Loltootni Eritraa Dararaa Suukanneessaa Ummata Sivilii Abbayi Coomman, Dhiha Oromiyaa Irraan Gahaa Jiru.
(Ibsa ABO, Caamsaa 30, 2021)
ABO yeroo dheeraaf humni hidhate biyya alaa kan Eritiraa dhimma Itophiyaa keessa seennuun nageenya biyyaa fi naannoo gaanfa Afrikaa walxaxaa akka taasisu ibsaa ture. Qooda fudhannaan loltoota Eritiraa ol’aantummaa biyyaa (sovereignty) cabsuu qofa utuu hin taane amallii fi gochaan loltootni kuni Ummata siviliirratti raawwachaa jiran badii daangaa hin qabnee fi dhiitta mirga namaa hamaa fidaa jira. Gochaa suukkanneessan ummata Tigirayi irratti raawwatamee fi Ummata Adunyaatiin Mirkanaawe amma biyya Oromiyaa keessatti bal’inaan mul’achaa jira.
Akkuma waliigaltee dhoksaa Gartuun Itophiyaa bulchina jedhanii fi mootummaa Eritiraa gidduutti ta’etti humni Eritiraa kan hidhate biyya Oromiyaa fi naannoo Benishangul-Gumuzitti bobba’ee gochaa suukkanneessaa kaaba Itophiyaatti raawwatame naannoo kanattis dabalaa jira. Ragaa qabatamaan jiru Baatii Ebla 2021 keessa Kutaan Waraana Eritiraa (Battalions) gara Zoonilee Oromiyaa- Horroo Guduruu, Qeellam Wallaggaa,Dhiha Wallaggaa, Gujii, Booranaa fi naannoo Matakkal (Benishangul-Gumuz) bobbaauudhan Ummata Sivilii reebuu, ajjeessuu, meeshaa saamuu, dubartii fi ijoollee gudeeduu fi juumlaan nama hidhuu isaanii ti.
Amma gadda guddaan kan ibsuu feenu gochaa walfakkaataan Dhiha Oromomiyaa, Godina Horroo Guduruu, Abbayi Coomman keessatti yeroo ammaan tana raawwatamaa jiraachuu isaa ti. Akka maddee qabatamaa irraa argannetti guyyaa kaleessaa (Caamsaa 29, 2021) Godina Horroo Guduruu, Aanaa Abbayi commaan naannoo warshaa Sukkaarratti loltoota Ertiraa jiraattota dararaa jiru. Naannoo mooraa 4ffaa jedhamee beekamutti namoota irraa bilbla harkaa ( mobile phones) fuudhanii caccabsaa jiraachuu, namoota reebuu akkasumaas ummata nagaa mana hidhaatti guraa jiru. Akkuma kanaan loltootni Eritiraa kuni namoota maqaan isaanii Obbo Namoomsaa Hatahuu jedhamu haadha warraa isaanii aadde Yashii Dassalee jedhaman Daa’ima waaggaa tokkoo waliin erga haadha warraa fi Abbaa warraa reebanii hidhanii akka jiran nuuf mirkanaawee jira. Akka maddeen keenya mirkaneessetti loltootni Eritiraa kuni Afaanota biyya keessatti dubbataman waan hin beekneef gaaffii tokko malee nama reebanii juumlaan hidhaatti guuraa akka jiranii dha. Akkasumas gochaa walfakkaataan naannolee Oromia fi Benishangul-Gumuz bakka adda addaatti raawwatamaa akka jiru maddi qabatamaan mirkaneessaa jira.
Lammileen Oromiyaa fi ummatni Benishangul-Gumuz gochaa sukkanneessaaf humnni Ertiraa hidhatee isiniitti bobba’ee akka jiru beektanii tokkummaadhan akka uf ittistan gadi jabeessinee isin hubachiifna. Akkasumas uummata Adunyaa hubachiisuu kan feenu humni Ertiraa hidhatee itti fufinsaan dhimma Itophiyaa irratti bobba’ee jiru kuni nageenya Itophiyaa boorawee jiru daran haammeessuu qofa utuu hin taane nagaa fi tasgabbii naannoo gaanfa Afrikaa irratti balaa guddaa akka fiduu dha.
Kanaaf, uumatni Adunyaa (International Community) Tokkummaa Afrikaa (AU) fi qaamota Mootummoota Gamtoomanii (UN bodies) akka loltootni Eritiraa Oromiyaa keessaa bahan gadi jabeessanii dhiibbaa akka godhanii fi gochaa isaanii jala bu’anii akka hordofee gaafanna. Amalli loltoota badii dalagaa jiran kanaa fi gochaan yeroo yeroon Oromiyaa keessatti ta’aa jiru dararamaa Ummata Sivilii fi gagga’ama lubbuu hedduu waan fidaa jiruuf uummatni Adunyaa fi qaamotni dubbiin ilaalu ilaalcha gahaa itti kennanii furmaata yeroo gabaabaa keessatti argamsiisuu akka yaalan gadi jabeessinee gaafatna.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!!
Adda Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 30, 2021
Finfinnee