Lammiilee Oromiyaaf filannoon dura nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf MCBNO hundeeffamee wabiin nageenyaa Jiraachutu dursa.

Lammiilee Oromiyaaf filannoon dura nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf MCBNO hundeeffamee wabiin nageenyaa Jiraachutu dursa.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 18/2021
NMay be an image of one or more people, tree and text that says "ΚΑΙ QEERRO!! National Oromian YOUTH Movement"ageenyi waaraan Lammiilee Oromiyaaf akka jiraatu darbees Impaayera biyyittiif akka dhugoomu yoo barbaadame MCBNO kan Lammiileen Oromiyaa keessatti qooda fudhatan ijaaramuutu kara filannoo Biyyoolessaatti nu geessa malee haala ammaan tana biyya keenya keessatti tahaa jiruun filannoo gaggeeffamu akka fudhatama hin qabaanne Lammiilee Oromiyaa irra darbee biyyootni Addunyaa Amerikaa fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee akka filannoon Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu ulaagaa filannoo hin guutne himuun beekamtii dhowwatanii jiru.
Haaluma kanaan, dhimma filannoo ilaalchisee MM Itiyoophiyaa Dr Abiyyii Ahimed walgahii dhoksaa kaabinoota fi humnoota amanamoo tikaa walitti qabuun “Filannoon milkaa’aa hin tahu, kana barree of qopheessuu qabna.” jechuun dubbatee jira.
Dhimma Dr Abiyyiin “”of qopheessuu qabna” jedhee dubbates biyya amma afaan qawween goolamaa jirtu nagaa fi tasgabbii dhabdee ammas haaluma kanaan dura dhaabbatanii lammiilee nagaa ajjeesuu, hidhuu fi dhabamsiisuun haala ammaan tana Oromiyaa keessatti Lammiilee Oromiyaa irratti adeemsifamaa jiruun olitti jabaatee itti fufuu qaba akka jedhan akeekuu isaaniis Qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordoffii godheen ajjeechaa fi hidhaan lammiilee nagaa irratti itti fufinsaan akka adeemamuuf jiru bira gahee jira.
Dhimma yeroo adda addaatti Addi Bilisummaa Oromoo “MCBNO ijaaramuu qaba” jedhee fi Kongireesiin Federaalawaa Oromoo (KFO) “filannoo dura mariin biyyaalessaa kan jaarmiyaalee fi dhaabbilee siyaasaa dabalatee qaamota hawaasaa hunda hirmaachise gaggeeffamuu qaba” jedhan irrattis yeroo adda addaatti dhiibbaa godhanis hanga ammaatti milkaayuu baatus yeroo ammaa kana biyyoota Addunyaa dabalatee qaamoleen hawaasaa hundi dhimma hundeeffamuu MCBNO ABOn labsetti walii galaa dhufanii jiru.

