FXG Lixa Shaggar Magaalaa Waliisoo Keessatti Itti Fufee Jira.

Aside

#OromoRevolution Adoolessaa 17/2017 Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo Keessaatti Sochiin Warraaqsaa FXG tajaajila geejjibaa taskiifi bajaajiin hojii dhaabuun mormii sirna nama nyaata wayyaaneef qaban jabeessani itti fufan. #gibirri fi #qaraxni adda addaa guutummaatti labsiin bahee hanga akka humna uummatatti sirreeffamuutti,fi gaaffiin migaa abbaa biyyummaa mootummaan abbaa irree teessoo afaan qawween ijaarrate irraa gadi bu’ee hanga deebiin kennamuuf bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’uutti mormiin wal irraa hin citu.

Godina Lixa Shaggar Keessatti Diddaan Ummataa Itti Fufee Jira,Manneen Daldhalaa Hojii Dhaaban,Warraanni Wayyaanees Ambo Keessatti Ummata Irratti Dhukaasa Bane.

Aside

AmbooAdoolessa 16/2017 Galgala keessaa sa’a 2:50 irraa eegalee Magaalaa Amboo Keessatti Dhukaasni cimaan kan waraana wayyaanee irraa uummatatti baname , gara naannoo Mooraa Yuunibarsiitii Amboottii Waraanni Wayyaanee dhukaasaa guddaa uummata sivilii irratti banuun dargaggoota Oromoo Lama Wareeguun Ibsame jira, Kanneen madeeffaman hanga gabasni kun nu gaheetti adda kan hin baanee ta’uu maddeen Qeerroo Magaalaa Amboo addeessaan. Magaalaan Amboo galgala kana caalaatti gara dirree waraanaatti waan jijjiiramte fakkaatti , gabaasaa dabalataan walitti deebina. Continue reading