Ibsa Gaddaa Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

[SQ Eebla 13/2021]Balaa konkolaataatiin boqochuu dargaggoo Taakkalee Fiqaaduu wayita dhageenye gadda guddaatu nutti dhaga’ame. Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee keessatti qooda ogummaafi kan isarraa eegamu ba’achaa turuusaatiin Taakkalee Fiqaaduu oolmaa guddaa oolee Qabsoo Bilisummaa Oromoo saffisiisuu keessattis qooda guddaa gumaacheera. Taakkaleen magaalaa Naqamtee keessatti mana hojii ogummaa isaa ‘Take Techno Centre’ jedhamu kan qabu yommuu ta’u, dandeettiifi ogummaa isaan kan wal qabatuun sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo utubaa tureera. Addatti ammoo raadi
yoon Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroosaa eeggatee akka tamsa’u taasisaa turuu keessatti qooda olaanaa gumaacheera. Bara 2017-2018 gidduutti sababa mormii uummanni mootummaa irratti taasisuuf yeroo Oromiyaa keessaa mootummaan odeeffannoon akka hin daddabarre taasisuuf tajaajila interneetii bilbilaa kutaa turetti Taakkaleen mana interneetii (WIFI) waan qabuuf odeeffannoolee sochii uummataafi Qeerroo Bilisummaa Oromoo dabarsuu keessatti deeggarsa guddaa taasisuudhaan dirqamasaa ba’ataa tureera.

Miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo diinaaf akka hin saaxilamne tumsuu, rakkooleen adda addaa yeroo mudatan sabboontonni Qabsoo Bilisummaa Oromoof hojjetan kiyyoo diinaa akka hin seenne taasisuudhaan gumaacha irraa eegamu taasiseera. Wantoota icciitii dhaabaa ta’an: faayiloota adda addaa, viidiyoolee, ragaalee sagalee, suuraalee sochii qabsoof dhimma itti ba’amu, dokimentiiwwan adda addaa isa biratti akka walitti qabamuufi icciitii sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo tiksuudhaan qooda olaanaa seenaan hin daganne raawwataa tureera. Dabalataanis, Taakkaleen magaalaa Naqamtee keessatti nama naamusa gaarii qabu, nama hojii isaatti cimaafi tattaafataa, hawaasa hunda biraa jaalala qabaachuudhaan fakkeenya kan ta’udha. Dargaggoon Oromoof oolmaa guddaa oole kun balaa konkolaataatiin lubbuunsaa darbuun uummata Oromoof gadda guddaadha. Addatti ammo Qeerroo Bilisummaa Oromoof gadda ulfaataadha. Taakkalee Fiqaaduu Eebla 12/2021 utuu magaalaa Naqamteerraa gara Finfinnee deemaa jiruu Lixa Shaggar magaalaa Baabbichiitti balaa konkolaataa mudateen lubbuunsaa darbe. Akka odeeffannoo qabnutti isa waliin lubbuun namoota 7 ta’an balaa kanaan darbeera.Uummata Oromoo bal’aa, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, maatiifi hiriyyoota Taakkalee Fiqaaduuf jajjabina hawwaa, lubbuunsaa jannataan haa qananiitu; boollasaa daadhiin haa guutu jenna!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Eebla 13/2021Finfinnee