa 6/2021]
No photo description available. keessaa buufataalee poolisii 21 irratti qorannoo taasiseen haala qabinsaafi hidhamuu hidhamtootaa kan ibse Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, sarbamni mirga dhala namaa Lammiilee Oromiyaa irratti raawwataa akka jiru ifoomseera.
Buufataaleen poolisii qorannoon irratti geggeeffame: Jalduu, Abuna-Gindabarat, Gindabarat, Baatuu, Adaamii Tulluu, Shaashamannee (buufata poolisii aanaa 2ffaa), Dodolaa, Adaabbaa, Gadab-Asaasaa, magaalaa Arsii Nagallee, Adaamaa (kutaalee bulchiinsaa sadii), Magaalaa Asallaa (buufata poolisii 2), Ciroo, Boosat, Darraa, Roobee, Haromayaafi Awwadaay fa’a.
Qorannoo Komishinichaa keessatti bal’inaan kan ibsaman dhimma qabinsaafi akkaataa to’atamuu hidhamtootaati.
Komishinichi erga Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjefamee namoonni hedduun hidhamuu kan ibse yommuu ta’u, hidhamtoota 128 ta’an gaaffiifi deebii taasisee qorannoo kana akka baaseefi hidhamtoota hedduummoo qaamaan biratti argamuun kan irraa odeeffate ta’uu komishinichi qorannoo baatii lamaaf walitti fufinsaan geggeessaa ture kanaan ibseera.
Qorannoo kanaan sarbama mirga namaa hidhamtoota irratti raawwataman kanneen ijoo ta’an ibsee qaamonni yakka kana raawwatan gaafatama akka fudhataniif akeekeera.
Sarbamoonni mirga namaa hidhamtoota irratti raawwataman:
1. Seeraan ala hidhamuufi qabinsi hidhamtootaa mirga namaa kan sarbu ta’uu.
2. Ajajni mana murtii kabajamuu dhabuu Continue reading

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haala Hayyu Dureen ABO itti jiran ilaaluuf deemanii dhorkaman

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haala Hayyu Dureen ABO itti jiran ilaaluuf

May be an image of 1 person

dhorkaman.[SQ Caamsaa 5/2021]Caamsaa 3/2021 halkan walakkaa qaamonni nageenyaa PP mooraa mana jireenyaa Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa seeraan ala cabsanii erga seenanii haga ammaatti mooraa marsanii kaan mooraa keessa jiru. Qabeenyi saamamee namoonni mooraa sana jiraatanis reebamaniiru. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gara mana jireenyaa Hayyu Duree deemuudhaan haala Jaal Daawud Ibsaa itti jiran hubachuu deemanii isaanis waraana PP balbalarra jiraniin dhorkamani. Mooraa mana jireenyaa Hayyu Duree haga ammaatti eenyuyyu seenuu hin dandeenye. Haalli isaan keessa jiran kan ibsu odeessi argame hin jiru.

Image

May be an image of text

Ibsa Gaddaa Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

Ibsa Gaddaa Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

May be an image of one or more people, tree and text

[SQ Eebla 13/2021]Balaa konkolaataatiin boqochuu dargaggoo Taakkalee Fiqaaduu wayita dhageenye gadda guddaatu nutti dhaga’ame. Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee keessatti qooda ogummaafi kan isarraa eegamu ba’achaa turuusaatiin Taakkalee Fiqaaduu oolmaa guddaa oolee Qabsoo Bilisummaa Oromoo saffisiisuu keessattis qooda guddaa gumaacheera. Taakkaleen magaalaa Naqamtee keessatti mana hojii ogummaa isaa ‘Take Techno Centre’ jedhamu kan qabu yommuu ta’u, dandeettiifi ogummaa isaan kan wal qabatuun sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo utubaa tureera. Addatti ammoo raadi

yoon Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroosaa eeggatee akka tamsa’u taasisaa turuu keessatti qooda olaanaa gumaacheera. Bara 2017-2018 gidduutti sababa mormii uummanni mootummaa irratti taasisuuf yeroo Oromiyaa keessaa mootummaan odeeffannoon akka hin daddabarre taasisuuf tajaajila interneetii bilbilaa kutaa turetti Taakkaleen mana interneetii (WIFI) waan qabuuf odeeffannoolee sochii uummataafi Qeerroo Bilisummaa Oromoo dabarsuu keessatti deeggarsa guddaa taasisuudhaan dirqamasaa ba’ataa tureera.

