Agartuu Qeerroo -Tibbanaa Harkisaa(Gotottaa) Siyyaasaa

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Adooleessa 21,2018
Finfinnee Oromiyaa

Hordoftoota Agartuu Qeerroo, haalota torbanii barruun akkuma hordofaa turtan kan torban kanaas isiniin gahuufan jedha. Kan fuulduraas xuxxuquu yaalla.

(…Qabiyyee Agartuu Qeerroo har’aa
1. Do’ii/Fiilmii siyyaasaa
2. Waldhuga siyyaasaa
3. Rarraasoo ayyaanlaallattootaa…)

Xiyyoo (Moxobii) dubbii

Adduunyaan keessa jirru addunyaa qabsooti. Qabsoon gosoota bacaqa qabdi. Qabsoon gosaawwaan hedduu keessaa, qabsoo jireenyaa, qabsoo bilisummaa, qabsoo dimokiraasii, qabsoo waa hedduu maqaa dhaanuu dandeenya. Nuti kan ilaallu qabsoo Abbaa Biyyuummaati. Qabsoon abbaa biyyummaa qabsoo gaggeefamu keessaan kan ulfaataa ta’eef wareegama guddaa nama baasisudha. Waan ta’eef namootiin qabsoo abbaa biyyummaa haa jaallatan malee duukaa bu’anii galiin gahuu irratti arcaatiin mumul’achuu mala. Qabsoo abbaa biyyummaa keessatti kuma taatee qabsoof baatee, kudhan taatee jechuun muraasattee galma gahiinsa qabsoo geessa.

Qaamolee qabsoo sabaa qabsoo abbaa biyyummaa jaallataan kanneen si waliin hiriiranii itti seenan waan hedduun rukutamanii si biraa hafuu malu. Kaan ammoo wareegamee si biraa kufa. Inni wareegame sabaaf aarsaa of godhe si isa jirutu seenaa isaa dhaloota barsiisa. Jiraataan baraa baraa nama qabsoo Bilisummaa sabaaf aarsaa of godhedha. Kan du’e isa kaayyoof akeeka ganamaa gateef sharafatee gara jireenya dhuunfaa tottolfachuutti gale ta’uu Agartuun Qeerroo mirkaneessa.

1. Gotottaa siyyaasaa!
Siyyaasni ilma namaa waliin dhalatee waliinis jiraatee addunyaa kanarratti walhoree argama. Hanga dhalli namaa jirutti siyyaasni hinbadu, hanga siyyaasni jirutti ammoo namnis addunyaa kana irraa hindhabamu. Siyyaasni gosoota hedduutu jira. Siyyaasaa hedduu tarrisuu dandeenyuus qabiyyees siyyaasaa keessaa kan adeemsa uummata Oromoof Mootummaa EPRDF waliin wal qabatee adeemu “Gotottaa siyyaasaa” ilaaluu yaalla.

Gotottaa jechuun sochiidha. Kun ammoo adeemsa qaama tokko utuunni hinfedhin fedhiin ala harkisanii dhuunfachuuf sochii taasifamudha. Sochiin kun sochii fedhiin alaa waan ta’eef humni wal harkisu wayii jidduu tti nii argama. Humna sanaan ammoo ija qabsoon yoo ilaallu akkuma barruu yeroo darbe keessatti ibsine “Harkisoo siyyaasaa” jenna. Torbanoota darban keessa Harkisoo siyyaasaa ture. Harkisoon sun injifatamee utuu hintaane ammas qaama diinaan utuunni gotatamuu agarra. Adeemsa sochii isaa wal duraa duubaan amma sadarkaa gotottaarra gaheera. Waan humnaan gotatmu kun isa gototus hinfayyadu, isa gototamus waan fayyadu hinfakkaatu.

Adeemsi Gotottaa siyyaasaa kun siyyaasa Oromoo bool’a ykn qileetti gad-darbatanii taa’uuf aggaammii taasifamaa jiru ta’uun mirkana. Gotottaan amaloota garaa garaa isaa irratti hundaa’uun bakka gurguddaa sadiitti qoodama.
Isaanis 1. Do’ii/Fiilmii siyyaasaa
2. Waldhuga siyyaasaa
3. Rarraasoo ayyaanlaallattootaa

1. Do’ii/Fiilmii siyyaasaa

Gisoota gotottaa siyyaasaa keessaa tokko Do’ii/Fiilmii siyyaasaa jedhama. Adeemsi kun tooftaa garaagaraa fayyadamuun qabsaa’ota yaadaaf qalbii booji’achuu ( attractive politic) dhuunfaa gonfachuuf Filmii kalaqamudha. Do’iin/Fiilmii kana ammoo qabsaa’ota taatota taasisuun dirree dhuma qabsaa’otaa irratti dalagu. Fiilmii bifa hawwataa ta’een dalagamu waan ta’eef sobaaf dhara garaagaraa dhugaa fakkeessuun oomishanii lakkisu. Qaamonni hojii kanarratti bobbaa’an qaamota diinaaf qaamota utuu hinbeekin ulee diinaaf ta’anii uummata rukutantu dalaga.

