Mootummaan Wayyaanee Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaatti Uummata Oromoo Abbootii Warraa 208 Ol Irraa Lafa qabiyyee isaanii 315 heektaara fudhachuun Qe’eef qabeenyaa malee uummata hambisee rakkoo ulfaataaf saaxilamani jiru.
Uummata Oromoo Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa Abbootii Warraa 208 Irraa Mootummaan wayyaanee Lafa Qabiyyee isaanii Hektaara 315 humnaan fudhatame Uummaanni Mana Murtii Oromiyaatti Himannaa Dhiyeeffatanii Manni Murtii Oromiyaa Uummataaf Murteessinaan Bakka Bu’oonni Dhaabbata Mootummaa Wayyaanee ol iyyaannoo Mana Murtii Federaalaatti Dhiyeeffachuun Murtiin Manni Murtii Oromiyaa Uummataaf Murteesse Deegamee Manni Murtii Federaalaa Wayyaanee Uummatatti Murteessuun Uummata Oromoo lafa Qabiyyee isaa dhabsiise jira. Murtiin dabaa kun ji’oota darban keessa uummata keenyarratti kenname.
Uummata Oromoo Aanaa Limmuu Saqqaa irraa Maqaa Qonnaa Jallisiifi tajaajila adda addaaf barbaadna jedhuun Lafa heektaara guddaa hangana gahuu kanfaltii beenyaa tokko malee qonnaan bultoota Oromoo irraa fudhachuun hagabsaa jiraachuu Qeerroon gabase.
Qonnaan bultootni Kun korporeeshinoota wayyaanee ijaaramanii Uummata Oromoo Saamuu qofaaf Oromiyaa keessaatti bobbaafaman kanneen akka :
-korporeshinii Sukkaara Itoophiyaa Continue reading →