Qalbeessaa Dhangi’aan
Adooleessa 27,2018
Finfinnee Oromiyaa
Seensa
Uummanni Kuush/Kuusaan waggoota hedduun duras cunqursaarra tureera. Seenaan isaas hatamaa yoona gaheera. Kaawwan ammoo gubamaa yoona gahan. Waa’ee Kuush barreessitoonni maal jedhu.
Obbo Birruu Tsaggaayee kitaaba isaanii keessatti waa’ee saamicha uummata Kuush irra gahaa ture haala kanaan ibsu “Araboonni yeroo Afrikaa Kaabaa weeraranii babal’ataa turanitti kitaaba Misir saamanii biyyatti fe’ataniin gamatti kan guban ji’a jahaaf (6f) halkanii guyyaa akka boba’e seenaan galmeesseera. Piraamidoota Nuumiibiyaa fi Misir keessa jiran dachaan kan caalan kan mancaa’an warra seenaa sana hinojjeenneeni. Fakkii dubartii (Sphinx) kan yaadannoo Asiisif (Asete-Ateete) tolfame san Naappoliyoon Boonappaartii madfiidhaan jigsiisef inaaffaa jibba sanyiitiin qabamee yoo ta’u siidaa guddaan kun yoo lafarratti hafe ragaa guddaa sagalee hinqabne warra hojjeteef ta’a jedheeti. Aleeksaandar guddichi Giriik barruu waa’ee mootota Misir san duraa barreeffamee kaa’ame barruu waggoota kuma hedduu hanga danda’e saamee fudhatee jira” jechuun ibsa.
Dursiilaa Duunjii Hawistaan Kuushootaaf yoo dhaamsa kitaabashee keessa keessu akkana jetti “isin Kuushoonni Ithiyoophiyaa kan tuffatamtaniif balfamtan waan abbootiin keessan isinii barreessan ol jedhaa ilaalaa! Warri Kuush durii sun warra qaroomina isa jalqabaa dhala namaatiif fidanii dhaalchisan. Kan nama gaddisiisu garuu; isaan uummata seenaan akka hintaaneetti jalaa hatamee dhiibbaan irra gahe. Yeroo durii utuu jibbi sanyummaa akkanatti hindagaagin beektonniifii abuurtonni bara durii san keessa kan qaroomina fideefi magaalota hundeesse warra Kuush ta’uu ragaa bahaniif turan. Horteen jara qaroo sanii har’a seenaa keessatti iddoo tokkollee dhowwataman kun warri isaanii qaroomina Hindii, kan Baabilooniif magaalaa isaanii akkasumas mi’a daldalaa, qaroomina Eeshiyaa xiqqitti kan bara sanaan duraafii kkf warra uumani. Dhaabbileen Kuushota durii, seeronni aadaaniifi yaadonni isaanii bu’ura aadaanii fi seerri keenya kan ammaa irraa dhaabbatani. Maleekaawwan bara durii Giriikii fi Roomaa keessatti amanamaa turan kan akka saatarnii, Daayuunsus, Oosiriis, Appoolloo, Zeeyoos fi Heerakilas faani kabajaa maqaa fi gurra mootota Kuush kan durii irraa fudhatani” jechuun katabde.
Waa’ee seenaa Kuush kaleessaa Taabor Waamii kitaaba isaanii “Seenaa Dhugaatiif Barreeffa Loogii!” Jedhu keessatti, seenawwan hedduun akka uummata Kuush jalaa barbada’uuf seenaan uummatichaa akka baduuf duula Baarlin, Paaris, Xaaliyaanii akkasuma Ameerikaa dabalatee bananiin mancaa’uusaa eera. Wantoota socho’uu danda’aan kanneen akka siidaa Lippiisiyaas (lepsius) Kaarimaa(Karima) jedhaman saba Kuush harkaa saamamuun akka ragaatti katabamee jira.
