Godina Lixa Shaggar Gidduu Galeessa Oromiyaa Aanaa Walmaraa Magaalaa Holotaa Keessatti Warraaqsii Biyyooleessa Oromoo FXG Itti Fufe.

Image may contain: one or more people, people walking, people standing, tree and outdoor

Adoolessa 29/2016 Godina Lixa Shaggar Gidduu  Galeessa Oromiyaa Aanaa Walmaraa Magaalaa Holotaa Keessatti Warraaqsii Biyyooleessa Oromoo FXG Hojii dhabdoota, bara

ttooota dhaabbilee barnoota Olaanoo irraa #Degree_Diplomaneebbifamanii hojii dhabduu ta’ani jiran, fi dargaggootaa fi uummata hojii guyyaa

 hojjechuun Of jiraachisaaniin guyyaa hardhaa magaalaa Holotaa keessatti Warraaqsii Qabsiifamuun Hoomaa waraanaa Wayyaanee Waliin wal dura dhaabbatan.
Dargaggootni Qeerroon O
romoo Gidduugaleessa Oromiyaa Aanaa Walmaraa Magaalaa Holotaatti Goototni barattootni Oromoo dhaabbilee Barnoota olaanoo irraa sadarkaa barnoota #digirii_diploma fi Ogummaalee garaagaraan eebbifamanii waggoota dheeraa hojii dhabduu ta’ani jiranifi dargaggootni hojii humnaan guyyaa guyyaatti illee hojjeetanii jiraatan hojii dhabuu fi Lafti qabiyyee abbaa isaanii Investeroota mootummaa wayyaaneetiin kan irraa samame waan ta’eef jiruuf jireenyaan uummatni oromoo Aanaa walmaraa fi Magaalaa Holotaa haala rakkisaa keessa jiraachuu irraa Qee’ee keenyarratti falmannee wareegamna jechuun kutannoon hoomaa waraanaa fuldura dhaabbachuun warraaqsaa finiinsuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa hogganoota waraanaa Magaalaa holotaa irra qubatanii jiranitti fi uummatarratti bobbaafamanitti kallattiin dhiyeeffatan. Uummatni fi Qeerroon dargaaggootni Oromoo gamtaan ka’uu irraa mootummaan wayyaanee haalaan soda guddaa keessa galuun Hoomaa waraanaa uummatarratti bobbaasuun guyyaa hardhaa homaan Waraana Wayyaaneefi Uummatni Oromoo jiraattootni magaalaa Holootaa waldura dhaabbachaa kan oolaan ta’uun hubatamera. Guutummaa gabaasaa kanaan walitti deebina.
Injifannoon uummata Oromoof!!

 

Image may contain: one or more people, people walking, outdoor and nature
Image may contain: one or more people, outdoor, text and nature

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: