KIYYOO DIINARRAA OF EEGUUN, HUNDEE INJIFANNOOTI !

SEENAA  Y.G (2005)

Ayyaana Irreechaa 2017 asitti , shiroota diinaa hedduu taajjabneerra. Fakkeessitootaa fi hayyaallaalattota hedduu argineerra. Loote seentootaa fi ergamtoota haaraa argaas jirra. Ayyaana Irreechaa Bishooftuutti kabajamee ilaalchisee ibsoota ayyaana duraa fi duubaa hedduu dhageenyes, arginees. Ibsoonni ayyaana duraa, qaamoota adda addaan ba’aa turan, figichaa hanna siyaasaan kan haguugaman turan. Maqaa Ayyaana kanaan siyaasi dantaa qaama gargaraaf qophaa’ee tureera. Kanneen keessaa kanan raajefadhe tokko qofa kaa

suun barbaada.

Ayyaana Irreechaa Baranaa Abbooti Gadaa fi Ummata Oromootu dhuunfatee turee jechuu dandeenya. Abbootiin Gadaa Ibsoota sirna Ayyaanichaa irratti kennan jajjaboo turan. Kanneen keessaa kan na raajee, Ayyaana irreechaa irratti humni kamiyyuu Alaabaa Dhaabbilee siyaasaa opdo dabalatee, akka qabatanii hin argamnee fi Anga’oonni mootummaa kamiyyuu akka irratti hin argamnee ka jedhu ture. Labsiin kun qaama hundaa biratti fudhatama argateera. Kaayyoon Alaabaa qabattanii hin dhufiinaa Abbootii Gadaa ifadha. Haa ta’uutii Abbootiin Gadaa Ayyaana irreechaa Bishooftuun booda alaabaa qabatanii ba’uu dhorkuu hin labsinee. Garuu OPDO fi akitivistoonni maqaaf fiigan,  waan Abbootiin Gadaa dhorkaniif irra tarkaanfatanii , Alaabaan kana qabachuun yakka ta’uu nutti himaa jiru. kana gochuun Alaabaa kana dhorkuu keessa Abbootiin Gadaa jiru jechuuf moo, Kaayyoo ABO dhabamsiisuu keessa Abbootiin Gadaa jiru jechuufii  ? dhugumatti jarri kun Oromoo hubachaa hin jiran. Ummata kana bakkuma kaleessaatti yaadaa jiru. Ummata dachaa meeqaan isaan dabree deemee, kiyyoo isaanii irra tarkaanfataa xumura irra ga’ee carraa hegaree ofiisaanii bareechuu kennaafii jiru gawwummaa se’anii jiru. Yaa gawwaa si booda bowwaa jennaan malee maal jenna. Kiyyoo diinaa irra aannee mee gaggabaabsee haa kaayu .

