Ibsa Ejjennoo QBO Magaalaa Finfinnee fi Naannawaa finfinnee Irraa Kenname.

“Maal haa Baasuuf Dhama Raasuu?”

Bitootessa 18/2021
Addi Bilisummaa Oromoo Haqa oromoof falma taasisuun Eenyummaa fi Kaayyoo jabaa ilma namaatti hore. ABOn dhaaba sabichaaf daandii qabsoo ta’ee mul’atedha. Haala rakkisaa fi wal xaxaa hedduu keessatti, wayita hin mijannee fi gammoojjii hamaa keessatti bakka oromoo hundaa bu’uun dhaaba Gaachana Oromoo ta’uun qabsoo hadhooftuu gaggeessaa turee; har’a gahedha. Adda Bilisummaa Oromoo Balleessuuf haalotni hedduun xaxamaa fi kiyyeeffamaa turaniiru; garuu itti hin milkoofne. Sababiin isaa dhugaan hawaasa oromoo ABO keessaan mul’ataa ture; jira. Addi Bilisummaa Oromoo miidhamaa fi rakkoo Saba oromoo akkasumas saboota cunqurfamoof falma haqaa gaggeessaa ture, itti jira.
ABOn dharraa Aangoo fi Badhaadhina jireenya dhuunfaaf osoo hin taane rakkoo jireenya hawaasaa, haala biyyaa fi fuulduree saba keenyaaf fageessee hubachuun dhaaba qabsoo Bilisummaa Gaggeessudha.
Addi Bilisummaa Oromoo Bilisummaa haqaa malee bilisummaa raqaa/garaaf, waan dhuunfaa fi yeroof bakka kennee adeemuu hin amaleeffanne. ABOn Dimokiraasii dhugaa hawaasni ittiin dhimma bahu akka jiraatuuf yeroo hunda gaaffiin uummataa akka deebii argatu tumsa. Qabsoon Bilisummaa oromoo milkiin akka goolabamuuf wareegama barbaachisuun itti ture; har’as itti jira.
Waan Gantoonni maqaa ABO tiin kora Sabaa taasisne jedhanii burjaajjii uuman ilaalchisee ibsa ejjannoo QBO Finfinnee fi Naannawaa ishee irraa kenname:-