Do’iin Filmii irra jireessaan amaloota shiraa garaagaraan shira bifa aanjaa’aa ta’een xaxamudha. Shira kana keessatti qaamonni Bilisummaa sabaa hedduu barbaadan utuu hinbeekin kiyyoo keessa nii seenu. Qabduun shiraa kun miilla qabsaa’ota amala garboonfataaf madaqoo/haaraa ta’anii jabeessee qaba. Kun ammoo qabsaa’ota ittiin sakaaluuf meeshaa garboomsaa isa olaanaa ta’ee argama.

Shira kana utuu hinbeekin waan gototamtee seentuuf eega keessa geessee akkatti baatuuf akkatti dirree qabsaa’ootaa seentulle dhabuu malta. Kun namoota gowwaa ykn qabsaa’aa gowwaa yoo ta’e qofa shira akkanaan sakaalama. Shirri Do’ii/fiilmii siyyaasaa keessatti bobbocamu meeshaalee gurguddaa inni itti dhimma bahu
A. Maallaqa (akka meeshaatti itti dhimma bahata)
B. Holola ( akka meeshaatti…)
C. Soba (akka meeshaatti…)

Maallaqaan nama argachuu danda’u, xuxuqee ilaalee gadi gomboonfachiisa. Kanammoo akeeka suuta itti qaxxisuutii mala adamoo Adurreen ittiin hantuuta qabututti dhimma bahata. Nama maallaqaan gowwomfamuu dand’u maallaqaan gowwomfata. Bakka rakkootti akka nama isaa dhimmee isa bira dhaabbatee hatattamaan bira gahee maallaqa humnaan olitti baasaaf. Kana mirkaneessuuf adeemsa simannaa namoota mana hiraarsaa bahaniif sochiin OPDO gochaa turte kurkurri isaan qabsaa’oota jala fiiguun taasisaa turan ragaa guddaadha. Nan yaadadha jaala kiyya kanan bakkaaf maqaasaa dhahuu hinfeene, isanni mana hiraarsaa bahe utuun hindubbisin qaamni sardamsaan dubbise OPDO ture. Kun nama sana taatoo fiilmii godhachuuf fiimiishee galmaan gahachuuf haajomuusheen tilmaame.

Nama sana akkanni mana hidhaatii baheen dursanii korma qalaniif, nyaata nyaachisan utuu hinturin jireenya dhuunfaatti deebi’uu qabda jechuun Hoteela bananiif. Erga hoteelli banameefii, erga harkaa nyaatee dhugee maal jedhee badaa ha jedhuun? Kun utuu hinbeekin kiyyoo diinaa seenuudha. Dhukaasa malee harka laachuudha. Addunyaa siyyaasaa keessatti inni ulfaataan nama nyaatu isa kana. Kana baraaramuuf dantaa dhuunfaa akka cuftee qabsoorra turtetti qabsootti cichuudha. Kanumti har’a maallaqa namoota mana hiraarsaa bahaniif kennisiisuus kanuma. Maal qabsaa’aan maallaqa dhabee qabsoo seenamoo? Jarana kanatti dammaqaan jedha.

B. Holola
Gosoota Do’ii siyyaasaa keessaa tokkodha. Adeemsi Hololaa ammoo waa hedduu qaba waa hedduufis gargaara. Innis haamilee cabsuuf, abdii kutachiisanii gara ofiitti qabsaa’ota dabaluuf, harka laachisuuf, jireenyaa itti burjaajeessanii kiyyoo garbummaan sakaalanii qabsaa’aa dhumaan Oromoo sakaaluuf itti dhimma bahama. Hololli hanga Bilisummaa haqaa biyyattiin gonfattutti hindhaabbatu. Hololli hedduunsaa dhaaba Bilisummaa haqaaf haqaan dhaabbatee qabsaa’u irratti gaggeeffama. Kun ammoo yoo waraanan sodaatan karaa Hololaa dandeenyaa laata jechuun kan irratti hojjetanidha. Akkasuma Gotottaa siyyaasaaf haala mijeessaaf. Qabsaa’ota humnaan utuu hinbeekamin kiyyoo ofiin sakaaluuf kan gargaarudha. Kana murkaneessuuf holola torban dabarsaa jirru kana keessa ABO qaama hedduu fakkeessanii oofaa turaniif, akkasuma ABO kutaa Oromiyaa keessaa tokkittiif laatanii maqaas jijjiiranii waamuuf abbalaniin fakkeenya fudhatuu dandeenya.