May be an image of 1 person, beard and wrist watch

Miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo diinaaf akka hin saaxilamne tumsuu, rakkooleen adda addaa yeroo mudatan sabboontonni Qabsoo Bilisummaa Oromoof hojjetan kiyyoo diinaa akka hin seenne taasisuudhaan gumaacha irraa eegamu taasiseera. Wantoota icciitii dhaabaa ta’an: faayiloota adda addaa, viidiyoolee, ragaalee sagalee, suuraalee sochii qabsoof dhimma itti ba’amu, dokimentiiwwan adda addaa isa biratti akka walitti qabamuufi icciitii sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo tiksuudhaan qooda olaanaa seenaan hin daganne raawwataa tureera. Dabalataanis, Taakkaleen magaalaa Naqamtee keessatti nama naamusa gaarii qabu, nama hojii isaatti cimaafi tattaafataa, hawaasa hunda biraa jaalala qabaachuudhaan fakkeenya kan ta’udha. Dargaggoon Oromoof oolmaa guddaa oole kun balaa konkolaataatiin lubbuunsaa darbuun uummata Oromoof gadda guddaadha. Addatti ammo Qeerroo Bilisummaa Oromoof gadda ulfaataadha. Taakkalee Fiqaaduu Eebla 12/2021 utuu magaalaa Naqamteerraa gara Finfinnee deemaa jiruu Lixa Shaggar magaalaa Baabbichiitti balaa konkolaataa mudateen lubbuunsaa darbe. Akka odeeffannoo qabnutti isa waliin lubbuun namoota 7 ta’an balaa kanaan darbeera.Uummata Oromoo bal’aa, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, maatiifi hiriyyoota Taakkalee Fiqaaduuf jajjabina hawwaa, lubbuunsaa jannataan haa qananiitu; boollasaa daadhiin haa guutu jenna!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Eebla 13/2021Finfinnee

Cuunfaa Imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo bara 2011 hanga 2021

Cuunfaa Imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo 2011 hanga 2021❗

Yoomiyyuu Moosisaa Irraa
 
May be an image of one or more people, tree and text that says "AI QEERRO!! National Oromian YOUTH Movement"(Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggaa 10ffaa)
Gaafa guyyaa Guraandhala 8,2011 xalayaan waamichaa “Diina Waloo irratti waliin qabsaawuun gaaffii yeroo fi dirqama seenaati.” jettu Maadhee ABO dhaqqabde. Xalayaan kun Chaappaa ABO kan of irraa qabdu xalayaa seenaa qabeettii dha. Maadheen ABO Oromiyaa keessaa barattoota Yuunivarsiitii, qotee bulaa, barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi barsiisota, hojjetoota mootummaa fi caasaa uummata Oromoo mara hammate ijaarsa jaarmayaa dargaggootaa ifoomu eeggachaa jira. Dambaliin Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) labsa jaarmayaa dargaggootaa kana eegee gabaasuuf eegaa jira. Yeroon isaa Ebla 2011 ture. Dargaggootni,barattootni Yuunivarsiitii qaroo tahan marii barbaachisuu fi gamaggama haala qabatamaa siyaasa biyya keenyaa taasisuun Ebla 15, 2011 Jaarmayaa dargaggootaa kan bilisummaa fi Dimokiraasii (Oromo National Youth Movement For Freedom and Democracy), Qeerroo Bilisummaa Oromoo loogoo isaa waliin ifoomsan. Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo guyyaa seena qabeessa,Guyyaa Gootota Oromoo irratti haala kanaan Ebla 15,2011 labsame. Miidiyaaleen hidda dhiiga qabsoo Oromoo tahan SBO boodas kanneen akka Seife Nebelbal fi Raadiyoo Simbirtuu jaarmayaa kana uummata keessa galchuu keessatti qooda jalqabaa warra qabani dha. Ijaarsi caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo 2011 kun namuusa,mul’ata isaa barsiifachuu itti fufe. Jalqabas warraaqsa aadaa fi duudhaa irratti xiyyeeffachuun uummatni Oromoo ayyaana irreechaa irratti of qusannaa malee akka hirmaatu, kan bakka irreechaatti argamus sagalee isaa dhageessisuu akka eegalu dadammaqinsi guddaan hojjetame. Waraqaaleen dhaadannoo magaalota Oromiyaa keessa facaafaman; maadheen jiru bakka jirutti wal ijaaree seenaa, duudhaa uummata keenyaa tiksaa mul’ata kaa’ameef akka imalu taasifame. Haala kanaan irreecha 2012 irratti uummatni hedduun seenaa keessatti adda tahe Bishooftuutti wal arge. Dargaggootnis garbummaan wayyaanee nu gahe jechuun sagalee isaanii dhageessisan. Sirbootni warraaqsaa yaaddoo diinaa tahan. Guyyaa tokkichattis wayyaaneen uummata irreechaaf deeme 600 caalu hiite. Kun uummataa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo xiiqii keessa galche. Uummatni miliyoonaan bahee irreeffachuu duwwaa osoo hin taane ardaaleen jilaa Oromiyaa keessaa xiyyeeffannoo akka argataniif uummatni kutatee akka ka’uuf sababa tahe. Motora dammaqinsa kanaa tahuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo dadammaqsuu, ijaaruu, qindeessuu itti fufe.

