IBSA EJJENNOO MISEENSOTA ABO KONYAA OSLO

Kora sabaa seeraan ala maqaa ABOtiin waajira Mummee ABO Gulalleetti gaggeeffame ni mormina.

Hookkarri gantoota keessaa fi tika mootummaan qindaa’e guddatee guyya Bitootessa 13, 2021 Kora Sabaa Hooggantooti, Miseensotni fi Deggertootni Adda Bilisumma Oromoo kamuu irraa quba hin qabne “Kora Sabaa ABO geggeeffanne” jechuun bifaa Ummata Oromoof arrabsoo ta’een gartuun armaan ol maqaa dha’ame gad ba’u isaa  beekameera. Gantootni dantaa fi garaaf of gurguran muraasni maqaa dhaabichaa fi galfata kana dura Kora Sabaa 4ffaa irrattis itti kenname meeshaa godhachuun tika mootummaa PPtti hirkachuun gantummaa dhiifama hin qabne raawwataniiru.

Ammas akkuma kaleessaa shirri keessaa fi alaa dhaaba keenya waliin akka jiru ifatti mul’ataa jira. Bu’aa qabsoo dhaabni keenya galmeessaa as ga’e kana dabarsanii diinaaf kennuu fi boodatti deebisuuf murnoonni maqaa “Hooggana dhaabaa” jedhuun diinatti hirkitanii jeequmsa babal’isaa turan, waajjira ABO muummee Finfinneetti argamu humna tikaa fi poolisaan cabsanii seenuun, darbees isaanumaan eegamaa “Kora Sabaa ABO gaggeeffanna” jedhanii as bahan. Kun hedduu saalfachiisaa fi qaanessaa ta’uu isaa hubanna.

Dhaaba roorroo ummata Oromoo irra jiru irraa qolatee mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachisuuf qabsoo bara dheeraa wareegama qaalii itti kaffaluun ABO bakka har’a jiru kana gahe kana diiguuf diinni takkaa aara galfatee hin beeku. Dhaabni Bilisummaa Oromoo ABOn hamma ummanni Oromoo dachii kana irra jiruutti tasa akka hin diigamnes hin dhabamnes shira farreen sirna nafxanyaatti hirkattee bara baraan xaxuu dabalatee diinni hinkaa oromoo dhaabbataa hundi ni beeku. Walgahii maqaa kora sabaa ABOn waamame kana irratti basaasoti PP hedduun akka irratti hirmaatan waan dhoksaa miti. Ummata keenya, hoggantoota, qondaalota, miseensota, deggertoota ABO fi ummata oromoo basaasanii mana hidhaatti guursisaa turanii fi ajjeessisaa jiraatan guuranii fidanii hoggantootaa qondaalota ABOti jedhanii gantummaa fi farrummaa isaanii ifatti agarsiisaniiru.

 

Nuti misensonni ABO Konyaa Oslo gochaa seerdhablummaa murni diinaan bitaman kun godhan ni balaaleffanna..Ummatni Oromoo kana hubatee akka dura dhaabbatuu fi Injifannoo Dhiigaa fi Lafee itti cabsee argate kunuunfachaa,kaayyoo gootowwan keenya itti wareegaman xumura akka itti godhatu dhaammanna .

 

Itti fufuunis:

 

  1. Adeemsa murna maqaa Hooggana dhaabaan faallaa qabsoo bilisummaa Oromoo deemu kana saaxiluun, ABOn yeroo adda addaa qaamota dhimmi ilaallatuuf ibsa kennaa fi beeksisaa turus deebii dhabuu caalaa ,rakkoolee keessaa fi alaan dhaabicha mudatan furmaata soquuf tattaaffii dhaabni keenya gochaa ture dinqisiifachaa mootummichi qabsoo karaa nagaa irratti walii galame cabsuu fi dirree dimokirasii dhiphisuu isaa hawaasni keenyaa fi qaamni idila-addunyaa akka hubatuu fi mootummaa seer-dhabdee kana irratti dhiibbaa akka godhu
  2. ABOn Kora Sabaa geggeeffachuuf waggaa darbe Gumii Sabaan murteessee, koree itti hundeessee hojjachaa akka jiru beekamaadha. Haata’u malee murni seeraa fi sirna dhaabaa kun aadaa dimokrasi ABOn qabu kana cabsee Kora Sabaa maqaa dhaabaatiin gaggeessuuf yaale, seera dhaabaa kan cabsee fi sirna dhablummaa kan afeeru ta’uu hubannee jirra; sababa kanaan teessoon murna fincile kanaan godhame kamiyyuu fudhatama hin qabu; duras ni dhaabbanna.

 

  1. Murni kun tika murna mootummaa ofiin jedhutti hirkatee hookkara dhaaba keessatti uumamee fakkeessee ololaa oofaa jira. Haa ta’u malee murni kun namoota qubaan lakkaawaman maxxantummaa “Biltsiginnaa” fi mootummaa qabatanii fiixa-ba’insa qabsoo Oromootti gufuu ta’uuf warra deeman ta’uu uummanni keenyaa fi lammiileen Oromiyaa hubatee furmaanni kanaa qaama mirga isaaf falmu, mootummaa ofii dhaabbachuu ta’uu hubatee, deeggertoonnii fi firoottan qabsoo Bilisummaa Oromoo hanga Oromiyaan bilisoomtutti ABO waliin ta’uun haqaaf akka falmatan gaafanna

 

  1. Dirree siyaasaa dhiphisanii ABO filmaata keessaa dhiibuun baasuu bira taranii shira xaxuun rakkoo biyyattii wal-xaxaa sana daranuu ammeessuun ummata Oromoo fi ummattoota biyyoolessa Oromiyaa addatti ummata Xophiyaa walii-galatti balaa guddaaf saaxilamee jira. Kanaaf ummati keenyaa fi lammiileen Oromiyaa yaada”Mootummaa Ce’umsaa Biyyooleessaa ” ABOn labsee KFOn deggere milkeessuuf keessaa fi alaan akka hojjennu waamicha keenya dhiheessina

 

Konyaa ABO Oslo

18.03.2021

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s