Of-jijjiiranii Ummatatti dhihaatanii Holola Sobaa Gagggeessun Amala Weerartootaa fi Abbootii Irreeti!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Ummanni Oromoo akkuma ummata addunyaa kanarra jiru kamiituu ummata aadaa,afaan, seenaa fi duudhaa akkasumas ummata biyya mataa isaa kan Oromiyaa jedhamtu qabuu dha. Biyya isaarrattis baroota kuma hedduuf wal horee, sirna nagahaa fi guddina, akkasumas jaalalaa fi duudhaalee hedduu of keessaa qabu; sirna  bulchiinsaa Gadaa jedhamuun ummata wal-bulchaa turee dha.

Akkuma beekamu biyyi isaa Oromiyaanis; biyyi  facaasan irraa hammaaran, biyya irra bobbaasan horanii irratti badhaadhaniidha. Haa ta’uutii weerartoonni Habashaa jiruu fi jireenya Oromoo kanatti inaafanii fi qabeenyaa fi biyya isaa kan ofii godhachuu barbaadan, warri  bulchiinsi isaanii  bulchiinsa Oromootiin faallaa ta’e erga biyya isaa qabatanii booda kun hunduu hafee Oromoon kunoo biyya isaa irratti beelaan, rasaasaan, dhibeen mankaraaraa fi dhumaa jira. Continue reading