Murtii Konfransii Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa

Murtii Konfransii Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa

Dubartootni Oromoo lafee fi Dugda Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Riqicha qabsoo Bilisummaati.

Konfaransiin dubartoota Oromoo idil addunyaa kan  Damee Dubartootaa fi Daa’immaan  (DDD)  ABOn qaphawe karaa ZOOM Waxabajjii, 22/2021 bifa bareedadhan geggeefamee jira. Walgahii kanarratti dubartoonni Oromiyaa keessaa fi biyyoota addunyaa mara irraa walitti dhufun haala yaroo amma biyyaa  Ityophiyaa keessatti deemaa jiru irratti marii bal’aa geggafannee jirra.

Sagantaa kanarratti Hoggannonni ABO gadaa darbee fi hoggannonni hujii adda addaa geggeessa jiran irratti argamun, ibsa gabaabaa haalaa yaoo irratti kennani jiru. Addatti qooda shamarraan Qabsoo  Bilisummaa Oromoo  keessatti gaafaa qabsoon hidhannoo jalqabdu irraa kaasee  hangaa har’atti dubartoota kaasun qabsoo hadhawaa diina walin godha waregamaani  fi jiran kaasun mirgoota cululuqaa isaan kenna turan walgahichaaf ibsaani jiru. Waluma galatti qabsoo Oromoo asiin gahu keessatti qooda dubartootni karaa siyaasaa, diinagdee, waranaa, hawasummaa, Qeerroo fi jaarmayaa keessatti if qusannoo fi gantummaa male wareega kafala turan fi jiran dinqisifachuun, gara fuula duuratti waaroo gabrummaa ummataa keenya irraa kaafne nagayaa fi tasgabbii Oromiyaa keessatti fiduuf kana caalaa dubartootni ijarmuun murteessaa tahu erani jiru.

Qabsoo ABOn taasisaa ture keessatti shamarran Oromoo qaaman hirmaachuun loltee lolchiistee wareegama lubbuu kaffaluun gaheen bahatte olaanaa dha. Kana malees abbaa warraa ofiif haamilee tahaa qabsoo kanatti hirmaachisuun ilmaan qofaa guddisaa, dhala ofii qabsoo kanaaf gumaachuun wareegamni  irra gahus  dhiigni dhala koo Bilisummaa biqilcha jechuun cichoominaan gatiin baasaa turanii fi baasaa jiran akkaan ulfaataadha.

Hayyootiin Ormoo walgahii kanarratti argamuun seenalee gaggarii dubartoonni karaa hog-barruu, amantii, guddinaa afaaani, fi qabsoo keessatti kennan fakkii gaari kaasun dubartoonni jirani faana goototaa kana akka hordofan dhaamani jiru.

Addatti  bakka buutuun DDD ABO akeeka fi kaayyoo damen dubartootaa  fi daa’imman ibsuun, karooraa  jaarmayaa  dubartoota  bakka Oromoon jiru maratti dubartiin lafee duugda qabsoo Oromoo waan taanef kana caalaa ijaramne  qoodaa hujii keenya olkaafne hogganaa sadarkaa jala hanga gubbatti qabnu olkaasun qabsoo bakka gahu keessatti murteessaa tahu himun, dubartii ijaarun biyyaa ijarudha jechuun dhaamsa ishii goolabde jirti. Akkasumas bakka buutu KFO fi bakka bu’onni Caayaalee dubartootaa biyyoota gara garaa, dubartoota mana hidhaa keessatti rakkoon irraa gaha ture, maatii qabsawoota, Shamarraan Qabsoo hidhatnoo keessaa duran turan walgahii kanarratti argamun wal dura duubaan dhihachuun muxannoolee qabso keessatti qabanii waljijjiraniiruu.