1. Maqaa ABO Maxxanfachuun daldalli taasifamu dhaabbachuu qaba. Maqaa Kora sabaa jedhuun Gareen Kora Sobaa wal waamee mooraa qabsoo bilisummaa oromootti danqaa uumaa jiraachuun beekamaadha. Adda Bilisummaa oromoo dadhabsiisuuf kan qiyyaafatan gareen Hiltonitti gurmaa’e taatee seenaa fi seeraan nama gaafachiisu dalageef gaafatama jalaa hin bahu. Wayita Oromoon, Hoggantootni paartilee siyaasa oromoo, Waajjiraaleen Paartilee Siyaasa Oromoo, fi Miseensi Dhaabichaa rakkoo hammaataa jala jirutti filannoof haala mijeeffachuun garee Hilton Rakkoo hawaasaa irra mijuu dhuunfaaf hangam bulanii akka jiran mul’isa. Yaaliin fottoquu isaaniis kanuma akeeka.
Gareen Dugda mootummaatti gatachuun ABO dhiibuuf yaalu abjootummaa halkan cillimaa keessa akka jiru beekuu qaba. Cillima sanaan dhidhimuun isaa hafa hin qabu. Murni kun taatee isaarraa yoo of hin qusanne gaaga’ama dhufuuf gaafatamaan isaan ta’uu beekuu akka qaban beeksifna.
2. Mootummaaf:- Mootummaan shira Oromoo fi dhaabbilee siyaasa oromoo irratti taasisu dhaabuu qaba. Mootummaan Jarreen Hoteela Hiltonii fi bakkee garaagaraatti gurmeessuun Adda Bilisummaa Oromoo irratti yaalii diigumsaa gaggeessaa tureera. Namoota gurmeessee waajjira Muummicha ABO Gullalleetti teessisuun jibbinsa isaan ABOf qaban mul’isa. Wanti gidduu kana Warri Hilton Waajjira ABO Guullalleetti tikaa fi Waraana mootummaan deeggaramuun taasisan gama kamiinuu fudhatama hin qabu. Murni Hilton fi Paartiin Bilxiginnaa Gocha Heeraa fi Seera ABO cabse raawwatanii jiru. Heeraa fi seera cabsanii nama kaanitti quba qabuun hin taatu. Mootummaan Hawaasa Walqixa tajaajiluu fi paartilee siyaasaaf wal qixa akka socho’aniif dirree sochii banaa taasisuun irra jiraata. Mootummaan Hidhamtoota Siyaasaa yakkee hidhe hiikuu, Waajjiraalee paartilee siyaasaa banaa gochuu, dararaa, doorsisaa fi hidhaa hawaasa keenyarraa dhaabuu qaba. Mootummaan shira xaxuu irraas of qusachuu qaba. Mootummaaan Dambii/seera ABO cabsuun garee muraasa faayidaan sossobuun taateen raawwate; bakka hundatti raawwachaa jiru balaa guddaa biyyattiitti uumuu waan maluuf akka irraa dhaabbatu hubachiisna.
3. Boordii Filannoo Biyyoolessa Itoophiyaaf; – Boordiin Filannoo Seera maleessummaa raawwate kana karaa seeraa fi haqa qabeessaan ifatti saaxiluu akka qabu gaafanna. Xalayaan Addi Bilisummaa Oromoo irra deddeebbiin galche murnaa fi shira Warra Hiltonitti gurmaa’ee fi mootummaan deebiin itti hin kennamiin tureera. Boordiin filannoo Qaama waloo kan Paartilee hundaa ta’uu malee afaan mootummaa ta’ee dhugaa fi haqa hawaasaa akkasumas kan paartilee siyaasaa danquu hin qabu. Kanaafuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa dhimma Hidhamtootaa, Waajjiraalee Paartilee siyaasa cufamanii jiranii fi Miseensota hidhaa hamaa keessa jiraniif kallattii kaa’uu qaba. Kana osoo hin furiin Filannootti Hirmaadhaa jechuun gama kamiinuu fudhatama kan hin qabnedha. Adeemsi akkanaa balaa guddaa biyyttiitti kan harkisu ta’uu Boordiin Filannoo Biyyoolessa Itoophiyaa beekuu qaba.
Gocha Mootummaan Filannootti hirmaachuuf rakkatee jara gurmeesse qixa seera hin qabne waan ta’eef Boordichi callisee ilaaluu hin qabu. Boordiin ilaalcha paartii gam tokkee goree kaan dhiibuu akka hin qabnes jabeessinee dhaamna. Dhumarratti Boordiin Filannoo hojii isa ilaallatu hojjechuun haqaan hunda tajaajiluu akka qabu akeekna.
4. Hawaasa Oromoo Bal’aaf:- Gareen Gurmaa’ee mootummaatti of waamuu fi Murni isaaniin ijaaramee Hoteela Hilton Maandheffate shira guddaa oromoo fi Paartilee siyaasa oromoo irratti xaxaa jiraachuu bira geenyeerra. Wanti Oromoo duraa dhokate hin jiru. Wanti oromoon argate hin jiru. Wanti Oromoon itti gowwomfamuufiis hin jiraatu. Uummanni keenya bal’aan taatee amma ABO irratti aggaamame kana hubannoon ilaalee kallattiin wal aanjessuu qaba. Shirri yeroo garaagaraatti Maqaa ABO xureessu hawaasa keessaatti hubannoo hawaasichaan fashalaa tureera. Dhugaan uummatichaa haqa ABOn labsuu fi qabsoo ABOn taasisuun kaayyoo fi galma tokko waan qabuufi. Kana hubachuun Hawaasichi Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waliin ta’ee Heera, Seera, Akeekaa fi Kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo akka galmaan gahu dhaamsa keenya kabajaa dhiyeessina.
5. Qeerroo fi Qarree Bilisummaa Oromoo Hundaaf: – Qeerroo fi Qarreen utubaa qabsoo oromoo ta’uun wal nama hin gaafachiisu. Haala biyyittiin keessa turte keessatti Qabsoon qeerroo fi Qarree olaanaadha. Wantoota dhugaa fi haqa irraa daban sirreessuuf, hubannoo lammii horuuf, Warraaqsa qindeessuu fi kkf shoorri Qeerroo fi Qarree guddaadha. Wanti kana kaasuun barbaachiseef waan mootummaan itti jiruu fi Murni shiraaf bu’uurate taasisaa jiru qixa kamiinuu dhugaa irraa kan fagaate waan ta’eef akka hubattanii hawaasa keessan hubachiistan dhaamna. Mootummaan Adeemsa ofii tolfachuutti Hoogganoota paartilee siyaasa oromoo, Waajjiraalee, Miseensotaa fi Dinqisiifattoota isaanii rakkoo hamaa keessa galchee jira. Haala kana keessatti ofii warra isa fakkaatan hiriirsee filannootti hirmaachuuf Dhaabota Akka ABO dhiibaa jiraachuu, diiguuf yaaluun hunda keenyaafuu ifatti hubatamuu qaba. Mootummaan har’a lammii keenyaa fi hogganoota keenya dararaa jiru akkamiin boru filatamee rakkoo hawaasaa furuu danda’a?
Kanaafuu Qeerroo fi Qarreen hundaa ol hubannoo fi kutannoon paartilee siyaasaa oromoo fi dhugaa Oromoo tumsuu akka qabnu waamicha keenya kabajaa dhiheessina.
Walumaagala Shirri Mootummaa fi Murni Hilton ABO irratti xaxan dhaabicha dadhabsiisuuf kan aggaamame waan ta’eef hanga Korri sabaa Heeraa fi Seera isaa eeggate gama dhaabaan waamamutti haamilee keenya jabeessinee Hayyu duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waliin Qabsoo keenyaa akka itti fufnu ibsa baasne kanaan isiniif dhaamna
Injifannoo Ummata Oromoof‼️
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Finfinnee fi Naannawaa Finfinnee.
Bitootessa 18/2021

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s