Continue reading

Duula Sanyii Dugguugaa fi Rorroo Oromiyaa fi Oromoo Irratti Raawatamaa Jiru Dura Dhaabbachuuf Qabsoo Keenya Dacha Dachaan Qindeessina!

Duula Sanyii Dugguugaa fi Rorroo Oromiyaa fi Oromoo Irratti Raawatamaa Jiru Dura Dhaabbachuuf Qabsoo Keenya Dacha Dachaan Qindeessina!

 (IBSA JAARMAA ABO BIYYA AMBAA, Ebla 08 bara 2021)

Roorroo fi miidhaan Oromoo irra gahamaa jiru fuula maraan yoom illee caalaa hammaachaa fi babal’achaa dhufee jira. Gochaan suukanneessaa fi jibbisiisaan ummatootaa gidduu deemamaa  jiru saaxilamuu, balaaleffatamuu fi dura dhaabbatamuu qaba jennee amanna.

Baroota sadan dabran ifatti Sabboonummaa Oromuummaa dhabamsiisuuf Mootumman Mummichaa Ministeeraa Abiyiin durafamuu dhabbataa fi dhawwataan akeeka gaggeessaa jiru yeroo tahu dhihoo kana Oromootni Walloo waan Oromoo tahaniif duwwaa ifatti duulli itti banamuu gabaasan jiran mirkaneessaniiru. Humnii Addaa Bulchinsaa nannoo Amaara (“Milishaa fi Liyyuu Haalii kan jeedhaman”) Qindoominaan magaalotaa fi gandeen aanoota Sanbatee Jiillee, Arxummaa Kursii Dawwaa Caffa keessatti argaman hundatti duulanii xinnaa-guddaa, dhiiraa-dubartii, hidhataa fi harka-duwweessa utuu hin jedhiin namoota 307 ajjeesanii namoota 375 madeessani wal’aansa dhorkaniiru. Manoota 400 gubanii qabeenya mili’onota hedduutti lakkaawaman saammatanii kaanis barbadeessaniru. Oromoota  dhuman keessatti kanneen geejjiba ummataa fi ambuulaansii dhaabsisanii buusuu fi hospitaala keessaa baasanii qaluun, dhagaa fi rasaasaan rukutanii ajjeesan hedduu dha. 

Gochaan jibbisiisa fi suukanneessaan akkasii Kaabaa Shawaa fi baha Wallagga kanneen qubsuma Amaaraan waldaangessan hulluuqanii seenuun ummata Oromoo ajjeesuun fi qabeenya saamuun/barbadeessuun hojii dhaabbataa hidhattoota bulchinsaa nannoo Amaaraa taheera. San bira dabranii Oromiyaa bakkoota biraattis waraanni Eritriyaa waliin duulanii gochaa mancaasuu raawwatuuf  mootummaan bobbafamnii jiru.Figichoon lafa babbaliifanaan Humnii waraana  yeroo waraanii Mootummaa Federalaa fi Adda Bilisummaa Ummataa Tigrayii (ABUT) tahe keessatti humnaan dhunfachuu nannolee Walqit Xagadee fi Rayyaan raga qabatamaa dha. Continue reading