Achumaa as dhufa dhagaan halagaan nutti darbatamaa turera. Uummanni Kuush dhiibbaa uummata biraan irraan geessiseen gaddaaf gadadoo keessatti kufe. Ta’us falmachuuf ciisee hinbeeku. Habashoonni waanuma warra isaanii irraa dhaalan uummata Oromoo irratti raawwataa yoona gahaniiru. Seenaan uummata Oromoo akka badutti waan garaagaraa katabaa yoona gahan. Kaansaammoo dhuunfachuurrattis hojjeraniiru. Har’as Habashaan takkaa waa’ee Oromoo waan gaarii katabee hinbeeku. Seenaan uummata Oromoo balleessuuf aggaammii halagaan aggaamu ofirraa qolachuuf Oromoon Gadaa jalatti wal ijaaree akka falmataa ture ragaawwan hedduutu eera. Har’a yakkoota daddaabaa uummata keenyarra gahaa jiru qolachuurrattis Qeerroon uummata ijaarratee qabsootti jiraachuun eenyuuf iyyuu ifaadha. Waa’ee qabsoo Oromoo baroottan darbanii barreessitoonni maal jedhu?
Barreessan Heerbart Bilaandeel kitaaba “A Journey through Abyssinia to the Nile” jedhu keessatti adeemsa Oromoon ittiin Habashaan cabe raageessuun akkas jedha “Odoo warri Absiiniyaa achi hinga’in kan biyya sana jiraachaa ture Oromoo ta’uu hinoolu. Akksumas ta’ee warri Aabisiiniyaa Oromootaan warra bakka biraatii dhufan jedhuun. Warri Absiiniyaa meeshaa gargaarsaan argataniin Oromoota waraananii erga cabsaniin booda garboonfatanii akka isaan meeshaa waraanaa gargaarsan hinarganne too’annoo cimaa jala oolchanii jiru” jedha.
Gochaan Habashoonni uummata keenya irratti gochaa turan hangam ulfaataa ta’uu raageessa. Ofiisaaniif meeshaa gargaarsaa gaafa argatan Oromoon gargaarsa akka hinarganneef ammoo dippiloomaasii isaa dura dhaabbatamaa yoona gaheera. Akeekni kun har’allee itti fufee jiraachuu beekuu qabna. Mallasaan akka ABO’n gargaarsa biyyoota alaa irraa hinarganneef maqaa garaagaraan xureessuuf dhamaatii guddaa taasisaa ture. Kanas ta’uu sana qabsoon Oromoo haalota danqaa mara irra aanaa dhufe.
Seenaan akka ragaa bahutti Oromoon waraana Gadaa jalqabaa bara 1522-1530 taasiseen hogganaa waraana Libna Dingil kan Faasil jedhamu ajjeesuun baalee gartokkee tohateera. Baalee diinni harkaa fudhate deeffachuusaa kan raageessudha. Seenaa kana dabsuudhaaf barreessitoonni Habashaa hedduu ifaaju. Sababaan ammoo waan mataaf miilla hinqabne “Oromoon jaarraa 16 ffaa booda biyya kana dhufe” jechuun seenaa sobaa barreessanii uummata barsiisan sana haguuguuf akka ukkamsanis seenaatu ragaa baha.
Dabalataan roorroon Habashaa itti hammannaan Oromoon waraana Gadaa afraffaa bara 1547-1554 tti waraana Mootii Galaadiwoos faana taasiseera. Galaadiwos deggarsa biyyoota alaa Poorchugaal irraa argateen Daawwaroo deeffatus bara 1548 mo’amuusaa seenaatu ragaa baha. Baruma kana loltoonni Gadaa Oromoo hogganaa waraana Porchugaal kan ta’e nama maqaansaa Oroyaas Diyaas jedhamu galaafateera. Seena kana maanoosaa balleessuuf gitooti habashaa Fincila Bilisummaaf Oromoonni taasisan “Fincila Shiftaa” jechuun maqaa badaa moggaasaaniiru.
