Dhaamsa Gabaabaa Hooggantoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarfame.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Yeroo ammaa kanatti godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti Sochii Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabeessuun addatti duula gabaa Lagachuu, Mormii Saamicha gibira fi qaraxa dacha 3 oliin uummata keenyaarratti fe’amee jiru sababeeffachuun sochii Warraaqsa Oromiyaa keessatti qabsiifnee Warraaqsii bifa qindaa’eefi itti fufinsa qabuun finiinaa jiraachuun beekamaadha. Ammas Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FXG akka guutummaa Oromiyaatti adeemsaa armaan gadii kana hordofuun daran jabaatee kan itti fufu ta’uu irra deebi’uun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummata Oromoo hundaaf Waamicha Keenya jabeessina.

  1. Kanfaltiin gibraa, qaraxni addaa addaa fi gatiin xaa’oo humna uummata olitti dacha sadii oliin uummata irratti waan dabalameef mormii keenya bifa addaan hin citneen jala haa dhaabbatnu.
  2. Daandiin konkolaataa kallattii hundaan Oromiyaa keessa qaxxaamuru bakka hundatti bifa nuuf dandahamu hundaan cufuun diddaa keenya haa jabeessinu.
  3. Fincilli gabaa lagachuu qabeenyaa keenya (midhaan nyaataa, midhaan zayitaa, beeylada loon, reetii, hoolaa, lukkuu, kottee duudaa fi bu’awwaan isaanii hanqaaquu, dhadhaa, aannan, gogaa fi kkf) gabaa baasuu dhiisuun diddaa keenya jabeessuun qabsoon itti fufa!!
  4. Gaaffiin Mirga Abbaa biyyummaa hanga deebi’uufi uummatni Oromoo bilisummaa isaa gonfannuutti qabsoo irraa duubatti kan hin jennee ta’uu ni hubachiifna.
  5. Hidhamtootni siyaasaa Oromoo hundi haalduree tokkoo malee manneen hidhaa wayyaanee biyyatti keessa jiru hunda keessatti hiraarfamaa jiran haa gadhiifaman!!
  6. Wixineen Labsii dhimma bu’aa addaa uummatni Oromoo Finfinnee irraa argachuu qabu jechuun ololli afaan fajjii wayyaaneen dhiyaate kan mirga abbummaa qe’ee uummata Oromoo sarbee fi mirga uumamaan qabnu ka nurraa mulqee jiru waan ta’eefi Addeemsaa mootummaan Wayyaanee Master Plan Finfinnee lubbuun ilmaan Oromoo kumootaan irratti wareegame hojiirra olchuuf kan qophaa’ee waan ta’eef mormii jabaan dura dhaabbanna.
  7. Uummatni Oromoo bara baraan wareegamaan jiraachuurra bakka jirtan cufaa sochii warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG dirmannaa gochuun wareegama qabsoon gaafatu kamuu baafnee bilisummaa keenyaafi walabummaa keenya haa gonfannuu jechuun hooggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaamsa gabaabaa uummata Oromoo hundaaf dabarseera!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s