C.Soba
Meeshaa guddaan ajandaa Do’ii/Filmii siyyaasaa hojjetanii xumuruuf dhimma itti bahatan kan garboonfattoonniif qaamonni ittiin bobbocoman dhimma itti bahan Soba. Sobi jireenyasaanii utubee dhaabuuf aanjaa’aa akka ta’etti fudhatama. Adeemsa sobaa kanaan OPDO waggoota 28 dabarsuurratti argamti. Waan hinjirreef waan hinfakkannee fakkeessanii haasa’uun uummata keessa goolii facaasuudhaaf dhimma itti bahama. Sobaan qabsaa’ota faffacasuuf addaan diiguuf dhimma itti bahama. Qabsaa’ota walnyaachisanii taatota argachuuf dhimma itti bahatu. Kana irra aanuuf waan gartuun Wayyaanee dubbatan mirkaneessa qaamota amanamoof bakkichaa irraa iyyaafachuu feesisa.

2. Waldhuga siyyaasaa

Gosoota Gotottaa siyyaasaa keessaa tokko kan uummata hunkureehunkuree burjaajeessuuf gargaaru, waan qabataa uummata wal’aalchisuuf kan garboonfataan dhimma itti bahatu “Waldhuga siyyaasaa” jechuun moggaasuu dandeenya. Waldhuga siyyaasaa keessatti uummanniif qabsaa’onni uummataa qaama haqaa wal’aalu, qaama diinaas addaan baafachuutu rakka. Kun ammoo burjaajji facaasuun qabsaa’ota faffaacaasee qeenxee qeenxee taasisuun tokko tokkoon gototamanii harka garboonfataatti akka laataniif gargaara. Kana fayyadamuu keessatti jabinaan OPDO torbanoota dabarsaa jirru kana alaaf keessaa hojii guddaa walii laattee dalagaa turte.

Waldhuga siyyaasaa keessatti qaamonni diinaaf fira qabsoo ta’e walii wal’aalma. Hanga Alaabaa qabsaa’otaa qabatanii uummata dura daaddisaniitti diinni qabsoo yeroo uummata keessa shullisantu jira. Adeemsa kana keessatti qabsaa’aan qabsoo isaa halala guuruun dhamdhamuu gaafata. Qabsoo isaa dhadhama arrabaa qofaan utuu hintaane suunfaatee funyaan qabsoon jira gahachuu feesisa. Inni adeemsa Do’ii Soyyaasaan gototamee Wayyaaneef ergaamaa ta’ees kaleessa qabsaa’aa ta’us har’a gaafa gara Wayyaanoota dubbatu, inni qansaa’aadha jedhee uummanni eegu gotottaa soyyaasaa Fiilmii siyyaasaa irratti dalagee gaafanni uummata asii achi goolutu jira. Kun qabsoon irra aanama. Addaan baafatanii qaama Wayyaanee addatti OPDO faarsu baqachuu feesisa. Kaleessa qabsaa’aa ta’us gaafanni Diina faarsee qabee diinomuusaa hubatuu barbaachisa.

3. Rarraasoo ayyaanlaallattootaa

Kutaalee gotottaa siyyaasaa keessaa inni dhumaa ishee kana. Rarraasoon akkuma maqaa isaa ayyaanlaallataa qabsoof garboonfataa gidduutti qabee rarraasa. Ayyaan ilaallataa kan qabsoo naaffisuuf sakaaluuf ifaajaa turetu yeroonni garaaf karaa dhabudha. Adeemsi kun adeemsa fuulduratti qaroon/agartuun Qeerroo argaa jirudha. Qaamonni har’a ana qabsaa’aan, ana abbaan qeerroo, ana abbaan qabsoo jechuun murnoonni gandaaf amantaan wal ijaaranis warri karaa miidiyaa goolii jabaa nurratti bananii jiran yeroosaan rarraasamanii mandhee dhabanii gataman fagoo miti.

Yeroo sanatti tattaaffii qansoo doomsuuf amma godhaa jiran kanatti gaabbuurra darbanii hidhii isaanii nyaachuuf jiru. Qabsaa’onni haqaa warri ganamaa warri kaayyoo irratti cichee, qabsoo qabee uummataaf dantaa dhuunfaa hagabsee bosona jiru haa gammadan. Isaan bara Rarraasoon Ayyaan Ilaallattootaa dhufu, siidaa addunyaa irratti argamu ta’aanii biyyoota addunyaan daawwatamuu jiru.

Injifannoon uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Adooleessa 21,2018
Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s