Daily Archives: July 20, 2017
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Adoolessa 20, 2017
Aside
Odeessa FXG Oromiyaa Keessaa
Aside
Adoolessa 20_2017

Ummanni gudayyaa Biilaa jiraachuuf gutummaa guutuutti mirgi keenyaaf sarbameera,Ifaa erga arginee bara hin qabu ofumaa muka poolii qofaatu dhaabata,qabeenya Rabbi in nubaadhaase hedduu otoo qabnuu mirgi hiree jiraachuu keenyaa Jala kaattuu mootummaan wayyaaneef jecha jiraachuu jibbinerra.hubadhaa kanoo kaani:midhaan nyaataallee bakka itti daakkaannu dhabnee uummanni umaatti jira.dhakaan midhaan daaku kan humna ibsaan tajaajila Kennu sababa Ifaa gutummaa guutuutti balleessaniif ummanni tajaajila hin arganne,kan bobaadhaan midhaan daaku immoo badiyaa keessa darbee darbee jira,isa namni kamuu akka hin fayyadamne orkamanii jiru,sabaabni orkamuusaas yoo ummanni rakkoo beelaa keessatti kufe dirqamaan kaffaltii gibiraa humnaan olii kana kaffaltu jechuun lukkeelee wayyaanee Warreen burjaajooftu uummata irraa dhalatte doorsisaa jiraachuu qeerroon gudayyaa addeessan.
Godina Harargee lixaa Aanaa Dadar Magaalota Aanaa Jiranii Keessatti Diddaan Gabaa Lagannaa Itti Fufe.
Aside
jalatti Argaman keessatti lagannaan gabayaa itti fufeeti jira Qobbootti Lagannaan gabaa roga hundaan godhamaa kan jiru yoo ta’uu wayyaanen daldaltoota walitti qabdee dirqamaan gara hojii keessanii akka deebitan jettee doorsisaa jirti.daldaltoonnis gibirri humnaa ol nutti fe’ame kan doorsisa kamuu kan nu sodaachisuu miti.nuti waan waggaa kudhanitti dalagannee hin arganne waggaa tokkotti mootummaadhaaf kaffaluu maaltu fide osoo hin hojjanne jiraachuu ni dandeenya jechuun ergamtoota wayyaanee ufirraa oofaniiti jiru. Continue reading
Magaalaa Shashammannee Keessatti Barruun Waamicha Qabsoo Halkan Kana Tamsa’aa Jira.
Aside
Godina Arsii Aanota Hedduu Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Qeerroon Tamsa’aa Jira.
Aside
Adoolessa 19,2017/GODINA Arsii Aanota hedduu keessatti Barruulen waamicha FXG Gibiraan wal qabatu bal’innaan facaafamaa jiru.Magaalota Akka Roobee Diida’aa, Siree, Soloist, Seerofta, Boqqojjii, Lemmuuf Bilbiloo, Xannaa(Xiicho) Wandoo Gannat, Eddoo, Dheeraa, Itayya, Asallaa, Sagureef Magaalota hedduu keessatti maxxanfamaa Fi facaafamaa kan jiru yoo ta’uu guyyoottan Itti aananis bifa gara garaatin Ummataaf waamichaa kan godhu ta’uu Qeerron Aanota Garagaraa irraa qophii xummurachuu gabaasee jira Continue reading
Dhaamsa Gabaabaa Hooggantoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarfame.
Aside
Yeroo ammaa kanatti godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti Sochii Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabeessuun addatti duula gabaa Lagachuu, Mormii Saamicha gibira fi qaraxa dacha 3 oliin uummata keenyaarratti fe’amee jiru sababeeffachuun sochii Warraaqsa Oromiyaa keessatti qabsiifnee Warraaqsii bifa qindaa’eefi itti fufinsa qabuun finiinaa jiraachuun beekamaadha. Ammas Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FXG akka guutummaa Oromiyaatti adeemsaa armaan gadii kana hordofuun daran jabaatee kan itti fufu ta’uu irra deebi’uun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummata Oromoo hundaaf Waamicha Keenya jabeessina. Continue reading
Diddaan Xumura Gabrummaa Oromiyaa Bakka Gara Garaa Keessatti Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Adoolessaa 19/2017 Oromiyaa Lixaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqemtee Keessatti Guyyaa har’aa Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Duullii gabaa lagachuu, mormiin gibiraa fi qaraxa adda addaa dhorkachuu itti fufe. Qeerroon dargaggootni Magaalaa Neqemtee fi uummatni Daldaltootni Sabboontootni Oromoo guutummaatti mana daldalaa isaanii
✔manneen nyaataa fi hoteelotni cufamanii tajaajila dhaabaniiru
✔dunkanoonni (Suuqiiwwaan) daldaltootas hojii dhaa uun cufamaniru Continue reading