Qalbeessaa Dhangi’aan
Adooleessa 27,2018
Finfinnee Oromiyaa
Seensa
Uummanni Kuush/Kuusaan waggoota hedduun duras cunqursaarra tureera. Seenaan isaas hatamaa yoona gaheera. Kaawwan ammoo gubamaa yoona gahan. Waa’ee Kuush barreessitoonni maal jedhu.
Obbo Birruu Tsaggaayee kitaaba isaanii keessatti waa’ee saamicha uummata Kuush irra gahaa ture haala kanaan ibsu “Araboonni yeroo Afrikaa Kaabaa weeraranii babal’ataa turanitti kitaaba Misir saamanii biyyatti fe’ataniin gamatti kan guban ji’a jahaaf (6f) halkanii guyyaa akka boba’e seenaan galmeesseera. Piraamidoota Nuumiibiyaa fi Misir keessa jiran dachaan kan caalan kan mancaa’an warra seenaa sana hinojjeenneeni. Fakkii dubartii (Sphinx) kan yaadannoo Asiisif (Asete-Ateete) tolfame san Naappoliyoon Boonappaartii madfiidhaan jigsiisef inaaffaa jibba sanyiitiin qabamee yoo ta’u siidaa guddaan kun yoo lafarratti hafe ragaa guddaa sagalee hinqabne warra hojjeteef ta’a jedheeti. Aleeksaandar guddichi Giriik barruu waa’ee mootota Misir san duraa barreeffamee kaa’ame barruu waggoota kuma hedduu hanga danda’e saamee fudhatee jira” jechuun ibsa. Continue reading
Monthly Archives: July 2018
SQ- Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 27/2018
Aside
Haratoo,Horroo Guduruu Keessatti Dambi Dolloo fi Oromiyaa Bahaatti Duula Ummata Oromoo Irratti Baname Mormuun Hiriira Bahame.
Aside
SBO: Adoolessa 27, 2018. Oduu, Ajjeechaa Aadde Biraanee Maammoo Irratti Raawwatame balaaleffachuun Ibsa ABO Irraa Laatame, Kora Gamtaa ABO Ameerikaa Kaabaa Kutaa Koloraadoo Ilaalchisuun Gabaasa Qophaahe fi Gabaasa Oduu.
Aside
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Aside
Daldalli Siyaasaa Tokkummaa Uummata Oromoofi Addatti Tokkummaa Qeerroo Dargaggoota Oromoo Cabsuuf Maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ Jedhuun Gaggeeffama Jiru Atattamaan Dhaabbachu Qaba.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Yeroo Uummatni Oromoo akka sabaattifi akka Jarmiyaatti wal hubannoofi tokkummaa isaa jabeeffachuun Qabsoo Bilisummaa Orommoo galii isaa isa dhumaa Bilisummaa isaa gonfachuufi walabummaa Oromiyaa mirkaneeffachuuf Carraaqiin inni mayyii gaggeeffama jiru kanatti farreen qabsoo bilisummaa Oromoofi farreen Uummata Oromoo kan ta’aniifi Addatti immoo dinni humna qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ta’ee Qeerroo cabsuufi dadhabsiisuuf maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ jedhuun daldala siyaasaafi shira diinummaa butatee gadi bahaa jiraachuun hubatame jira. Gabaabadhumatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo Qabsoon Bilisummaa Oromoo galii isaa gahaa jiru kanatti shira siyaasaa humna uummata keenyaa cabsuuf aggamamaa jiruufi Oromoon walii isaatiin walitti deebi’ee akka walloluuf , ofii immoo Oromoo wal nyaachisaa bittaa umrii dheereffachuuf karaa dhaaba ergamtuu wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOfi humnoota tikaafi siyaasaa isaanitiin kan gaggeeffama jiru kana fashaleessuuf Ibsa gabaaba itti aanu kana dabarsuun kan akeekaafi kaayyoo diinaa fashaleessuu ta’uu hubachisa!! Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Adoolessa 24,2018
Aside
SBO: Adooleessa 25, 2018. Oduu, Haala Yeroo Irratti Ibsa ABO, Gabaasa Gumaacha Sabboontonni Oromoo WBOf Taasisan Irratti qophaahe fi Sagalee Bilisummaa Oromoo Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
SBO/VOL-Ado. 22/2018) Hiriirr0 mormii barsiisoota barattoota barnoota gannaa Yuniversitii Haramaayaa guyyaa arraa gaggeeyfame
Aside
Hiriira ” Lammiin Lammiif” jedhu Qeerroo Bilisummaan yaame Godina Horroo Guduruu Sulula Finca’atti ta’e.
Aside
Agartuu Qeerroo -Tibbanaa Harkisaa(Gotottaa) Siyyaasaa
Aside
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Adooleessa 21,2018
Finfinnee Oromiyaa
Hordoftoota Agartuu Qeerroo, haalota torbanii barruun akkuma hordofaa turtan kan torban kanaas isiniin gahuufan jedha. Kan fuulduraas xuxxuquu yaalla.
(…Qabiyyee Agartuu Qeerroo har’aa
1. Do’ii/Fiilmii siyyaasaa
2. Waldhuga siyyaasaa
3. Rarraasoo ayyaanlaallattootaa…)
Xiyyoo (Moxobii) dubbii
Adduunyaan keessa jirru addunyaa qabsooti. Qabsoon gosoota bacaqa qabdi. Qabsoon gosaawwaan hedduu keessaa, qabsoo jireenyaa, qabsoo bilisummaa, qabsoo dimokiraasii, qabsoo waa hedduu maqaa dhaanuu dandeenya. Nuti kan ilaallu qabsoo Abbaa Biyyuummaati. Qabsoon abbaa biyyummaa qabsoo gaggeefamu keessaan kan ulfaataa ta’eef wareegama guddaa nama baasisudha. Waan ta’eef namootiin qabsoo abbaa biyyummaa haa jaallatan malee duukaa bu’anii galiin gahuu irratti arcaatiin mumul’achuu mala. Qabsoo abbaa biyyummaa keessatti kuma taatee qabsoof baatee, kudhan taatee jechuun muraasattee galma gahiinsa qabsoo geessa.