Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Daldalli Siyaasaa Tokkummaa Uummata Oromoofi Addatti Tokkummaa Qeerroo Dargaggoota Oromoo Cabsuuf Maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ Jedhuun Gaggeeffama Jiru Atattamaan Dhaabbachu Qaba.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Yeroo Uummatni Oromoo akka sabaattifi akka Jarmiyaatti wal hubannoofi tokkummaa isaa jabeeffachuun Qabsoo Bilisummaa Orommoo galii isaa isa dhumaa Bilisummaa isaa gonfachuufi walabummaa Oromiyaa mirkaneeffachuuf Carraaqiin inni mayyii gaggeeffama jiru kanatti farreen qabsoo bilisummaa Oromoofi farreen Uummata Oromoo kan ta’aniifi Addatti immoo dinni humna qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ta’ee Qeerroo cabsuufi dadhabsiisuuf maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ jedhuun daldala siyaasaafi shira diinummaa butatee gadi bahaa jiraachuun hubatame jira. Gabaabadhumatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroo Qabsoon Bilisummaa Oromoo galii isaa gahaa jiru kanatti shira siyaasaa humna uummata keenyaa cabsuuf aggamamaa jiruufi Oromoon walii isaatiin walitti deebi’ee akka walloluuf , ofii immoo Oromoo wal nyaachisaa bittaa umrii dheereffachuuf karaa dhaaba ergamtuu wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOfi humnoota tikaafi siyaasaa isaanitiin kan gaggeeffama jiru kana fashaleessuuf Ibsa gabaaba itti aanu kana dabarsuun kan akeekaafi kaayyoo diinaa fashaleessuu ta’uu hubachisa!!

1. Warri uummata Oromoo diiguu malee ijaaruufi itichuu hin beekne, warri uummata Oromoo gooluufi shororkeessuu malee bira dhaabbachuufi ittisuu hin beekne , warri uummata Oromoo hidhuu, ajjeesuu, dhiiga dhangalaasuu malee gumaa baasuufi mirga falmuu hin beekne har’a humna qabsoo bilisummaa Oromoo Qeerroo cabsuufi akeekaaf kaayyoo galii qabsoo bilisummaa Oromoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo galmaan ga’uuf socho’u dura dhaabbachuuf shira diigumsaafi diinummaa butachuun maqaa ’’ Qeerroo Oromiyaa’’ jedhu maxxanfatani gadi bahaa kan jiran ergamtoota wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO fi caasaa tikaaf siyaasaa isaanii ta’uu hubachuun Qeerroon dargaggootni Oromoo, sabboontootni uummatni Oromoo ,barattootni Oromoofi qaamoleen hawwaasa Oromoo hundi irraa akka of eeggatuufi akeekaa farra tokkummaa siyaasaafi uummata Oromoo ta’ee gadi bahaa jiru kana dura akka dhaabbatnuuf waamicha ariifachiisa dabarsina!!

2. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo guyyaa akka jaarmiyaatti ijaaramnee kaayyoofi naamusaan masakamnee Sochii warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa kan baroota 2005, addatti akka Jaarmiyaatti bara 2011 hanga har’a 2018 (FDG-FXG)tti sochii keenyaan uummata keenyaa dammaqsuu, ijaaruufi waliin falmachuutti kaanerraa eegallee jaarmiyaa siyaasaa mirga uummata Oromoof falmu kam iyyuu dura dhaabbatnee hin beeknu , ABOn akka jaarmiyaatti nu ijaaree mirga uummata keenyaaf karaa nagaa akka falminuuf nu qajeelcha tureefi jiru yaada fafaafi farra tokkummaa ta’ees nu hin barsiifne. Kanaafuu Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo mirga Uummata Oromoof falmitan hundi shira maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ jedhuun qabsoo bilisummaa Oromoo gufachiisuufi tokkummaa dargaggoota Oromoo lamshessuuf gadi bahaa jiru kana dura akka dhaabbatnuuf waamicha Oromummaa isiniif dhiyeessina, shira kanas akka dura dhaabbattan dhaammatna!! Kana cinatti kan hubatamuu qabu Qeerroon Bilisummaa meeshaa daldala siyaasa miti kan abbaan fedhee yeroo fedhetti daldala siyaasaaf ittin daldalu utuu hin ta’iin akeekaaf kaayyoof ijaaramee qaama bilisummaa Oromoofi walabummaa Oromiyaaf falmuuf hiriiredha!!

