Monthly Archives: March 2021
Must Read–Dhibbaa Chaartera keessaa ABO dhiibee baase
– Bara Chaarteraa rakkoof gaaga’ama ABO irra gahe.ABOn Galma Gogaa Harree Irraa Ijaarame Miti.
Ibsa Hogganoota ABO Biyya Alaa
Addi Bilisummaa Oromoo(ABO)n erga duree fi kallacha qabsoo Oromoo ta’ee dantaa saba Oromoo fi saboota cunqurfamoof falmaa hadhooftuu gaggeessuu eegalee waggoota 40 ol lakkoofsisee jira. Baroota kana keessatti ummata Oromoo gabrummaa akkaan hadhaawaa keessaa baasee ifatti muldhisuu fi tarree saba adduunyaa galchuuf wareegama ulfaataa baasaa asiin gahe. Sabni Oromoo dhiittaa fi cunqursaa akka malee keessatti kan kufee ture falmuuf jacha qabsaawotii fi sabboontoti Oromoo ABO jalatti wal gurmeessuun qabsoo karaa hedduu gaggeessaa injifatnoo irraa jalaan ummata Oromoo ifatti baasaa fi jireenya sabaa mul’isaa dhufee asiin gahee jira.
Haala kana keessatti qabsoo Oromoo ABOn gaggeeffamu danquufis ta’e doomsanii karaatti hambisuuf jecha diinonni farra qabsoo Oromoo fi gabroomfattooti shira keessa ABO itti xaxuun dhaabicha diiguuf baroota dheeraa irratti hojjechaa asiin gahan. Lola ifatti kallattiin irratti gaggeefamu injifachuu fi eenyummaa Oromoo aduunyaa biratti dhageettii argate duubatti deebisuu yeroo dadhaban humna diinagdee, humna tikkaa fi waraana qabaniin bobba’anii loote seentota ABO keessatti ergachuu fi gariis kan dantaa sabaa irra dantaa dhoksaa keessaaf dhaabbate kaadhimachuun shiroota adda addaa xaxaa asiin gahanii jiru. Shiroota ABO diiguuf irratti xaxamee aggaammiin baroota adda addaa keessatti kan eegale yeroo ta’u,gantootnii fi ayyaan laallattooti dhaabicha diiganiis ta’u bakka lamatti baasanii harka diinaa galchuu yaalan hundi tokkoon isaaniituu kan milkaa’an hin jiran, gareenis ijaaramanii akka dhuunfaatti diinatti galanii duula ABO fi hoggana isaa irratti yoo banan iyyuu milkaayanii ABO diiguu hin dandeenye. Continue reading
Kora sabaa seeraan alaa maqaa ABOn waajira gulalleetti gegeefame ni mormina. Ibsa Miseensota ABO Koonya Wellington New Zealand.
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn dhaaba roorroo, cunqursaa fi gidiraa saba Oromoo keessaa dhalatee dha. Dhaabni cunqursaa fi roorroo keessa dhalate kun guyyaa hundeefama isaarra eegale saba oromoo biratti jaalalaa fi kabaja gudda horachu bira darbee akka agartu ijaatti ilaalama. Haata’u malee diinni saba keenyaa Oromummaa fi Oromiyaa dhabamsisuuf kallachi QBO ABOn utuu jiru akka hin dandeenye waan hubateef ABO ballessuuf keessa fi alaan itti duula turus, ABOn laphee saba oromoo keessatti mallatteefame waan jiruuf ooma gochuu hin dandeenye.Akeeka kaayyoo diinaa, gantoota fi shira alagaatin ABO hin diigamu ! Ibsa ejjennoo Miseensota fi Degartoota (ABO)
Shirri Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn geeggessamaa barootaa 40 oliif mootummoota dhufaa darbaa Impaayera Itoophiyaan taasifama tureera. Gochaan kun Ummata Oromoo fi qabsaa’ota ABOf haaraa ta’uu baatullee humnootiin diina bara baraan shira kana bixxilan gantoota dhaabicha keessaatti dhoksaan jiraataniin gargaaramuun badiin ta’u seenaa gantummaa hin dhaabbannee ta’ee itti fufee jiraachuu isaati. Bifuma Kanaan Qabsoo hadhooftuu barootaa dheera booda Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo kara nagaa geggeessuuf carraa argame jedhameen qaama mootumma ofiin jedhu waliin wal tai’insaa uumee baroota lamaa fi walakka darbaniif tattaaffi addunyaanu dinqisiifatte gocha as ga’e jira.“ Gaangeen haada kutte jennaan ifittuu gabaabsite” IBSA MISEENSOOTA ABO KUTAA DHIHA USA
ABOn dhaamsa gootota keenyaati tiksun dirqama dhalootaati fi seenaati. Addi Bilisummaa Oromoo kan jaarameefi abbaa humnnaa fi qabeenya qabu irratti hirkatani namattis walittis roorrisuf miti. ABOn kan jaaramee dhugaa barbaaduf kitima tahuu fi humna dhabaa fi degaa irroomsani rorroo jalaa baasufi. Dhaabni keenya gaafa ijaaramu naamuusaa fi sansakkaani isaa heddu ol ka’aadha, hodaa fi safuu qaba. Waanti Bitootessa 14 fi 15,2021 maqaa hoggana ABO dhahachuun Korri shiraa fi seeraan ala waajjira ABO Gulaletti gantootaa fi tikoota PPn godhamuu yeroo dhageenyu heddu gaddine, ofittilee qaanfanne.Ibsa ejjennoo jaarmiyaa ABO kutaa Kaanaadaatti konyaa konyaa Magarsaa Barii, Vancouver, BC
“Hogganaa Oromoo Jaallee Daawud Ibsaa” Wallee haaraa Artist Addisuu Kaarrayyuu. 2021
Aaga (guyyaa gootota Oromoo Eebla 15 ilaalchisuun)
Kabaji guyyaa gootaa Oromoon bakka maraa kabaju Eebla 15 as adeemaa jiru ayyaanota Dachaa ABO kabajaataa ture keessaa isa tokkodha. Guyyaa siidaa seenaa ta’ee laphee Oromoo keessatti hafedha.Gantoota ABO Keessaa PPn Ijaarratte Ilaalchisee Ibsa Ijjennoo Miseensota ABO Konyaa Victoria, Australia
(Oromedia, 15 Bitootessa 2021) Miseensonni ABO Konyaa Victoria gochaa sirna dhablummaa dhaabicha diiguuf taasifamaa jiru balaaleffatan; ummatni Oromoos daba humnoota diiggaa raawwataniin gaggeeffamaa jiru beekanii akka dura dhaabbatan waamicha godhaniiru.
