
Minseensonni ABO biyya Australia, Konyaa Victoria keessatti argaman walgahii hatattamaa Dilbata kaleessaa, Bitootessa 14 bara 2021 gaggeessaniin akka hubachiisanitti, sirnaa fi heera ABO cabsuun gochaan diiggaa raawwatamu kamiyyuu fudhatama hin qabu.
“ABOn jaarmiyaa walabaa, heera, seera, sagantaa siyaasaa fi kaayyoo naamusaa qabu dha,” kan jedhan miseensotni ABO, sababa kanaan diiggaa keessaa fi haleelllaa alaa yeroo addaddaa itti aggaammatamaa ture irraa hafee, ummata Oromoo sadarkaa olaanaatti dammaqsuu isaa yaadachiisan.
“Diiggaan murnoota fedhii alagaa guutuuf hojjataniin yeroo ammaa ABO irratti gaggeeffamaa jirus akkuma kanaan duraatti maseenee hafa,” jedhan miseensonni ABO.
Itti dabaluunis, murnoonni gochaalee badii irratti bobba’anii jiran, guyyaa darbuuf jedhuuf seenaa isaanii akka hin xureessine gorsa jaallummaa dabarsaniifii jiru.
“Miseensonni ABO akkuma kanaan duraatti harka walqabachuun shiroota keessaa fi alaan dhaabicha irratti gaggeeffamu qolachuu fi injifannoo caalu galmeessuu qabu,” jedhan miseensonni ABO Konyaa ABO Victoria.
Ummanni Oromoos humnoota aadaa, seenaa fi seera Oromoo cabsuun diinaaf ulee ta’an hubatee, shira isaanii fashaleessuu irratti qaruuxummaan akka hirmaatu waamicha godhaniiru.
Miseensotni ABO biyya Victoria marii bal’aa gaggeessan kana irratti ibsa ejjannoo deeggarsa hoggansa ABO sirnaa fi heeraan filameef qaban ibsuu fi shira diinaaf bultoonni gaggeessaa jiran balaaleffatu of keessaa qabus baafatanii jiru.
ABOn dhimma kana irratti ibsa baaseenis gochaan seeraan alaa, haqa maleessaa fi shirri siyaasaa ABO irratti raawwatamu biyyattii gara jeequmsa guddaatti akka geessu akeekkachiiseera.