Baratooti Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Irraa Eebbifaman Qabxii Cuunfaa Isaanii Dhorkaman.

Aside

Wallaggaa1Adoolessa 8,2017/ Yuunversiitii Wallaggaa keessaa baratoonni bara kana eebbifaman cuunffaan qabxii barnoota saanii mootummaa Wayyaaneedhaan akka yeroon hin laatamneef shirri baratoota moorichaa irratti dalagamaa jiraachuu qeerroon gabaase.
Barattoonni mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessaa  bara kana eebbifaman  cunfaan qabxii barnoota isaanii yeroodhaan kennamuu dhabuurraan kan ka’e barattoonni moorichaa rakkoo jabaa keessa seenanii gidirfamaa jiraachuu qeerron gabaase. Continue reading

Jiraattonni Godina  Harargee Lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma Finfinnee Irratti Labsii Bahe hin Simannu Jedhan.

Aside

19756859_460758737628705_8128824244234840654_nAdoolessa 8,2017/ Godina  Harargee lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma finfinnee irratti Labsii bahe hin simannu jedhan. Guyyaa Sanbata har’aa Wayyaanen Mormiin waa’ee funfinneetin ka’uutu mala jettee waan shakkiteef Ummata wal gahii yaaftee haala nageenya naannoo keessanii cimsadhaa eeggadhas. Dhimmi finfinnee dhimma gadi bu’ee ummanni irratti mari’atu malee kan xummuramee miti jechuun ergamtoonni wayyaanee Ummatatti Continue reading

“Kan Eboon Isaa Dhiiga Hin Qabnetuu Arrabni Isaa Dhiiga Qaba”

Aside

Waaqoo Nooleetiin

Biyya lafaa kana irratti mootummaan gabroomsaan afaan Qawwetiin aangotti ol bahe kamuu sirna bulchiinsa ummataa (Democracy) haqaa gaggeessuun biyya bulchu keessatti fedhii fi dantaa ummataa tiksee hin beeku; tiksiisuus hin danda’u. Impaayera Itiyoophiyaa keessattis mootummoota gita bittoota habashaa dhufoo lufoo irraa ummattoota biyyattis ta’ee Ummanni Oromoo “ Tiisisa irraa Damma hin eegan’’akkuma jedhamu mirgaa uumaan qabu sarbamuu, Qe’ee fi qabeenya isaa samamee biyyarraa baqachiifamuu, gaaffii tokkoon ala jumlaan qabamee hidhamuu fi itti qiyyaafatamee adda keessa rukutamuun ajjeefamuu irraa kan hafe kabaja mirga uumamaas ta’ee  faaydaan argate tokkolee hin turre; si achiis hin jiraatu. Continue reading