Daily Archives: April 15, 2018
Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Walleelee Warraaqsaa Hawwisoo Qeeroo Bilisummaa
Aside
Gootota Oromoo fi Ebla 15 ilaalchisee Ibsa ABO
Aside
Gootota Oromoo fi Ebla 15
(Ibsa ABO Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisuun)
Biyyootni fi Sabootni hundumtuu Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu biyyaa fi Ummata isaaniitiif dalaguudhaan yaadataman ni qabu. Gootummaan humna, qabeenya, beekumsaa fi lubbuu ofii illee dabalee dantaa dhuunfaa ofii caalaatti dantaa Saba ykn. biyyaaf oolchuudhaan dantaa biyyaa fi Saba ofii tiksuu danda’uu dha. Biyya ykn. Saba kamuu keessatti oggaa balaan ykn. rakkinni yookaan ammoo weerarri alagaa kan jireenya biyyaa fi Ummataa yaaddoo jala galchu mudatutti kan dura bu’ee biyyaa fi Ummata balaa irraa ittisuuf wareegama baasu Gootota. Kanaafis Goototni wabii jireenya Sabaa ykn. biyyaa ti jechuun ni danda’ama. Goototni biyyaa fi Ummata isaaniitiif Ulfinaa fi Gaachana. Waan taheefis Sabootnii fi biyyootni hundumtuu Gootota isaaniitiif kabajaa ol’aanaa kennu. Guyyaa Goototaa jechuudhaanis Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu dalaganiifii dabran guyyaa itti yaadatan guyyaa beekamaa Sabootni/biyyootni adda addaa ni qabu. Continue reading