Qabsoon Oromoo achumaa as dhufa ofirratti hirkataa ta’uusaa waa hedduutu ragaa baha. Abboonni keenya darban Oromoonni fincila Bilisummaaf taasisaa turusaanii karaawwan hedduun ibsamee jira. Yaa ta’uutii Oromoo karaa Waraanaa cabeera seenaan jedhu hanga ammaa an argee hinbeeku. Oromoo kan cabsu Shira. Shirri halagaan nurratti xaxuun akka cabnee garboomnu ta’aa dhufne. Malee waraanaan uummata cabu akka hintaane seenaan Habashaan barreessanuu ragaa baha.
Bara waraana Abiishee Garbaa Habashaan Qadiidaa Wannabee michoonfate, sana booda Abiishee galaafate. Bara Minilik ammoo Minilik Goobanaa Daaccee qabatee of dura buusee Oromoo garboomfate. Oromoo erga karaa Goobanaa ofarka galfatee boodammoo Goobana mataasaayyuu galaafate. Hayila Sillaaseen ammoo paartii OPDO har’aa fakkaattu Oromoo dura qabee Oromoo cabse. Dhumarra paartitti sanis nii balleesse. Darguun Ammoo MEISON qabatee Oromootti dhufe, ABO balleessuufis MEISON jabeeffatee akka socho’aa ture dhageenya. ABO balleessuu dadhabus boodarra ammoo jaarmiyaa MEISON haxaa’uu danda’e.
Mallasaan ykn IHADIG jaarmiyaa OPDO qabatee Oromootti dhufe. OPDO qabatee ABO balleessuu akeeka jedhu qabatees socho’e. Galmi OPDO ABO balleessuu akka ta’etti Project godhe. Boodarra akkuma waan ABO balleessiteetti OPDO baatee dubbachuus yaalaa turte. Sana booda ABO sodaatus waan hinqabne itti fakkaatuun OPDO dhaan ka’aa bulchiinsi keessan Finfinnee ta’u hinqabu Adaamaadha jechuun waajjira OPDO Finfinnee keessaa ari’uunsaa seenaa dhiyooti. Darggagoonniif ABO falma guddaa taasiisuutiin Finfinnee irratti wareegama kaffaluunis itti fufe.
Haa ta’uutii ABO qabsoo isaa nii jabeesse. Har’a OPDO kana qabatee Habashaan socho’uu barbaada. OPDO qabatanii ABO balleessuu akeekni jettus ammas ajandaa Habashaati. Habashaan OPDO jaallatee itti siqataa jira miti. Akeeka ABO balleessuu qaba. Boodarra ammoo OPDO amma leellisu rukutuu dhufa. Kun hundi OPDO’f yaadamee utuu hintaane dantaa dhuunfaaf bololuu Habashaan ta’uu raageessa.
Kanaaf OPDO ABO balaaleeffatuu irraa walaba ta’uun barbaachisaadha. ABO balleessuu matumaa hindandeessu. Dura dhaabbannaa kanaan garuu Bilisummaa Oromoo lafarra harkisuu dandeessi. Yoo dura dhaabbanna kana itti fuftemmoo ofiifuu baduun waan oolu hinta’u. Habashaa hedduutti amananii waliin ragaduun isaaniis waa’ee seenaa gadi fageessanii hubatuu dhabuudhaa laata? nama jechiisiisa. Maraafuu hanga halagaatti Kooluu galanirra waan uummanni fedhuuf jaallatu ABO tti michoomuuf tattaafatuun isaan fayyada jedheen tilmaama. Wal arrabsuuf walabaaruun isa karaa nu adeemsisu miti. OPDO holola ABO irratti banan dhaabuu qabu.
Horaa Bulaa
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Adooleessa 27,2018
Finfinnee Oromiyaa