  1. Alaabaa Ilaalchisee :- Dhimma alaabaan wal qabatee yaada sodaattootaa hedduutti kofallee. Alaabaa qabachuu dhiisullee akka toftaatti warra yaadan gilgaallee. Alaabaa qabachuu fi dhiisuu gidduu garaagarummaa jiru warra wallaalee arginee hedduu gaddinee. mee amma Alaabaan Ummati kun mallattoo ofii godhatee kun maal godhe ? Alaabaa kana Ummati kiyya jechuurraa sodaatu jiramoo , waan Alaabaan duuba jirurraa sodaa qaban ? mee warra Alaabaa qabachuu balaaleffatu ykn Akka toftaattu fudhatan waa gaafachuu barbaada. Alaabaa Kana qabachuu ilaalchisee Mallasaan yakka ta’uuyyuu ibseera. Mallasaan garuu Alaabaa sana qabachuu qofaan osoo hin taanee, Kaayyoo isa waliin jiru dhaabuuf jecha dorsiisa gaggeessee ture. Kana jechuun jecha Ofiimasaa jedhee, “Oromoon tokkummaan kaanaan humni dura dhaabbatu hin jiru” jedhee keessa isaatti qabatee dorsisumaaf ka dubbatee ta’uu mirkaneessa. Waan inni sodaate hafaa hin jiru. OPDO fi akitivistoonni maxxantoota OPDO ammo , waan Mallasaan jedheef osoo hin beekiin amma har’aatti dhimma itti ba’uu barbaadu. Egaa gaaffiin kiyya, wayyaaneef Yaaddoo guddaa kan ta’uu , Alaabaa kanamoo ? Ummata kumaantamaan hiriiree fi lubbuu kennee wayyaanee godaansiisuuf muratee jiruudhaa ? Alaabaan jiraatee Ummatii yoo dhibee Alaabaan ofiin ka’ee fiigaa ? Ummati jiraatee Alaabaan dhibnaan qabsoon inuma itti fufa. Hundeen Ummata abbaa dhimmaati mitii ? akka kiyyatti Sochiin alaabaa fi Ummata Oromoo adda kutuu kun, Gaaffii keessan nuuti isiniif deebifnaa, ABO irraa dhaabbadhaadhaa. OPDOn kanaaf Afaan qofaan tarsa’aa jirtii. Dantaaf gadhiifamuu isaanii ka beekisiisuu, Ummatatu gooftaa keenyaa, halgaan Dachee keenya irratti lammii keenya hin ajjeesuu ! jedhanii ji’aa osoo hin guutiin aga’aziin ijoollee fixuu isheeti.
  2. OPDOn wayyaanee ka jibbitee fakkeessanii Ummata hawwachuu :- Lammaan maqaa Gootummaan ka faarsuu heddummaateera. Ulaagaan Gootummaa garuu maalii ? warra akka alaabaa ganama ol nama baasanii galgala nama buusaniif Warra akkasii kanaaf hedduun gadda. Bunuma natti fakkaatu. Bunuma dhugnu kana. Bunni ofiif osoo hin taanee, nama araada baasuuf jedhee gubatee, tumamee, affeelama. Dhumarratti namaaf ta’aa. Gareen OPDO ammaas kanuma.warri isaan jajanii pirofile picturii isaan taasifatees. Tigiree jibbanii waan of danda’uuf ka’an fakkaatanii Ummata kabajamaa kana gawwaamsuf turan. Dhaloota haaraa jedhanii Hoggana ABO taajjabbi keessa galchuuf warra arraba qabu hiriirsan.hanga isaan ga’uu dubbachiisan. Hanga har’aatti garuu hojiin ka mul’isan hin jiru. Inumaa wayyaaneen Komaandi Postii irra deebi’uuf deemaa jirti. Mummichi ministeeraa Paarlaamaa duratti , humni ittisaa Oromiyaa fi Somaalee gidduu ka seenee, Naannoolee lameen waan humna  isaanii olii taanaan nu waaman jedheera. Lammaanfaa garuu, warra Daldalli itti cufameetu kana godhee jedhuu. Dabra Tsiyon faa’aa humna ittisaa obbolaa keenya fixee kunoo sirriidhaa jedhee galateeffachaa jira. Kana egaa caaraanuun OPDO . kanuma. kiyyoon Ummata keenyaa fi Qeerroof qophaa’ee, Oromoo fi Qeerroon haasaama OPDO kanaan mo’amanii sochii gochuu barbaadan hundaa OPDO jalaan gaggeessuu akka danda’an, gola Qeerroo adda baafatanii dhabamsiisuuf ture. Akitivistoonni fi warri Facebookii irratti ramadamee ammallee, Maanguddoo, Lammaafaa , Hogganoota OPDO waan jedhan osoo dhaggeeffannee, toftaadhaan wayyaanee kuffifnaa jechaa jiru. Kun tapha siyaasaa wayyaaneeti. Dirmaa Irrechaan boodaa.
  3. Hiriira Diinni ykn kiraa sassaabdootaan qophaa’ee :- Shirri wayyaanee mata duree kanarratti Lammaa fi waa’ellan isaa miidiyaa irratti arraba miidhagfatan kanarratti kufan. Akitivistoonni Irra keessa OPDO abaaraa turan keessaan Tiruu akka waliif ta’an ibsatan. Warri Diinaas ta’ee kiraa sassaabdoonni Ummata hanga kana hiriirfachuu danda’uu taanaan, mootummaanu hin jiru jechuudhaa. Jibbameera jechuudhaa. Warri isaan diina jedhan sun, UMMATAAF fira ykn aanteedhaa jechuudhaa. Kanallee tilmaamu dadhabanii boqqolloo gaaddisa jalatti guddatan fakkaatan. Bifa qabu malee xobbeedhaa. Juwaar, Lammaa, Abiyyi, ..kkf dhuguma bareedu . garuu ijaa fi yeroof filatamuu malee,  bubbuluuf akka hin taanee dhugeessan. Juwaar salphoon, Qeerroon na harka jira jedhaa ture, Qeerrooma ittiin dhaadatuu sanaan diinatu bobbaasee jedhee.Lammaanis diinatu bobbaasee jedhee. Wayyaaneenis akkanuma jettee. Kana jechuun wayyaaneen Dhaloota Lammaa fi Juwaar kana yeroo dheeraaf irratti hojjachaa turuu dhugeessaa jechuudhaa. Mi’aa wal fakkaatu wal bira fannisan. Kiyyoon diinaa bifa adda addaan qindaa’ee deemaa ture haala kanaan Ummataan injifatamee.
  4. Qeerroo Dhuunfachuu :- wayyaaneen Qeerroo dhabamsiisuuf shirri Irreechaan qabdee gaggeessaa jirtuu waggaa tokko caalaaf gaggeeffame. Qeerroon OPDOn akka booji’amuuf, Abbootiin Gadaa osoo hin beeknee golgaa taasifatanii Turan. Shira kana keessa Abbootii Gadaa galchuuf yaalanii turan. Garuu humnaa ol itt taanaan isaan dhiisan. Abbootiin Gadaas of eeggannoo taasisaniin waa hedduun irra aanan. OPDOn qeerroo dhuunfachuuf, Polisii Oromiyaa haalaan qopheessan. Akka yaadanis ijoolleetti hin bu’iinaa hawwaadhaa jedhan. Polisoonni garuu kan isaan jedhaniin ol dabaran. Of eeggannoon qeerroos waan barbaadaniin isaan hin geenye. Kana booda ammoo ijoollee hidhaa fi ajjeesaan isaanitti jabaattee. Makkalaakayaa waammatan .shirri jiru kanuma . garuu irree ummataa hin caaluu.
  5. Warra Sodaattuu fi Bishaan gabateerraa :- Namni qabsootti jiru, wareegamuu fi qabeenyaa baduun akka jiru hin beekuu yoo jennee, warruma beekaa duudee qofaadhaa. Kaleessaa waltajjii irratti fi carraa argataniin, Osoo Ummata Filitsixeem taanee, akka Ummata Kibbaa Afriikaa taanee kkf jechaa kanneen turan, sochii dargaggootaa Filitsixeemii fi Afriikaa kibbaa dinqisifachuun ta’uun beekamaadhaa. Dargaggoonni sun, taankii dura dhaabbatanii yennaa falmanii fi wareegaman goota jechaa jiraatan. Har’a garuu dhalooti isaan Biyyoota biraatii hawwan Oromiyaa keessatti umamanaan , Ijoollee waa hin beeknee fi daa’immaan ficcisiisuun jedhanii xibaaraa jiru. Jarri kun warra of tuultuu, anatu beekaa qofaan warra of nyaattu, maaluma dubbadhee like facebookii argadhu ? warra jedhan qofaadhaa. Hayyaallalattoota. Sodaattoota. Ofii baqataa ta’anii warra keessatti gubatan laaffisan . kana booda baqachuu hin qabnuu jechaa akka hin turiin baqachuu dhiisuun booda waan jirummoo balaaleffatan. keelloo birraa. Yoo carraa argatan hamamanii mana namaa bareechan. Ykn irreechaaf muraman, ykn seera umamaa guutanii deebi’anii dhaamanii bara eeggatan.
  6. Ummata Muratee :- shirri kun hundii injifannoo warra murateen itti fufee jira. Ofitti amanamummaa fi ejjannoo jabaadhaan galii bira ga’uuf tarkaanfataa jirra. Kiyyoon diinaa gonkumaa nu hin dhaabu. Ilmaan Tigiree Oromiyaa keessaa rifaasisuun barbaachisaadhaa. Kun bakka tokko fi lamaa ta’uu hin qabu. Guutuu Oromiyaa keessaa ta’uu qaba. Wayyaaneen waaraan nurratti bobbaasuun garatti nu oofuu qabaachuu qaba. Finfinneen marfamuu qabdii. OROMOOn hojiin guyyuu isaa kanarra jabaachuu qabaa.waan irra ga’uu qabnurra osoo hin ga’iin murtee dhumaaf jarjaruun Injifannoo of harkaa baasuu ta’aa. Kanaaf Gootummaa keenyaa isa caalaaf of qopheessuudhaa. Wal jajuun xiyyeeffannaa diinaaf wal mijeessuudhaa. Guyyaan Fincilaas seenaa kan Galmeesisuu ta’uu qaba. Kana caalaatti OPDO jigisuuf haa hojjannu. Jigisuun bifa lama. Ofii dhuunfachuu fi yoo didee diiganii wayyaanee qophixeessuudhaa. Jabaadhaa
  7. HORAA BULAA !!!!

