ABOn Galma Gogaa Harree Irraa Ijaarame Miti.

Ibsa Hogganoota ABO Biyya Alaa

Addi Bilisummaa Oromoo(ABO)n erga duree fi kallacha qabsoo Oromoo ta’ee dantaa saba Oromoo fi saboota cunqurfamoof falmaa hadhooftuu gaggeessuu eegalee waggoota 40 ol lakkoofsisee jira. Baroota kana keessatti ummata Oromoo gabrummaa akkaan hadhaawaa keessaa baasee ifatti muldhisuu fi tarree saba adduunyaa galchuuf wareegama ulfaataa baasaa asiin gahe. Sabni Oromoo dhiittaa fi cunqursaa akka malee keessatti kan kufee ture falmuuf jacha qabsaawotii fi sabboontoti Oromoo ABO jalatti wal gurmeessuun qabsoo karaa hedduu gaggeessaa injifatnoo irraa jalaan ummata Oromoo ifatti baasaa fi jireenya sabaa mul’isaa dhufee asiin gahee jira.

Haala kana keessatti qabsoo Oromoo ABOn gaggeeffamu danquufis ta’e doomsanii karaatti hambisuuf jecha diinonni farra qabsoo Oromoo fi gabroomfattooti shira keessa ABO itti xaxuun dhaabicha diiguuf baroota dheeraa irratti hojjechaa asiin gahan. Lola ifatti kallattiin irratti gaggeefamu injifachuu fi eenyummaa Oromoo aduunyaa biratti dhageettii argate duubatti deebisuu yeroo dadhaban humna diinagdee, humna tikkaa fi waraana qabaniin bobba’anii loote seentota ABO keessatti ergachuu fi gariis kan dantaa sabaa irra dantaa dhoksaa keessaaf dhaabbate kaadhimachuun shiroota adda addaa xaxaa asiin gahanii jiru. Shiroota ABO diiguuf irratti xaxamee aggaammiin baroota adda addaa keessatti kan eegale yeroo ta’u,gantootnii fi ayyaan laallattooti dhaabicha diiganiis ta’u bakka lamatti baasanii harka diinaa galchuu yaalan hundi tokkoon isaaniituu kan milkaa’an hin jiran, gareenis ijaaramanii akka dhuunfaatti diinatti galanii duula ABO fi hoggana isaa irratti yoo banan iyyuu milkaayanii ABO diiguu hin dandeenye.

ABOn dhiigaa fi lafee qabsaawotaan ijaaramee dhugaa fi haqa ummata Oromoof kan qabsaa’u waan ta’eef, qabsaawotaa fi hogganoota jajjaboo of wareeganii ummata isaaniif dhaabbatan waan qabuuf, ABOn kaayyoo eenyummaa Oromoo irratti hundaaye hiddi isaa gadi jabaa waan ta’eef akka dhaaba kamiinuu waan gantuun gareen wal ijaartee salphaatti diigamu akka hin taane seenaan isaa dhufaa darbaa ni mul’isa. Yeroo ammaa kanaas shiroota TPLF/EPRDF irraa barataniin gareen PP fi harcaatuun sirna nafxanyaa leelliftu ABO fi Oromoo irratti shira xaxuun qabsoo ummata Oromoo irraa duubatti deebisuu fi filmaata biyyooleessaa kan 2021 irraa hanqisuuf ergamtoota ABO itti duulchisanii akka ABOn diigamee bakka lamatti bahe fakkeessuuf dabballooti PP dhiichisaa jiran argina. Haalli akkasii sirna dhablummaan heera dhaabaan alatti gareen dantaaf bitame wal ijaaree maqaa hoggana jijjiruu fi dhaabicha haaromsina jedhuun ammaan duraas marraa lama sadii dhaaba kana keessatti ta’ee marti isaaniituu diina harkatti kufanii hafan.

Gareen ammaas PP fi laliftoota sirna nafxanyaa duraaniin gaggeefaman kun hoggana dhaabaa namoota 45 keessaa kan namoota lakkooysaan Sadeeti (8) hin taaneetu waajjira ABO muumicha, Gullallee humna waraanaa, tikaa fi poolisaan dhuunfatanii hoggana dhaabaa haarawa filanne jedhanii dabballootni PPn labsan sirna dhablootaa fi gantoota qabsoo ta’uu isaanii guutummatti mirkaneessina. ABO dhiigaa fi lafee qabsaawota Oromoon waan ijaarameef hundeen isaa gadi fagoo waan ta’eef shirraa fi duulla kamuu kan itti dhufe qabsaawota fi hogganoota of irraa qolatanii ABO jiraachisaa qabsicha injifannoon geessan hundi dhaaba kan keessatti biqile. Shirri fedhehuu yeroo fedhetti ABO diiguu akka hin dandeenye dabballootaa PP fi laliftoota sirna nafxanyaaf dhaamna.

Walumaa galatti,haala kana hubachuun ummanni keenya, firoottan QBO fi qabsaawoonni hundi bakka jirtanitti wabii dhaaba keessanii ta’un haala kana dura dhaabbachuu keessaniif isin galateeffachaa, fuulduraafiis akeeka diinaa fi farreenii fashalsuuf tokkummaan dhaaba keessan ABO akka qaroo ija keessanitti tiikfattan dhaammanna.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Miseensota Hogganoota ABO Biyya Alaa

Bitootessa 17,2021

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s