Kora sabaa seeraan ala maqaa ABOtiin waajira Mummee ABO Gulalleetti gaggeeffame ni mormina.
Hookkarri gantoota keessaa fi tika mootummaan qindaa’e guddatee guyya Bitootessa 13, 2021 Kora Sabaa Hooggantooti, Miseensotni fi Deggertootni Adda Bilisumma Oromoo kamuu irraa quba hin qabne “Kora Sabaa ABO geggeeffanne” jechuun bifaa Ummata Oromoof arrabsoo ta’een gartuun armaan ol maqaa dha’ame gad ba’u isaa beekameera. Gantootni dantaa fi garaaf of gurguran muraasni maqaa dhaabichaa fi galfata kana dura Kora Sabaa 4ffaa irrattis itti kenname meeshaa godhachuun tika mootummaa PPtti hirkachuun gantummaa dhiifama hin qabne raawwataniiru.
Ammas akkuma kaleessaa shirri keessaa fi alaa dhaaba keenya waliin akka jiru ifatti mul’ataa jira. Bu’aa qabsoo dhaabni keenya galmeessaa as ga’e kana dabarsanii diinaaf kennuu fi boodatti deebisuuf murnoonni maqaa “Hooggana dhaabaa” jedhuun diinatti hirkitanii jeequmsa babal’isaa turan, waajjira ABO muummee Finfinneetti argamu humna tikaa fi poolisaan cabsanii seenuun, darbees isaanumaan eegamaa “Kora Sabaa ABO gaggeeffanna” jedhanii as bahan. Kun hedduu saalfachiisaa fi qaanessaa ta’uu isaa hubanna. Continue reading

– Bara Chaarteraa rakkoof gaaga’ama ABO irra gahe.


