Cuunfaa Imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo bara 2011 hanga 2021

Cuunfaa Imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo 2011 hanga 2021❗

Yoomiyyuu Moosisaa Irraa
 
May be an image of one or more people, tree and text that says "AI QEERRO!! National Oromian YOUTH Movement"(Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggaa 10ffaa)
Gaafa guyyaa Guraandhala 8,2011 xalayaan waamichaa “Diina Waloo irratti waliin qabsaawuun gaaffii yeroo fi dirqama seenaati.” jettu Maadhee ABO dhaqqabde. Xalayaan kun Chaappaa ABO kan of irraa qabdu xalayaa seenaa qabeettii dha. Maadheen ABO Oromiyaa keessaa barattoota Yuunivarsiitii, qotee bulaa, barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi barsiisota, hojjetoota mootummaa fi caasaa uummata Oromoo mara hammate ijaarsa jaarmayaa dargaggootaa ifoomu eeggachaa jira. Dambaliin Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) labsa jaarmayaa dargaggootaa kana eegee gabaasuuf eegaa jira. Yeroon isaa Ebla 2011 ture. Dargaggootni,barattootni Yuunivarsiitii qaroo tahan marii barbaachisuu fi gamaggama haala qabatamaa siyaasa biyya keenyaa taasisuun Ebla 15, 2011 Jaarmayaa dargaggootaa kan bilisummaa fi Dimokiraasii (Oromo National Youth Movement For Freedom and Democracy), Qeerroo Bilisummaa Oromoo loogoo isaa waliin ifoomsan. Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo guyyaa seena qabeessa,Guyyaa Gootota Oromoo irratti haala kanaan Ebla 15,2011 labsame. Miidiyaaleen hidda dhiiga qabsoo Oromoo tahan SBO boodas kanneen akka Seife Nebelbal fi Raadiyoo Simbirtuu jaarmayaa kana uummata keessa galchuu keessatti qooda jalqabaa warra qabani dha. Ijaarsi caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo 2011 kun namuusa,mul’ata isaa barsiifachuu itti fufe. Jalqabas warraaqsa aadaa fi duudhaa irratti xiyyeeffachuun uummatni Oromoo ayyaana irreechaa irratti of qusannaa malee akka hirmaatu, kan bakka irreechaatti argamus sagalee isaa dhageessisuu akka eegalu dadammaqinsi guddaan hojjetame. Waraqaaleen dhaadannoo magaalota Oromiyaa keessa facaafaman; maadheen jiru bakka jirutti wal ijaaree seenaa, duudhaa uummata keenyaa tiksaa mul’ata kaa’ameef akka imalu taasifame. Haala kanaan irreecha 2012 irratti uummatni hedduun seenaa keessatti adda tahe Bishooftuutti wal arge. Dargaggootnis garbummaan wayyaanee nu gahe jechuun sagalee isaanii dhageessisan. Sirbootni warraaqsaa yaaddoo diinaa tahan. Guyyaa tokkichattis wayyaaneen uummata irreechaaf deeme 600 caalu hiite. Kun uummataa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo xiiqii keessa galche. Uummatni miliyoonaan bahee irreeffachuu duwwaa osoo hin taane ardaaleen jilaa Oromiyaa keessaa xiyyeeffannoo akka argataniif uummatni kutatee akka ka’uuf sababa tahe. Motora dammaqinsa kanaa tahuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo dadammaqsuu, ijaaruu, qindeessuu itti fufe.

Jalqaba 2013, Amajjii 01, 2013 irratti gamaggamni guddaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti taasifame. Gamaggamni kunis guyyaa seenaa qabeessa guyyaa WBO irratti taasifame. Gamaggamni sunis jabinaa fi laafna diinaa akkasumas jabinaa fi laafina Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti fuulleffate. Haala kanaan kallattiin tokko kaa’ame. Innis ijaarsi caasaa OPDO keessaa murteessaa tahuu fi odeeffannoon tika wayyaanee keessaa argamu galtee qabsichaa tahuu qaba kan jedhu dha. Haala kanaan Obbo Lammaa Magarsaa dabalatee miseensotni OPDO keessaa muraasni gara quunnamtii Qeerroo Bilisummaa Oromootti dhufuun Hagayya 2013 seenaan addaa boqonnaa haaraa fidu waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinnee keessaa argame. Innis karoora master Plan yoo tahu, dokumentii argame harkatti qabachuudhaan waggaa tokkoo oliif hojiin karoora saamicha kanaa fashaleessuu iccitiin eegale.