Tibba kana MM Dr Abiyyi “Mariin Biyyoolessaa gaggeeffamuu qaba” kan jedhuun icciitiin koree mataa isaa hundeessuun dhimma marii biyyoolessaa gaggeessuuf jedhamu irratti Dr Garasuu Tufaa, Lencho Lataa jedhaman mataa koree marii biyyaalessaa gaggeessan godhee filuun kanaan Oromiyaa keessatti mariin biyyoolessaa haa eegalamu jedhaa jira. Gama biraan “Multi Stockholders Initiative for National Dialogue Ethiopia” kan jedhuun mariin biyyaalessaa dhaabbileen siyaasaa hirmaachise akka gaggeeffamu kan jedhu ofumaa qindeessanii uummata miidiyaan goyyoomsuuf yoo taheen ala ammas koreen dhimma marii biyyaalessaa irratti haa adeemsisan jedhanii filatamanis tahe eegalan furmaata nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf bu’aan isaan argamsiisan ammas akka hin jirre gadi jabeessinee hubachiisaa, kan furmaata waaraa fiduu dandahu warra maqaa adda addaa moggaafatee PP jala deemaa ooluun mariin gaggeeffamee osoo hin taane dhiibbaa tokko malee dhaabbilee Siyaasaa kan hirmaachisee fi yaadni dhaabbileen Siyaasaa Oromoo addatti immoo ABO fi KFOn qooda keessaati fudhatan tahuutti amanna.
Dhimma kam irratti haala biyya keenya keessatti tahaa jiruu fi tahuuf jiru irratti hidhamtootni siyaasaa manneen hidhaa keessaa bahanii irratti qooda fudhachuu akka qabanis nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo itti amanna. Gama biraan garuu MM Dr Abiyyi Ahimed “hidhamaan siyaasaa hunduu filannoon dura akka hin baane” jechuun wal gahii dhoksaan gaggeeffate irratti dubbachuu isaan wal qabatee yeroo ammaa kanas hidhamtootni siyaasaa manneen hidhaa gara garaa keessaa guuramanii gara leenjii kaampii waraanaa Awash Aarbaa jedhamutti humnoota waraanaan ugguramanii geeffaman kan jiran tahuus mirkaneeffannee jirra.
Nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo filannoon osoo hin taane nagaa waaraan kan argamu elaa fi elaameen wal dhagahamee hidhamaan siyaasaa hundi hiikamee qaamni waraanaa kan amma ergamaa murna aangoorra jiruu qofa tahee jiru kan ummataa akka tahee dirqama isaa uummata tajaajiluun bahate qofa jennee amanna.
Gama biraanis MM Itiyoophiyaa “namni shakkame bakka jirutti adamfamee haa qabamu, caasaa nageenyaa keessa Shaneen seenee waan jiruuf gamaggamni haa jiraatu” jedhanii murtii dabarsuu isaanis dhageenyee waan jirruuf akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti Shanee kan jedhamu jaarmiyaanis tahe dhaabni kamuu akka hin jirre beekna waan taheef Oromoo ajjeesuu fi hidhuuf maqaa Shanee jedhanii itti moggaasanii yakka suukanneessaa uummata keenya irratti raawwachuun hatattamaan dhaabbatee namoonni ajjeechaa uummata nagaa irratti raawwatan seeraan akka gaafataman seerri hundaaf wal qixa tahe akka diriiruuf qabsoon gaggeessinu jabaatee itti fufa.
Marii miidiyaaf cufaa tahee gaggeeffameen MM Itiyoophiyaa “namni iccitii ABO fi WBO beeku fedhiin PP waliin tahu yoo jiraate waan inni gaafate hundi haa kennamuuf” jechuunis murtee dabarsanii jiru. Akka kanaan: lafa, maallaqa, mana, konkolaataa fi kanneen biroo akka namoota caasaa ABO fi WBO saaxileef akka kennamuu qabu murteessee ajaja dabarsee jira. Kanas uummata keenya faayidaa fi dantaa dhuunfaaf jedhanii humnootni waraanaa sobaan akka ajjeechaa gara jabinaa kanneen yaa raawwataniif daandii bana waan taheef cimsinee ni balaaleffanna.
Dhuma irrattis marii kaabinootaa fi humnoota tikaa waliin MM Itiyoophiyaa waltajjii dhoksaa gaggeesse keessatti poolisiin Federalaa, poolisiin Finfinnee, Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humna Addaa Oromiyaa kan hammate koreen COMMAND POST filannoo milkeessuuf hojjetu dhaabbachuu akka qabu murteessee jiraachuu Qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordoffii godheen bira gahee jira.
Dhimma armaan olii irratti ajandaa dhoksaan MM Itiyoophiyaa lammiilee Oromiyaa nagaa fi tasgabbiin akka hin jiraanneef dabarse waan taheef Qeerroo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuun Lammiilee Oromiyaaf wabii waaraan filannoon osoo hin taane MCBNO hundeeffachuun mootummaa uummataa ummataan ijaarame utubachuun akka tahu hubachiisuu feena.
Injifannoon Ummata Oromoof! Qeerroo
Bilisummaa Oromoo Finfinnee, Oromiyaa
Caamsaa 18/2021

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s