Seenalee dubartoota biyyoota addunyaa kan  qabsoo mirga dubartootni kabachisuu irratti godhama turan irrattiis akkasumaas Siiqqee ilaalchissee barnoota kennamee jira. Hariiroo Jaarmaan dubbartii walii isaanii gidduu fi Tumsaa sabaa fi Sablammotaa biro waliin qabachuu malaan irratti mariin gaggeffamee jira. Dhumarratti Oromoon aadaan sirnaa gadaa keessatti dubartiif bakka gudda qabachuu ibsuun, Roorroo fi  hacuccaa Oromoo fi Oromiyaa irraatti  gaha jiru xumuruf gaheen dubartootni  qabsoo keessatti kennaa turani, kennaa jiraan fi gara fuula dura  shooraa xaphachuu qaban irratti mariyatun murtiilee arman gadii kana dabarfannee jirra:-

  1. Haalli yaroo amma biyyaa teenyaa Oromiyaa /Ityophiyaa keessatti addatti lammillee Oromiyaa irratti geggefama jiru yoomirrallee caala kan nu yaachise dha.  Hidhaan ajjechaan, saminsii, fi hacuccaan mirga dhala nama dangaa darbee jira, addatti ajjechaa Dargaggoo Amanuel Windimmu Dambii Daallottii tahe  kan maalummaa  Mootummichaa ifaatti  Ummataaf keenyaf saxiledha. Ajeechaa kanaa ni balalleffanaa. Namootaa kanaa raawwatan akka seeraattii dhihatan cimsiinee gaafatna.

 

  1. Gochaan HD ABO Jaal Daawud Ibsa irratti hojjatama jiru baayyee sukanneessaa fi roorraa daanga dabre waan taheef sirnii kuni hogganaa hidhuun ukkamsuun qabsoo sabaa Orommoo ukkamsuu akka hin dendeenye seenaa dabre irraa barate waan hojjachaa jiru kana irra dhaabbataa Hoggonootaa ABO fi KFO mana hidha baase uggurtii HD ABO Jaal Daawud irra kaasuun marii hunda hammatteef /political dialogue/  kara saaqun  hegeree biyyattiif furmataa waaraa, nagayaa, fi tasgabbii buusuf irraa deebi’ani akka itti  yaadan gaafatna.

 

  1. Dubartootni Oromoo Badii tokko malee Sabboonummaan Oromoo yakka tahee, mana jireenyaa isaanii keessaa, manneen barnootaa fi bakka hojii irraa qabamanii murtii mana murtiitti illee malee ykn osoo manaa murtiitti hin dhiyyannee kan  dhibbootaan lakkaawaman manneen hidhaa akka Qaallittii, Buraayyuu sabbataa , Galaan, Sandaafaa dabalatee goleelee Oromiyaa guutuu keessatti daa’ima qabatanii, hidhamuun gidiraa ulfaataa argaa jiran  ni balaaleeffannaa;
  2. Dubartiin qabsoo Oromoo ABOn geggefamu keesssatti lafe duugda taane wareegamaa sadarkaa mara baasa as geenye, gara fuula durattiis bilisummaan qooda keenya male gali gahu akka hin dendeenye hubannee caalatti qindoofne ijaramne ABOn jalatti hiriirre mirgaa ofiin of bulchu keenyaa mirkaneessuu cichominaa qabsoo gochuuf murteffannee
  3. Nutii dubartootni midhaa dacha nurratti raawwataama jiru ifirraa kaasuuf hifannoo male qoodaa qabsoon nurra eegdu kamu dacha dachaan daballee waaroo Cunqursaa daanga itti gochuuf waadaa keenya ni haromsinaa.
  4. Jaarmoliin mirga dhala nama Addunyaa gochaa sukkannessaa Sirnii Abba Irree bifa harayaan ummatoota irratti raawwataa jiru kana callisaan ibsaa irratti baasu qofa osoo hin taane warroota yakka kana raawwata jiran akka seeraatti dhihaatan dhiibbaa hundaa godhaan kabajan gaafatna.

 

 

Injifannoo Ummataa Oromoof!

Gadaan Gadaa Xumura gabrummaati!

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s