Aaga (guyyaa gootota Oromoo Eebla 15 ilaalchisuun)

May be an image of textKabaji guyyaa gootaa Oromoon bakka maraa kabaju Eebla 15 as adeemaa jiru ayyaanota Dachaa ABO kabajaataa ture keessaa isa tokkodha. Guyyaa siidaa seenaa ta’ee laphee Oromoo keessatti hafedha.
1. Guyyaa hogganni dhaabicha HD ABO dabalatee dureewwan ABO dilli itti aarsaa lubbuu kaffalan, kan hanga har’aa qabsaa’oto bilisummaa itti wareegaman waliin yaadatama
2. Guyyaa hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan bara 2011 irraa qabetu ittiin kabajama.
Kan miilanaa bifa hawwataaf abdachiisaan eegamaa kan jiru irrattis ABO’n Oromoota aarsaa lubbuu kaffalaa as gahan keessattuu seenaa onnee Oromoo keessaatti caaphefamee hafe biraa itti dabaluun bara kana irraa qabee kabajuuf jira.
Kunis Eebla 15 GGO keessatti “guyyaa yaadannoo wareegamtoota Calanqoof Aanolee” ayyaana dachaa kanatti dabaluun kabajachuuf jira.
Oromoonni biyya alaaf biyya keessaa guyyaa wareegamtoota keenya Calanqoof Aanoolee bara kanaan booda dhaabbataan ABO waliin kabajuuf gahuu keessaniif aaga isinii yeroon himu gammachuu waliini.
Eebla as adeemaa jiru kanatti, wareegamtoota keenya ilmaan Oromoo Minilikiin Harmaaf Harki Murame seenaa isaanii wal yaadachiisaa kabajuuf qophiin eegalamu hawwataa ta’uun ammoo abdii guddaa kan qabsaa’ota bilisummaa keessaatti uume ta’uun asumaan eera.
Wareegtoota jumulaan ilmaan Oromoo irraa shiftaa Minilikiin daguugaman yaadachuun qabsoo bilisummaatti goolaba gochuun imimmaan saba keenyaa qoorsuu ta’uu akka wal hubachiifnun dhaama!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s