Adoolessa 20_2017

Ummanni gudayyaa Biilaa jiraachuuf gutummaa guutuutti mirgi keenyaaf sarbameera,Ifaa erga arginee bara hin qabu ofumaa muka poolii qofaatu dhaabata,qabeenya Rabbi in nubaadhaase hedduu otoo qabnuu mirgi hiree jiraachuu keenyaa Jala kaattuu mootummaan wayyaaneef jecha jiraachuu jibbinerra.hubadhaa kanoo kaani:midhaan nyaataallee bakka itti daakkaannu dhabnee uummanni umaatti jira.dhakaan midhaan daaku kan humna ibsaan tajaajila Kennu sababa Ifaa gutummaa guutuutti balleessaniif ummanni tajaajila hin arganne,kan bobaadhaan midhaan daaku immoo badiyaa keessa darbee darbee jira,isa namni kamuu akka hin fayyadamne orkamanii jiru,sabaabni orkamuusaas yoo ummanni rakkoo beelaa keessatti kufe dirqamaan kaffaltii gibiraa humnaan olii kana kaffaltu jechuun lukkeelee wayyaanee Warreen burjaajooftu uummata irraa dhalatte doorsisaa jiraachuu qeerroon gudayyaa addeessan.
Bifuma kanaan uummanni naannoo gudayyaa kan akka: G/Jaree,Ifa biyyaa,Haratoo fi naannooshee ,ganda qotee bulaa nagaroo,gabaa qidaamee,guduruu Shambuu,gabaasa facaasee, Naannoo ,siree,Baakkoo hacuccaa cimaa keessatti waan argamnuuf qaamni ol aanoon akka quba nuqabaatu nu beeksisaa jedhani dhaammatan qeerroon naannoo sana,gabaasa biraa dudduubaan……
Godina Shaggar kaabaa aanaa kuyyuu magaalaa Garba gurraachaatti lukkeelee fi sirni nama nyaataa wayyaanee rifaatuun guddaan muddamtee waan qabdee waan istu dhabuun polisoota oromiyaa wal_gahii waamuun akeekkachisaa jirti uummata akka goolaniif jedha gabaasni qeerroo gama sanaa amma nu qaqqabe.odeeffannoo biraa dudduubaan…
Godina Wallagga bahaa aanaa gudeyyaa biilaa,guyyaa jaree fi naannoowwaan sanatti guyyaa kaleessaa 18_2017 uummata walgaahi waamuun dirqamaan kaffaltii gibiraa humnaan olii akka kaffalan lukkeelee wayyaanee dirqisisaa olaan jechuun qeerroon naannoo sana gabaase.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa hanga hardhaa Mani nyaataa fi suuqonnii cufamuun oolaniiru,tokkoon tokko suuqii xiqqaas tadhu dirqamaan qarshii 100,000 (kuma dhibba tokko) akka kaffalan dirqisifamaa jiru.
Kan nama dhibu garuu walgahii dirqamaan lukkeelee wayyaanee guyyaa kaleessaa waamte ummannis walgahii sana dhiisanii ykn addaan kutanii deemaniru,ummani aariin onneeffamuun qaama ol aanutti iyyanna jechuun akka imalan qeerroon addeesse.

Adoolessa 19/02/2017 warraaksi diddaa gabaa lagachuu fi diddaan fxg guutummaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee dabalachuun guyyaa har’aa gootowwan qeerroon magaalaa Naqamtee waraana sirna wayyaanee waliin kokkee wal qabaa jiraachuun ibsame.
Akkuma jalqabarratti caqasuu yaaletti diddaan gabaa laqachuu magaalaa Naqamtee keessatti eegaleef ga’ee guddaa kan xabatan gootowwan qeerroo magaalaa Naqamteetiin barruuleen fxg jalqabarratti waamicha uummata magaalaa naqamteef erga taasisameen booda guutummaa magaalattii keessas barruun diddaa gabaa lagachuu facaasaa galgala guutummaa magaalaa Naqamtee keessa raabsamaa akka buletu himame.
Caalmaattimmoo Akka maddi oduu qeerroo magaalaa Naqamteerraa nuuf gabaasanitti Warraaksi biyyaalessaa kun guyyaa facaasaa ganama irraa eegaluun erga guutummaa magaalaa Naqamtee dhuunffateen booda yeroo ammaa kanas uummannii magaalaa naqamtee fi qeerroon magaalaa naqamtee diddaa isaanii daran fardeessuun diina isaanii kan ta’e wayyaanee waliin wallaansoo akkaan jabaa wal qabaa jiran.
Guutummaan daandii magaalaa naqamtee irraa fi keessa keessaa ishees suuqiileenii fi konkolaattoni tokkollee kan sochii gochaa hin jirre ta’uus qeerroon itti dabaluun gabaase.
Waraanni sirna wayyaanee rifaatuu hamaa keessa seenuudhaan guutummaa magaalaa Naqamtee dhuunffachuun yeroo ammaa uummata magaalattii nagaa dhorkaa akka jirutu gabaafame.
Uummanni magaalaa Naqamtees diddaa gabaa lagachuu fi diddaa gibiraaf qaban tokkummaa waloodhaan walitti dhufuun haala akkaan gammachiisaa ta’een diina isaanii wayyaanee waliin gogogsanii wal’aansoo xiiqessaa ta’e wal qabaa akka jiranillee maddeen qeerroo leeqaa gabaasan.

Gama biraan Guyyaa har’a 20/07/2017 G/W/Liixaa Anaa Naajjoottii daldaltonnii
magaalaattii guutummaattii hojii dhabbuun mormii gibiraa humna olii
kan wayyanneen itti feete mormaa jiru
magaalaattii guutummaattii hojii dhabbuun mormii gibiraa humna olii
kan wayyanneen itti feete mormaa jiru