
ABOn ilma dhugaa Oromof dhalate, qarominaa fi qanxoomina hayyoota Oromoti. Rakkoo Oromoos, furmaata Oromoos ABO kessatti argina. ABOn kaleessas, har’as, boruus tokkuma. ABO jiraachisuf takkaa hayyama hin gaafnnu, kumaa fi kitilaa irratti kitimamneeti dhigaan jiraachifne, har’as dhigaan tikfanna.
Korri Sabaa qaama ol’aanaa dhabaa kan hundi kessatti of argu, kan hundi bakka buufaamu, kanaaf hundi murti achi irraa itti dabarte fudhachuun dirqamaa. Maqaa kana akka maletti itti gargaaramani busheessun tuffi waldaalee (institutions) Oromoof qaban agarsisun yoo hawwame malee yakka.
Nutis miseensonni ABO kutaa dhiha USA Ibsa ABOn baase deeggaruun gochaa seeraan ala maqaa Kora Sabaatin waajjira muummee ABOtti murni miseensoota duraani namoota shan of keessaa qabuu fi naamusaa fi kaayyoo dhaabaati ala waan jiraniif Koreen Naamusaa fi Too’annoon murtoo laatamee irratti hunda’uu dhaan hoggansi ABO guutumaatti hojiirraa rarraasee waan jiruuf seerumaa ittin walgahii waaman hin qaban jennee fudhanna. Heeraa fi Seera ABOn ala murna sirna nafxanyaa leellisan jala galuun yaalii diigumsaa ABO irratti aggaamame balaaleffachuun ibsa ejjennoo akka armaan gadiin baafneerraa.
1. Maqaa hoggana dhahuun korri demsifame warri jedheni gantootaa fi tikoota PP waan ta’aniif Korri geggeffame hin jiru, bekamtiin kennamufis hin jiru.
2. Mumichi minsteera yeroon itti dabartee humnaan aangoo irratti cichee fi paartin PP isaan hogganamu dhimma ABO kessaa harka isaani haa baasaaniif gad fageessine hubachiisuu barnaadna.
3. Caasaan, miseensonni fi deeggartoonni ABO akka walii galaatti hawwaasni keenya burjaajjii akeeka Kaayyoo diinaaf gantoota fi shira alagaatin ABO diiguuf hojjeetamaa jiru akkuma kaleessaa dura dhaabbachuun dhaaba isaa ABO akka tikfatuuf waamicha keenya dhiyeessina.
4. Gantuu fi dinni yeroo yerootti ABO irratti yoo kaate illee akkuma yeroo darbeetti Kaayyoon ABO qabsaawoota bilisummaan eegamaa, qabsoon bilisummaa diina waliin taasifama jiru itti fufaa, gochaa gantootaas dura dhaabbachaa qabsoo bilisummaa Oromoo irbuu gootowwan Shinniiggaa bilisummaan gahuuf murannoon ni qabsoofna.
5. Jaallan hidhuu fi gidirsuun tattaaffiin aangoo irra turuuf godhame ilaalchise dirreen walaba tahee filmaata biyooleessaaf akka hin qophoofne ifatti argaa jirra. Kun osoo kanaan deemaa jiruu maallaqaan namoota hamma tokko bitanii ABO irratti hujii diiggaa hojjachuun akka itti hin milkoofne guututti amanu qofa osoo hin tahiin akkuma duraanii akka irratti qabsoofnu mirkaneessina. Akkuma TPLFn toftaan ABO dhabamsiisuuf godhaa turte kessaa baane ammas bakka bu’ooni PP waan godhaa jiran kana keessaa akka baanu shakkiin hin jiru.
6. Dhaabni keenyaa haala rakkoo fi hamtuu hidhaa, ajjeechaa fi adamsuu paartiin Bilxiginnaa miseensotaa, hooggantootaa fi qondaalota ABO fi walumaa galatti sabboontota Oromoo irratti raawwatamaa jiru murannoon dura dhaabachuun akeeka Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf wareegamaa baafamu cichominaan hoggansa Hayyuu Duree keenya Jaal Daawud Ibsaan durfamuu waliin hiriirree hanga bilisummaa uummata Oromoo milka’uutti qabsoon keenya itti fufa.
Waluma galatti deeggartoonni QBO gocha farrummaa PPn saboonummaa Oromoo fi Oromiyaa diigudhaaf gochaa jirtu yeroo kamiyyu caala irbuu keenya haaromfachuu dhaan tokkummaa jaarmiyaa keenya jabeessuun harka walqabannee dura haa dhaabannu.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Miseensoota ABO Kutaa Dhiha USA
Bitootessa 16,2021