Ibsa Ejjannoo Gamtaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Shaallaa Irraa Kenname :

Akkuma beekamu dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo ABOn” Dhaaba woreegama qaalii kafalee Ijaarame kiyyoo Diinaa Baay’ee Injifatee Osoo Diinni Ilkee Itti Qaratu Badhinnaaf Dhiphinna Hunda Dandamachuu Dhaan Ciniinnatee Ardha Gahe “Ta’uu Diinnis Firris Sirritti Beeka. ABOn Kaayyoof Akeeka Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa Irrati Gootota Daangaa Hin Qabne Gabbarree Aarsaa Gurguddaa Kafalee Ardha Gahee Jira. Ammas Kafaluu Irratti Argama.
Addi Bilisummaa Oromoo Qabsoo Woggoottan Hedduun Dura Geggeefamaa tureen dhiigaaf Lafee Cabsee Karaa Adda Addaatiin Geggeessaa Turuu Ilma Oromoos Ta’ee Diinnis Tolchee Beeka.
Ciniinsuu Bara Rakkoo San Tarkaanfatee Dhiphinna Hunda Obsee Haga Guyyaa Ardhaa Jiruu Ofafoos Itti Fufee Jiraatudha.
Haaluma Kanaan Diinonni Jibbiinsa Dhaaba Guddicha Onnee Ummata Oromoo Keessatti Dagaagee Ijaarame Kana diiguuf tana Duras yaalaa turanii harkatti fashalaa’ee jennaan Tibba Kanas Yaalii Ijjibbaataa Gochuu Irratti Argamu. Kanuma Sababeefachuun Nuti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Ibsa Ijjannoo Diinota Ummata Oromoo fi Dhaaba Guddicha Kana Jibban Kana Akeekachiisu Baasuuf Erga Marii Goonee Booda Qabxiilee Asii Gadii Kana Irratti Woliif Gallee Jirra :
_______

1) Nuti Gamtaan Qeerroo Shaallaa HD.ABO Jaal Dawud Ibsaa Qofa Beekna .Haga Ammaa Hooganaan ABO akka hin jijjiiramne ummata oromootiif Ibsuu barbaanna. Dhiibbaan Irratti yaalamaaru kun kan Irraa hin dhaabanne ta’ee nuti Gamtaan Qeerroo Shaallaa afoo dhaabbachuuf Qophiidha.
2) Worroonni Diinatti Harka Naqatanii Dhaaba Kabajamaa Kana Maqaa Xureessuuf Yalaa Jiran Akka Irraa Of Qusatan Gadi Qabnee Ibsinaaf.
3) Akkuma Ibsa Keenna Tana Dura Guyyaa 13/10/2013 Baafne Keessatti Dubbanne Ammas Furmaanni Sanuma Waan Ta’eef MCBO/ABO’N Baase Nutti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Ni Deeggarra Cinaa Ni Dhaabbanna.
4) Itoophiyaa Ofiinuu Diigamte Ijaaruuf Leellistoonni Sirna Minilik Oromoo fi Oromiyaa Irraa Qabeenya Saamaa Jirtu Ni Balaaleffanna. Nutti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Afoo Dhaabbatuufis Qophiidha.
5) Murnoonni Hayyu Duree ABO Jijjiirre Jechuun Olola Hin Fakkaanne Hafarsaa Jiran Akka Irraa Of Qusatan Yaamicha Dhiheessinaaf.Irraa Of Qusatuu Bannaan Nutti Gamtaan Qeerroo Shaallaa Dhiibbaa Dhaaba Oromoo Haqaaf Qabsawe Irra Qoodamuuf Qophiidha.
6) Mootummaan Ofiifuu Sirni Aangoo Isaa Al-Heerummaa Harkaa Ta’e Gantoota Fayyadamee Adda Bilisummaa Oromoo Diiguu Akka Hin Dandeenye Yaadachiisuu Barbaadna. Yaadni Isaan Itti Jiran Kunis Abjuu Hirriba Keessaa Ka Yoo Ka’an Dhaban San Ta’uu Hubachiifna.
7) Filannoo Marsaa 6ffaa Mootummaan Bilxiginnaa Hayyoota Oromoo Jawar Mohammedii, Lammii Beenyaa fi Kumaatama Hidhee Ofuma Qofaaf Dorgomuuf Kajeelu Kana Ni Balaaleffanna. Akkuma ABOn Tana Dura Ibsaan Akeeke Hayyoonni Oromoo Hiikamanii Dirreen Siyaasaa Baldhatee Mariin Biyyoolessaa Geggeefamuun Falli Biyyattii Murteessaa Akka Ta’e Ibsuun Feena.
8 )aqaa Ol’aantummaa Seeraa Kabachiifna Jedhuun Ilmaan Oromoo Oromiyaa Eddoo Garagaraatti Ajjeesaaru Shiftaa Bilxiginnaa Ni Mormina Afos Ni Dhaabbanna.
Gamtaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Shaallaa Irraa
Injifannoon Ka Ummata Baldhaa Oromooti!
Bitootessa 19/2021

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s