Hojiin karoora saamicha wayyaanee naannoo Finfinnee iccitiin fashaleessuu osoo hojjetamaa jiruu haalli mijataan tokko uumame. Innis Weellisaa Teedii Afroo Oromiyaa keessatti konsartii “Minilik Xiqur saw” jedhu ispoonserummaa Biiraa Baddallee miliyoona 12n Oromiyaa keessatti hojjechuuf walii gale. Minilik Oromoo harmaa fi harka mursiise Oromiyaa irratti hin faarfamu kan jedhuun ejjennoon qabatame. Artistootni Oromoo gurmuu hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoodhaan dura dhaabbachuu eegalan. Aartistootni Oromoo qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo abdii qabsoo Oromoo tahuu fi kallattii qabsoo fi fincilaa kaa’uudhaan hirmaannaa ho’aa gochuu eegalan. Oromiyaa keessa sirbootni warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo faarsan, uummata dammaqsan golee Oromiyaa hunda qaqqaban. Haala kanaan diddaan barattootaa gamtaadhaan qindeessummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon Yuunivarsiitiilee fi magaalota Oromiyaa keessatti eegale. Oromoonis sodaa fi shakkii tarkaanfatee ifaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hiriire.
Barii 2014, Guyyaa Amajjii 01, 2014 Qeerroon Bilisummaa Oromoo tamsaasa raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo eegale. Yeroon kun yeroo barii qophii diddaa Master Plan tahuun isaa uummatni odeeffannoo gahaa argachaa daandii tokkoon akka imalu taasise. Sirbootni Warraaqsaa diddaa Master Plan hedduu hojjetaman. Diddaan Master Plan Oromiyaa hunda keessatti eegale. Miidiyaan Oromoo guddaan Oromia Media Network,OMN hundeeffamuun sagalee uummataa dhageessisaa, qilleensa Oromiyaa bilisoomsuuf waadaa gale. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo aartii fi miidiyaan deeggaramee imala isaa itti fufe.
Wayyaaneen diddaa uummata Oromoo irraa eegalee teessuma ishee raasu teessee hin ilaalle. Bara 2015 filannoon biyyoolessaa waan gaggeeffamuuf qophii shiraa guddaa taasisuu eegalte. Shira kanas hojiitti hiikuu eegalte. Innis diddaan Master Plan fi qabsoo karaa nagayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo uummata burjaajessuuf magaalota Oromiyaa keessatti dhukaasa gurguddaa dhukaasuuf karoorsite. Sunis akka Qeerroo Bilisummaa Oromoon taasifametti ololuuf qophii xumurte. Qeerroon Bilisummaa Oromoo shira dursee waan bira gaheef 2015 keessa iccitiin of ijaaruutti gad taa’e. Hiriira magaalota keessaa irraas of qusatee karoora wayyaanee guddaa fashaleessuun jaarmayaa isaa dandamachiise.
Bara 2015 Guyyaa Fincila Diddaa Garbummaa,Sadaasa 9, 2015 irratti gamaggamni guddaan taasifame. Gamaggama kanaa boodas karoorri itti fufinsa diddaa Master Plan lafa kaa’ame. Haala kanaan Sadaasa 11,2015 bifa haaraan diddaan Master Plan magaalaa Ginciitti eegale. Kunis guutuu Oromiyaa waliin gahuun diina raase. Diinni waan qabee gadhiisu wallaale hooggantoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo, miidiyaalee Oromoo afaan wal jala dabarsuu,burjaajessuu fi ololatti gad taa’e.(Detail yeroo biraa itti deebinus). Garuu,shirri diinaa tokkummaa Qeerroo diiguuf ture milkaa’ina dhabee mootummaan wayyaanee fincila isw mudate irraa bayyaannachuuf labsii yeroo hatattamaa labse. Labsiin kun irra deddeebbiin labsamuu itti fufe. Ijaarsi caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hojjettoota mootummaa fi caasaa siyaasaa 2017 keessa ifaan as bahanii uummataaf sagalee tahuuf dirqaman. Haala kanaan Dr. Lammaa Magarsaa karoora Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa lakkaa’amee itti kennamu ifaan dirqama isaanii bahachuu eegalan. 2017 keessa tokkummaan uummata keenyaa lalise. Diddaan wayyaanee irratti Qeerroodhaan eegalame gara saboota biroo Amaaraa(faannoo), Sidaamaa, Guraageetti ce’e.