3. Madheen shira farra tokkummaa Qeerroo dargaggoota Oromoo maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ jedhuun summii siyaasaan guutamee Waajjira Ispoortiifi dargaggoota Oromiyaa ofiin jedhu Wajjiira OPDO gidduugaleessa keessa gadi baha jiraachuu irra geenyetu jirra. Yeroo amma chaappaa maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’ fi ‘Fincila Xummura Garbummaa’ jedhu tolfachuun ittin uummata dogoggorsuufi waraqaa eenyummas kennaa jiraachuun mirkanaa’eera. Kana malees murni badii fi farri tokkummaa kun Oromiyaa bakkoota garaagaraatti caasaa tikaa wayyaanee waliin wal ta’uun mallaqaa maqaa Qeerrootiin dorsisanii uummatarra saamaa, abbootii qabeenyaa irraa maallaqaa deggarsa qeerroof jechuun guuraafi namoota dhuunfaa irratti xalayaa dorsisaa barreessuun maqaa Qeerroo xureessuufi jalaalaafi amantaa Uummatni Qeerroo Bilisummaa Oromoo falmatee falmachiise irraa qabu gatachiisuuf shira diinummaa dalagamaa jiru ta’uu hubachuun uummatni Oromoo hundi akka irratti dammaquufi irraa of eeggatuuf dhaamsa keenya jabeessuun dabarsina!!

4. Murni farraa tokkummaafi farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’e kun ji’ota darban kana keessa basaastoota ilmaan kaabineefi kaadiree Maqaa Leenjii dargaggoota jedhuun Aanaa tokko irraa nama

5. maqaa Qeerroo Oromiyaa jedhuun bajatni guddaan ramadameefi magaalaa Adaamaatti Leenjii siyaasaa mootummaa abbaa irreefi basaasummaa ittin humna uummata Oromoofi Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ta’ee Qeerroo ittin cabsan barsiisa akka turan yeroo yeroon ibsuufi gabaasa turuun keenya ni yaadatama. Haala Kanaan yeroo amma kanneen leenjiif Adamaatti maallaqa guddaa kanfalani shira qopheessa turan gara kutaalee Oromiyaa hundatti bobbaasuun olola maqaa ‘’Qeerroo Oromiyaa’’ jedhuun gadi bahaa jiru kun farraa uummata Oromoofi adeemsa farra Qabsoo Bilisummaa Oromoo amma irra gahee jiruu ta’uuhubachuun Uummatni Oromoo hundi balaaleffachufi fashaleessuu akka qabu dhaamna. Kanuma cinatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo humna maqaa ‘Qeerroo Oromiyaa’jedhuun gadi bahaa jiru kana toftaa qabsoon fesisuu cufa fayyadamee kan cabsuu danda’u ta’uus ni mirkaneessina!! Injifannoon uummata Oromoof !
Gadaan Gadaa Xummura Garbummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Adoolessa 25/2018, Finfinnee

1 thought on “Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

  1. SABNII OROMO HARA GARBUMA AMHARA JALA JIRRA.MUMEN MINISTERA OROMO TA’EE AFAAN OROMO FI ADDA OROMO TIIN GARGARAMU DHIISUSA OFISA GARBA T’AA OROMO GARBA GOCHURA JIRRA.KUN MUME MIINISTERA FII PRESIDENT FII MINISTERII OROMO FEDERALA KESSA JIIRANIIN ILALATA. OPDO KALESA GARBA TPLF TURTE, HARAS GARBA AMHARA TAT’EEAFFAN OROMOFII ADDA OROMO GURGURURA JIRU.

    HARA FEDERALIZMII ETHIOPIA AMHARA FEDERALA GODHEE(AS RULINIG CLASS OF REGIONAL STATE) GODHEE NANOO OROMIYA (AS REGIONAL STATE,OPPRESED CLASS) GODHEE JIRA.

    SABABA KANAFII GOFONII KENYAA WARII AMHARA INTERSTII ANGOO IRRA TURUF QABAN HOJIRA OCHUF OROMO SOMALE FANA, OROMIYA WARA KIBA FANA WALLOCHIISURA JIRU..

    FEDERAL MINSTER OFFICE 95% WORKERS AMHARA GATII TA’ANIFMINSTERA OPDO IRATII XABACHURA DARBANII,SABA OROMO KARA NINBEKAMINEN DHIGURA JIRUU.

    QEERROO OROMO TOKKUMMASA EGEE QABSO ISA CHIMSUU QABA JENAA.

    OROMON NIMOYA.
    GALATOMA

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s