Adoolessa 20_2017

Godina Wallagaa aanaa Gudayyaa Biilaa irraa,ummaanni gudayyaa biilaa sababa lukkeelee Sirna nama nyaataa mootummaan wayyaanee mirga hiree namummaa fi qabeenya uunfaa ofiitti fayyadamu sarbamnee murtoo balleessanii baduurra geenyeerra jedha qeerroon gudayyaa Biilaa.
Ummanni gudayyaa Biilaa jiraachuuf gutummaa guutuutti mirgi keenyaaf sarbameera,Ifaa erga arginee bara hin qabu ofumaa muka poolii qofaatu dhaabata,qabeenya Rabbi in nubaadhaase hedduu otoo qabnuu mirgi hiree jiraachuu keenyaa Jala kaattuu mootummaan wayyaaneef jecha jiraachuu jibbinerra.hubadhaa kanoo kaani:midhaan nyaataallee bakka itti daakkaannu dhabnee uummanni umaatti jira.dhakaan midhaan daaku kan humna ibsaan tajaajila Kennu sababa Ifaa gutummaa guutuutti balleessaniif ummanni tajaajila hin arganne,kan bobaadhaan midhaan daaku immoo badiyaa keessa darbee darbee jira,isa namni kamuu akka hin fayyadamne orkamanii jiru,sabaabni orkamuusaas yoo ummanni rakkoo beelaa keessatti kufe dirqamaan kaffaltii gibiraa humnaan olii kana kaffaltu jechuun lukkeelee wayyaanee Warreen burjaajooftu uummata irraa dhalatte doorsisaa jiraachuu qeerroon gudayyaa addeessan.
Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk