Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa maqaa seera kabachiisuutiin Oromiyaa keessatti seerri cabaa akka jiru ibse.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa maqaa seera kabachiisuutiin Oromiyaa keessatti seerri cabaa akka jiru ibse.
[SQ Caamsaa 6/2021]
No photo description available. keessaa buufataalee poolisii 21 irratti qorannoo taasiseen haala qabinsaafi hidhamuu hidhamtootaa kan ibse Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, sarbamni mirga dhala namaa Lammiilee Oromiyaa irratti raawwataa akka jiru ifoomseera.
Buufataaleen poolisii qorannoon irratti geggeeffame: Jalduu, Abuna-Gindabarat, Gindabarat, Baatuu, Adaamii Tulluu, Shaashamannee (buufata poolisii aanaa 2ffaa), Dodolaa, Adaabbaa, Gadab-Asaasaa, magaalaa Arsii Nagallee, Adaamaa (kutaalee bulchiinsaa sadii), Magaalaa Asallaa (buufata poolisii 2), Ciroo, Boosat, Darraa, Roobee, Haromayaafi Awwadaay fa’a.
Qorannoo Komishinichaa keessatti bal’inaan kan ibsaman dhimma qabinsaafi akkaataa to’atamuu hidhamtootaati.
Komishinichi erga Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjefamee namoonni hedduun hidhamuu kan ibse yommuu ta’u, hidhamtoota 128 ta’an gaaffiifi deebii taasisee qorannoo kana akka baaseefi hidhamtoota hedduummoo qaamaan biratti argamuun kan irraa odeeffate ta’uu komishinichi qorannoo baatii lamaaf walitti fufinsaan geggeessaa ture kanaan ibseera.
Qorannoo kanaan sarbama mirga namaa hidhamtoota irratti raawwataman kanneen ijoo ta’an ibsee qaamonni yakka kana raawwatan gaafatama akka fudhataniif akeekeera.
Sarbamoonni mirga namaa hidhamtoota irratti raawwataman:
1. Seeraan ala hidhamuufi qabinsi hidhamtootaa mirga namaa kan sarbu ta’uu.
2. Ajajni mana murtii kabajamuu dhabuu
3. Hidhamtoota irratti reebichi raawwachuufi qabinsi isaanii farra dhala namaa akka ta’e.
4. Namoonni Sababa nama birootiif hidhamuu.
5. Hidhamtoonni sababa harkifannaafi dhibaa’ummaa ‘mana maree nageenyaa’tiin haqa dhabuu.
6. Daa’imman baatii 5 haga waggaa 10 ta’an mana hidhaa jiraachuu fi dubartoonni mana hidhaa keessatti daa’immaniifi dhukkuba waliin rakkachuu.
7. Manni hidhaa dhiphachuufi qulqullina dhabuurraa kan ka’e miidhaan hidhamtootarra ga’uu.
8. Hidhamtoonni tajaajila akka: nyaataa, dhugaatiifi yaala dhabuu.
9. Rakkoo Manni fincaaniitiin hidhamtootarra miidhaan ga’uu.
10. Hidhamtoonni dawoo seeraafi tajaajila argachuu qaban dhabuu fa’a.
Komishinichi ibsa bal’aa dhimma qabiinsa hidhamtootaa irratti baase keessatti humnoonni nageenyaa to’annoo ala ta’anii miidhaa namarraan geessisan akka to’ataman gaafateera.
Komishinichi qorannoo kana kan geggeesse buufataalee poolisii 21 qofa irratti yommuu ta’u, bakkoota kaanittis dhiittaan mirga namaa kanaa olitti akka raawwataa jiru ni hubata jennee yaanna.
Kanuma waliin, sarbama mirga namaa keessaa isa olaanaa kan ta’e lubbuun namaa dhabamuu waan ta’eef, Komishinichi dhimma hidhamtoota mana hidhaa keessaa baafamanii humnoota nageenyaa mootummaan ajjeefamaa jiranii irratti akka xiyyeeffannaa kennu dhaammanna.
No photo description available.

Comment
Share

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s