Akeeka kaayyoo diinaa, gantoota fi shira alagaatin ABO hin diigamu ! Ibsa ejjennoo Miseensota fi Degartoota (ABO)

Godina harargee baha
Ona jarsoo!( zonii kundhudhoo)
Bitootessa 17/2021
Shirri Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn geeggessamaa barootaa 40 oliif mootummoota dhufaa darbaa Impaayera Itoophiyaan taasifama tureera. Gochaan kun Ummata Oromoo fi qabsaa’ota ABOf haaraa ta’uu baatullee humnootiin diina bara baraan shira kana bixxilan gantoota dhaabicha keessaatti dhoksaan jiraataniin gargaaramuun badiin ta’u seenaa gantummaa hin dhaabbannee ta’ee itti fufee jiraachuu isaati. Bifuma Kanaan Qabsoo hadhooftuu barootaa dheera booda Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo kara nagaa geggeessuuf carraa argame jedhameen qaama mootumma ofiin jedhu waliin wal tai’insaa uumee baroota lamaa fi walakka darbaniif tattaaffi addunyaanu dinqisiifatte gocha as ga’e jira.
Karaan waggoota lameen darbaniif deemame garuu adeemsa gatii heddu ABO kaffalchiisee fi kaffalchiisaa jiru ta’uun ifaa dha.
ABOn seeraa, heeraa fi tartiiba Kora Sabaa ittiin geggeffataa turee dhaabbata lafaa qaba. Korri Sabaa qaama olaanaa dhaabichaa fi akkasumas qabsichaa adeemsa ulfaata qabsaa’otni irratti waada isaani haarofatanii Kakuu seenan ta’ee utuu jiru gartuun guyyaa Bitootessa 13, 2021 tika motumma fi Faddaalotan walitti dhuftee maqaa Kora Sabaan gad baate Ummata Oromoo,miseensoota Adda Bilisummaa Oromoo fi mararfattoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo n fudhatamaa hin qabu. .