Wayyaaneen kaardii dhumaa baasee taphachuuf dirqame. Innis saboota biroo uummata Oromoo waliin walitti buusuu dha. Karoorri Amaaraa fi Oromoo walitti buusuu durfamee waan saaxilameef liyyuu haayilii Sumaalee maallaqaan bitee Oromoo Baha Oromiyaa irratti bobbaase. Uummatni miliyoonaan buqqa’e; kumaanis ajjeefame. Garuu, dukkana guddaa ibsaa tokkoon ibsitee carraatti jijjiiramuudhaan tokkummaan uummata Oromoo daranuu lalise.
Bara 2017 xumura irra karoorri guddaan dabalataa qophaa’e. Yeroon kun yeroo murteessaa tahuu irraa diina isa dhumaaf awwaaluuf karoorri bahe. Karoorri kun qindeessummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoodhaan Pirezedaantii Oromiyaa yeroosii,Dr. Lammaa Magarsaa fi HD ABO, Jaal Dawud Ibsaa biratti fudhatama argateera. Karoorichis “OPDO amala ergamuu bare akka dhaabaatti qabatanii Oromoo fuuldura deemanii gaaffii Oromoo guddaa tahe deebisuun hin danda’amu; kanaaf, OPDOn diigamee sabboontotni OPDO keessaa walabummaa OPDO labsuun ADWUI keessaa of baasuun ABO keessatti miseensa tahuu” kan hammatu ture. Akkuma yeroon bubbuleen Dr. Lammaa Magarsaa irbuu kana ganuun yaada “OPDO haaromsina.” jedhu fudhatee as bahe. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo butamee harka OPDO akka galu ifaan hojjechuu eegale. Jalqaba 2018 osoo Dr. Abiy Ahmed aangootti ol hin bahiin qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo butamuu eegale. Akka Abiy Ahmed aangootti baheen Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa baasuun imaanaa ganamaa akka eegu gaafate. Garuu, harka rukkutnaa aktivistootaa,Miidiyaalee qabsoo tumsaa turanii fudhatama argatan,OMN dabalatee miidiyaaleen mootummaa hunduu olola Qeerroo Bilisummaa Oromoo ukkaamsuun Qeerroo Jijjiiramaa bakka buusuuf dafqanii hojjetan. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoos ifaan butame. Injifannoon dhiigaan dhufes harka gantootaatti kufe.
Haala kanaan hiriirri deeggarsaa Abiy Ahmeddhaaf Oromiyaa keessatti itti fufe. Dhuma irrattis magaalaa Finfinnee keessatti Waxabajjii 16, 2010(2018 G.C) hiriira deeggarsaa waamame irratti boombiin darbatame. Taateen gurguddaan itti fufuun Hagayya 2018 Obbo Jawar Mohammed Finfinnee seene. Yerooma kanas Obbo Lammaa Magarsaa gara Eertiraa deemuudhaan HD ABO,Jaal Daawud Ibsaa fi hooggantoota ABO kan akka Kolonel Gammachuu Ayyaanaa waliin wal arguun akka ABO nagaan gara Oromiyaa galuu fi haala hundaa mijeessu gaafate. ABOn walii galteen ifaa akka taasifamuu gaafatus biyya galee akka taasifamu waadaa dhumaa gale. Haala kanaan Fulbaana 15, 2018 hoogganni ABO Finfinnee seenee Oromoo miliyoonaan ulfinaan simatame. Deeggarsii fi of kenninsi uummata Oromoo ABOf qabu OPDOf hin liqimfamne. Kanaaf, OPDO haaromsina akkuma jedhan ODPtti jijjiiruun namoota ABOf jibbinsa qabanii fi diigaa turan miseensa taasisan, kanneen maqaa ABO ofitti maxxanfataniifis waamicha walitti ida’amuu taasisan. ODF fi kanneen biroo of fuuldura qabanii deemuu, alaabaa ABO kan ODP cinaatti fannisuun eegalame. Kana irra darbuun isa dhumaa Sadaasa 2018 documentary maqaa ABO balleesu hojjetan. Boombiin Abiy Ahmed irratti darbatame ABOn darbatame jechuudhaan olola jibbinsaa ija baasaa eegalan. Ergasiis olola dhaabbataan oofaa jiru.
