Kora sabaa seeraan alaa maqaa ABOn waajira gulalleetti gegeefame ni mormina. Ibsa Miseensota ABO Koonya Wellington New Zealand.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn dhaaba roorroo, cunqursaa fi gidiraa saba Oromoo keessaa dhalatee dha. Dhaabni cunqursaa fi roorroo keessa dhalate kun guyyaa hundeefama isaarra eegale saba oromoo biratti jaalalaa fi kabaja gudda horachu bira darbee akka agartu ijaatti ilaalama. Haata’u malee diinni saba keenyaa Oromummaa fi Oromiyaa dhabamsisuuf kallachi QBO ABOn utuu jiru akka hin dandeenye waan hubateef ABO ballessuuf keessa fi alaan itti duula turus, ABOn laphee saba oromoo keessatti mallatteefame waan jiruuf ooma gochuu hin dandeenye.
Dhaaba keenya ABO diigudhaaf mootummoonni impaayer itiyoophiyaa hundi waan dan’an hunda gochaa turan har’as itti jiru. Aluma kanan Paartii Bilxiginnaa,kan humna mootummaa biyyichaa waan hundaan dhuunfate jiru dhaaba keenya ABO filannoo keessaa dhiibee waan baasef hiree kanatti fayyadamuun namoonni muraasni dantaa mataayyaa fi gareen booji’aman haala sabni keenyaa keessatti kufee jiru moggaatti dhiisuudhaan dheebuu aangoo fi dantaa adda addaan summaa’anii walitti qabudhan kora saba akka goodhan jiran yeroo dhageenyu bayyee gadiine, Korri kun kora seeraa fi heera ABO fallesu waan ta’eef saglee gutuudhan ni balaalefanna.
Dhaabni keenyaa haala rakkoo hamtuu hidhaa, ajjeechaa fi adamsuu paartiin Bilxiginnaa miseensotaa, hooggantootaa fi qondaalota ABO fi waluma galatti sabboontota Oromoo, keessatti raawwatamaa tureef yeroo adda addaatti Boordii Filannoo Biyyoolessa Xoophiyaaf kan gabaasaa turee ta’un beekamdha.
Ha’tau malee debiin argame hinjiru. Wari diina keenya Yoo ABO’n bade malee. Yoo ABO ajjeefne qofa. Yoo ABO qotnee awwaalle nagaa arganna!..” jedhu. Kanaaf hojiin guyyuu isaanii sanuma. ABO balleessuu. ABO dhabamsiisudha. Abjuu hiika hinqabne,Kan milkoomni isaa maseene jeenne amana.
Kanaaf degertoonni, miseensonni, qondaalonni fi hoogantoonni ABO waluma galatti degertoonni QBO gocha farrimmaa PPn Oromiyaa fi Saboonummaa Oromoo diigudhaaf gochaa jirtu Waan ta’eef yeroo kamiyyu caala irbuu keenya haaromfachuudhan tokkummaa jaarmiyaa keenya jabeess fi harka walqabanne haa jabaannu jenna.

 

Injifannoon Ummata Oromoof!!!
Bitootessa 14/2021
Wellington New Zealand.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s