Gocha Gantootni Bitootessa 13, 2021 Tikoota PP waahellan godhachuun Gullallee, Waajjirra Muummee ABO fi Bakka Seena keessatti maqaa ABOn godhan sirna dhablummaa garee shiftoota biyyaa harkaa qabduu daangaa irraa jiruu ifoomsaniiru . Hayyuu duree dhaabichaa Jaal Daawud Ibsaa humnaa hidhateen wajjiraa baafamanii ji’oota torbaaf tartiibaa seeraa alaa humnaa nageenya fi poolisii ugguramanii booda qaama yakkamtootaa fi gantoota qabsoo waajjiraa muumee ABO hayyamaa dhaaban alaa cabsanii walgahi shira gaggeessuun sirna dhablummaa fi biyyiittin mootummaa akka hin qabnee mirkaneessaa.
Nutis Miseensonni ABO baha oromiyaa ona jarsoo (zoni kundhudhoo)
Ibsa ABO,on baase deeggaruun gocha seeraan ala maqaa Kora Sabatin waajjira muummee ABOti gartuun miseensoota duraani namoota shan of keessaa qabuuf naamusaa fi kaayyoo dhaabati alaa wan jiraniif Koreen naamusaa fi too’annoo murtoo laatamee irrati hunda’uudhaan hoggansi ABO guutumaatti hojiirraa rarraasee wan jiruuf karumaa ittin walgahii maqaa ABO itti waaman tokkollee hin qaban jennee fudhana.
Heeraa fi Seera ABOn ala PP jala galuun yaali diigumsaa ABO irratti aggamame balaaleffachuun Ibsa ejjennoo akka armaa gadiin baafneerraa.
1. Kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo kan tahe ABO diiguuf ykn dadhabsiisuuf ijibaata gartuun foxxoqinsaa PP jala galtee tattafataa jirtu nuti Miseensonni ABO Baha oromiyaa ona jarsoo (zoni kundhudhoo)ni mormina duras ni dhaabbanna.
2. Caasaan, Miseensonni fi Deeggartoonni ABO akka walii galatti hawwaasni keenya burjaajjii akeeka Kaayyoo diinaaf gantoota fi shira alagaatin ABO diiguuf hojjeetamaa jiru akkuma kaleessaa dura dhaabbachuun dhaaba keenya ABO akka tikfaannu waamicha ni dhiyeessina
3. Sirna dhablummaan dhaaba irraa foxxoqanii irbuu qabsaawota diiganii ergama diinaa fudhatanii fira qabsoo fakkaatanii imimmaan naachaa bohaa shira shiranii, kaayyoo gootonni irratti waregaman gara dabarsuuf yaalii gantoonni taasisan qabsoo qabsawotaan hirmaannaa Uummata keenyaan ni fashala.
4. Gantuu fi dinni yeroo yerooti ABO irratti yoo kaate illee akkuma yeroo darbeetti Kaayyoon ABO qabsaawota bilisummaan eegamaa qabsoon bilisummaa diina waliin taasifama jiru itti fufaa,
gochaa gantootaas dura dhaabbachaa qabsoo bilisummaa Oromoo irbuu gootowwan shinniiggaa bilisummaan gahuuf murannoon ni qabsoofna.
5. Hawwaasni keenya qeerroon bilisummaa Oromoo gochaa gantootaaf otoo hin rifatin qabsoo kee jabeeffachuun ABO waliin bilisummaa fi mirga hiree murteeffannaa kee galmaan gahuuf yoomuu caalaatti akka qabsoo keessatti hirmaattu waamicha qabsoo bilisummaa Oromoo Oromoota golee Oromiyaa keessaa jirtaniif ni dhiyeessina.
6..Dhaabni keenyaa haala rakkoo hamtuu hidhaa, ajjeechaa fi adamsuu paartiin Bilxiginnaa miseensotaa, hooggantootaa fi qondaalota ABO fi misseensota, waluma galatti sabboontota Oromoo, keessatti raawwatamaa Jiruu murannoon dura dhabachuun akeeka Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf wareegamaa baafama cichominaan hoggansa Hayyuu Duree keenya Jaal Daawud Ibsaa durfamuu haga Bilisummaa ummata Oromoo milka’uutti waliin hiriirree qabsoo keenya itti fufaa.
7.Qaamoota Heeraa fi seeraa Biyyaa kabachisuun Nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu dirqamaa qaban Boordii filmaataa Biyyooleessa Itoophiyaa, Manaa Murtii feederaalaa,manaa murtilee Oromiyaa,Humnaa Poolisii magaalaa finfinnee, Humnootaa Poolisii Oromiyaa fi Humni Tika gochaa sirna dhablummaa fi loogii garee farra tokkummaa sabaa deeggarsaa lachuu irraa akka dhaabatan ni gaafana. Deemsi amma itti jirtan biyyaa Itoophiyaa jedhamtuu guutumaatti yeroo gabaabaa keessaa ni mancaasaa. Waltii bu’iinsa hin malee fiduu wan maluuf gochaa itti jirtan irraa dhaabadhaa.
Walumaagalatti deeggartoonni, miseensonni, qondaalonni fi hogantoonni ABO waluma galatti deeggartoonni QBO gocha farrummaa PPn Oromiyaa fi Saboonummaa Oromoo diigudhaaf gochaa jirtu waan ta’eef yeroo kamiyyu caala irbuu keenya haaromfachuu dhan tokkummaa jaarmiyaa keenya jabeessuuf harka walqabannee haa jabaannu.
Injifannoon Ummata Oromoof!!!
Miseensoota ABO Baha oromiyaa ona jarsoo (zoni kundhudhoo)
Bitootessa 17, 2021
Oromiyaa Baha ona jarsoo
(Zoni kundhudhoo)

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s