Qalbeessaa Dhangi’aan-Onko.28,2017
Oromiyaa keessatti qabsoon Oromoo akka qabsaa’onni akeekaniin olitti adeemaa jiraachuun isaa karaa qabsaa’oota falma mirgaa gammachuun dhuunfateera. Qabsoon Oromoo isa dhumaaf fonqolcha garbummaarra jira. Murna Wayyaanee irrattis qabsoon adeemaa jiru dhabama isaanii akka ta’u argamaa jira. Har’a qabsoon Oromoo garboonfattoota dhaanquu ta’anii uummata keenya garbummaa jalatti ittisaa turan, dhodhoosee gidduu seeneera. Haabadan dhaanquu dhoote deebitee Hordaa hintaatu. Dhaanquu dhoote nii bobeeffatu. Yoo xiqoo kan fooyyee qabdu taate, naqaa Dallas taatee dabaree ishee ittifamtee jiraachuuf dirqamti. Har’a Wayyaanee akkasuma Garbummaan dhaanquu dhoote taate. Uummanni garbummaan ittifamaa ture garbummaa dhodhosee gidduu seeneera. Ishee dhumaaf haxaa’uu qofaatu hafa. Yaa ta’u gama diinaan waan jiru maalfakkaataa? Kan jedhuuf diinni qabsoon haalaan ta’uu baatu sochii itti jirutu jira. Sochiin qaama Bilisummaa Oromoo jibbuun godhamaa jiru hedduu gadi fagoof uummata keenya kan garbummaa jalatti deebisee gaadi’udha. Continue reading →