 

 

 

 

 

 

 

 

2 thoughts on “KIYYOO DIINARRAA OF EEGUUN, HUNDEE INJIFANNOOTI !

  1. Hooggansi haaromsaa hin qeeqamu.Qeerroo harka isaa duwwa malkaa cufe maltuu fi gantu amansiisaa diina yeellaasisee Uummata Oromoo fi jaallattoota isaa boonsaa jiraniif milkaa’ina,waqaaf galata qabna! Qabsoon taaktikaa fi teekinikaan durfamnaan alaabaa gadi dhaabuun salphaa ta’a.wanti hunduu yeroo fi akkaataa qaba.Dhimmi alaabaa sodaa osoo hin taane aarsaa hin barbaachisne xiqqeessuuf akka ta’e qabsaa’aa marti beekuudha qaba.Maal qaba isin warri biyya ambaa yoo mariif gadi teessan alaabaa abisiiniyaa kanarra aasxaa sirna Gadaa kan ta’e ODAA Maaf irra gadi hin keessan?Osoo qabsoo kanaaf loogdanii maaliif dhigaa fi sibiilaan itti hin seentan? Tumsi qeerroof fardii ta’u qaba. Bilisummaan eenyuunis haadhufu “bilisummaadha”maalidha muddammi keessan?

  2. Pingback: KIYYOO DIINARRAA OF EEGUUN, HUNDEE INJIFANNOOTI ! – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s