Sadaasa 2018 irraa eegalee waraana ifaan Lixa Oromiyaa keessatti eegalan. WBO walii galtee bakka qaamni sadaffaan jirutti gaafate cinaatti dhiisuun maqaa “ABO SHANEE” jedhuun labsiin hatattamaa Kibbaa fi Lixa Oromiyaa irratti labsamee ajjeechaan sukkanneessaan raawwatame, manni gubate,dubarootni gudeedamuun eegalame ittuma fufe.
ODPn qabsoo iniifannoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo butate qabsoo Oromoo roga hundaa cabsee Oromummaa cabsuuf yaadni paartiilee walitti baqsuu dhufe. Bifa kanaan paartiin badhaadhinaa,PPn dhalate. Dr. Lammaa Magarsaa imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo xiqqaatus beeku baabura keessaa buufame. Ololli qabsoo jijjiiramaa jedhu ittuma fufe.
Duulli waraana labsuu cinaatti hooggantoota siyaasaa ABO fi KFO adamsanii hidhuun eegale. Waajjiraaleen ABO fi KFO bakka hundumaa cufaman. Kolonel Gammachuu Ayyaanaa,Jaal Abdii Raggaasaa, Jaal Amaan FIlee fi gaazexeessitootni sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi aartistootni hidhaman. Irreecha irratti alaabaan ABO akka hin mirmirfamne dhorkame. Uffatni aadaa kuula Abbaa Gadaas dhorkame.
PPn shira hin quufne aangoo seeraan ala dheereffachuun karoora qabsoo Oromoo hundeen cabsuutti xiyyeeffate. Kanaanis filannoo bara 2020 taasifamuu qabu kan tamsa’inni koroonaa kan ammaa gadii tahe dabarsuun Waxabajjii 2020 keessa artistii Oromoo qaalii,Haacaaluu hundeessaa ajjeesan. Sanaanis hooggantoota qabsoo Oromoo,aktivistoota Oromoo kumaatamaan hidhuun miidiyaa Oromoo cufan. OMN cufuu cinaatti gaazexeessitoota ONN fi SBO hidhan. HD ABO,Jaal Daawud Ibsaa mana keessatti ugguruun bitamtoota fayyadamanii ABO diiguuf gad taa’an. Professor Mararaa Guddinaa manatti ugguruun KFO isa dhumaaf diiguuf hojjetan. Hooggantootni qabsoo Oromoo “adda keenya rasaasaaf laatna malee ABO PPdhaaf hin laatnu.”jechuun balbala filannoo cufame keessaa of baasuun labsii Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa labsan. Qeerroon Bilisummaa Oromoos duula Oromoo fi Oromummaa irratti labsame wareegama dhiigaan fashaleessaa seeraa fi heera ABO jalatti Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa dhugoomsuuf hojii irratti argama. Waraanni Bilisummaa Oromoo,WBOnis duula sanyii duguuggaa Oromiyaa irratti labsame lubbuu kaffalee ittisee diina kuffiisaa jira. Miidiyaaleen Oromoo kan akka Kello Media, SBO, ONN, Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Kush Media Service,Finfinnee Star Media hedduun OMN, Sagalee uummata Oromoo guddaa waliin sagalee uummata Oromoo tahaa jiru. Ni injifanna!
Baga Guyyaa Gootota Oromoo, Ebla 15, 2021 geessan❗
Baga Hundeeffama Jaarmaya Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggaa 10ffaa geessan❗
Kabajni, Ulfinni gootota Qeerroo Bilisummaa Oromoo lafa qabsiisuuf wareegaman, Ummata Oromoo bal’aa qabsoo hadhaa irratti argamuu fi kanneen mana hidhaa keessatti dararamaa jiraniif❗
Hub:Seenaa Gootota imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo kana keessatti gahee olaanaa fi addaa qaban yeroo biraa itti deebina.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s