Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Cee’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaarratanii nagaa fi Tasgabbiin ni jiraatu.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Akkuma hunduu quba qabu adeemsi siyaasa impaayera Itoophiyaa abdiin gara nagaafi dimokiraasiitti deemuuf qabu gufatee sirna abbaa irree itti fufsiisuuf qaama aangoo siyaasaa biyyattii harkaa qabuun murteeffame. Abdiin saboota, sablammootaafi uummatoota biyyattii Itoophiyaa keessatti nagaan bu’ee gara filmaata haqaafi dimokiraatawaatti deemuudhaan lammiileen biyyattii qaama bakka isaan bu’u, kan itti amanan filachuuf hawwaafi of qopheessaa turaniiru. Qaamni humnaan aangoosaa itti fufsiifatee saboota biyyattii gabroomsee bulchuu barbaadu garuu filmaata haqaarraa baqatee sochii humnoota siyaasa biyyattiifi dirree siyaasaa dhiphisuu bira darbee guutummaatti cufe.
Sochiin siyaasaa cufachuufi biyyattiin gara badinsaatti deemuu kan hubate Addi Bilisummaa Oromoo Fulbaana 13/2020 wixinee Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa qopheessee Addunyaaf beeksise. Bu’uuruma kanaan KFO’nis yaaduma Adda Bilisummaa Oromoo (Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa) kan deeggaru waliigalteen biyyoolessaa biyya kanaaf akka barbaachisu ibse.
Qeerroon Bilisummaa Oromoos ibsa Fulbaana 27/2020 baaseen labsii Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse tumsuu akka qabu sababaan deeggaree ifa gochuun ni yaadatama. Ibsa isaa kana keessatti haalli nageenya Oromiyaa keessaa baay’ee yaaddessaa ta’uurraa kan ka’e Lammiileen Oromiyaa nagaan jiraachuudhaaf humni uummata nagaa dhorku harkasaa uummatarraa fudhatee mootummaan ce’umsaa akka ijaaramuu qabu hubachiiseera. Kana malees, daangaan Oromiyaa kallattii adda addaan weerarri itti aggaamamee waan jiruuf, kun ammoo caalmaatti nageenya lammiilee Oromiyaa waan gaaga’uuf, rakkoon hammaataan kana caalu akka hin dhufneef Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaaramuu akka qabu itti amanuudhaan ejjennoo isaa ibsatee yaada kana milkeessuufis kan hojjetu ta’uu ibseera.
Addi Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 8/2021 Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa hundeessuudhaan hojii erga eegalsiisee as Qeerroon Bilisummaa Oromoos baatilee 8 darbaniif hojii idileesaa godhatee hojjetaa tureera. Hojii baatiiwwan darban kanneenii keessatti Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Cee’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaarratanii nageenyi isaanii mirkanaa’ee gara filmaata haqaatti deemuu akka qaban guutuu guutummaatti hubachiisuun danda’ameera. Adeemsa hojii kana keessatti wareegamni ulfaataan kaffalamus, milkaa’inni guddaan argamee ijaarsi mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa sadarkaa xumuraarra ga’ee jira.
Koreen dhimma kana milkeessuuf utubame hojii bal’aa biyya alaafi keessatti hojjeteen sadarkaa goolabaarra geessiseera. Ammas ijaarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa kana xumuruudhaaf tumsi Lammiilee Oromiyaa barbaachisaafi olaanaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo ni hubata.
Kanaaf, hojiilee fuulduratti nu hafaniif Lammiileen Oromiyaa qajeelfama Koree Bulchiinsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa irraa kennamaa deemu hordofuudhaan hojiitti akka hiikan dhaammachaa, Qeerroon Bilisummaa Oromoo gama isaatiin hojii irraa eegamu kamuu dadhabbii malee ni hojjeta.
Yeroo xumuraa ijaarsi Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa goolabarra ga’e kanatti, yeroo nageenyi Lammiilee Oromiyaa kan duraarra hammaachaa deeme kanatti isa dhumaatiif namuu bakka jiruu caasaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa kana qunnamuudhaan odeessaafi qajeelfama fudhataa akka deemu hubachiifna.
Maayii irratti, Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Cee’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaarratanii nagaan jiraachuuf dirqama isaanii ba’achuu akka qabaniifi qajeelfama yeroo yerootti karaa koree Bulchiinsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa darbu qalbeeffatuudhaan hojiitti hiikaa deemuun fardiidha. Murni afaan qawween aangoo dheereffachuu barbaadu yakka Lammiilee Oromiyaa irratti raawwataa jiru kana isa dhumaaf ofirraa kaasuuf Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaarrachuu qofatu faladha.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 9/2021
Finfinnee.

