Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo keessatti fincilli uummataa jaachuufi waraanni Wayyaanee uummata nagaa goolaa juraachuun beekamee!

Aside

Sadaasa 3,2016

Tarkaanfii Waraanni Wayyaanee komaandi post uummata nagaa irratti fudhateen muraasi du’uufi,dhibbootaan kan lakkaawaman mana hidhaatti guuramaa jiru

Odeessi Qeerroo bakkichaa akka ibsetti barsiisoti mana barumsaa Moxee Qophaa’inaa  fi sadarkaa 2ffaa,akkasumas magaalaa Qassoo tti M/B sadarkaa 1fi 2ffaa irraa barsiisoti kan hidhaman yeroo ta’u:_

  1. M/B Qassoo irraa 27
  2. M/B Moxee irraa 13
  3. M/B Baataa irraa 8
    hidhamuun isaanii beekameera

Maqaan ibsuuf hedduu namoota baay’ee ta’uu maddi oduu bakkichaa eeeruun, Continue reading

Dawwitiin Qabsoo Keenyaa Wareegamtoota Bilisummaaf Darban Sana

Aside

Utubaa Leeqaatiin
Sadaasa 3,2016
Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Qabsoo gaggeefamaa tureef gaggeefamaa jiru keessatti,Yaadannoo sammuun keenya dagachuu hin qabne kanneen lubbuu isaanii qaalii Bilisummaaf gumaachanii darban nu keessa kahanii jiru.Nuti dhaloonni qubees Jaallan kaleessa wareegaman yaadachaa qabsoo isaan finiinsan galmaan gahuuf yoomuu duuba kan deebinu miti.Wirriiqannaan diinaa yoo barbadaa’uuf kaatu nii dabala.Gidirfamni uummataas yoo garboonfattoonni yoo hundeen isaanii ciccituu nii caala.Haallii kun waan amma uummata Kiyyarraaf narra gahaa jiru keessaa tokko.

Garboonfataan Uummata garboomsaa ture sanarraa abdii yoo kutu,duula ajjeechaaf gocha gara jabummaa raawwachuuf kan duubatti isa deebisu hin qabu.Keessaa haratee golgoleessee deemuu filata.Haalli inni keessa jiru abdii gaafa kutachiisu waan suukaneessaa uummata sanarraa dhaqqabsiisuutti fuulleffata.

Continue reading

#OromoRevolution: Muudama Moo Muddama?

Aside

(Dammaqaa Nagaasaa tiin)

damaqaaMuudamni Itti Fakkeessii Mootummaa Faashistii Abbaa Irree Wayyaanee gola Paarlamaa Sobaa Keessatti Har’a Gaggeesse Diramaa jechuuf Illee Diramaan hojii ogummaa artii waan ta’eef, Muudama_muddama hiika hin qabneefi Wayyaanee kufaatii isaa dhumaa irra jiru kufaatii irraa kan hin olchine ta’uun beekamadha. Ammas Injifannoon Qabsoo Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXGn mootummaa wayyaanee muddee qabee of ijibbachisaa jiruu daranuu itti jabaatee itti fufa. Mudamni fi Muddamni Kunis waan nama raajuu hin qabu, Gdhugaan jiru garuu yeroo kanatti biyyattiin mootummaa hin qabdu.

  1. Har’a biyyattiin maqaa labsii muddama(State of Emergency ) jedhuun ifatti Waraanni uummata irratti labsamee uummata ulee of harkaa hin qabne irratti guyyaa guyyaan Waraanni irratti Banamee lubbuun wareegama, hidhaman, saamamaa fi yakka shororkeessaa waraanaan hiraarfama guddaa keessa jira uummatni!!
  2. QEERROON BILISUMMAA OROMOO fi Uummatni OROMOO Qabsoon hanga bilisummaatti dhumnee dhabamna malee hiraarsa waraanaan duubatti hin deebinu jechuun falmaan hadhaawaan Oromiyaa keessatti itti fufinsaan gaggeeffama jira.

Continue reading

Lixa Wallaggaa Dambi Doolloo Keessatti Mootummaan Wayyaanee Erga Labsii Waraanaa Labasee Asitti Loltoonni Mootummaa Gabroomsaa Yakka Gudeeddiif,Ajjeechaa,Hidhaa Irratti Fuulleffatanii Jiran.

Aside

Sadaasa 2,2016

because-i-am-oromoUummati Oromoof Qe’een oromoo maal keessa jiraa?..kan jedhu yaaddoo guddaa keessa nama seensiseera.Magaalaaf baadiyyaan halkanio guyyaa dararamni dhala namaaf him malle irratti fudhataammaa jira.Akka addunyaan afuura keenya hin dhageenyeef internet nurraa muranii dhoksaatti nu miidhuuf tolee jira.Haalli Oromiyaa keessaa akka argaa jirrutti dararaa jaarraa keessa jirru kanatti rawwaatamee hin beeknedha.Loltoonni mootummaa Wayyaanee ganamaa galagala hojii taasisanii nama reebuuf ajjeesuu irratti fuulleffatanii jiru.Adeemsa amma jirruun kan itti fufamu taanaan sanyiin Oromoo daguugamuu yoo dadhabe haala akkaan daguuggaa keenyaaf daandii saaqu ta’aa jira.
Tibba kana Magaalaaf baadiyyaa Danbi Doolloo keessatti wantootni hawwaasa keenyarra gahaa jira sammuu namaa dhukkubsa Jiraataan Danbi Doolloo akka Sagalee Qeerroof gabaasanii jiranitti,Ganamaa galgala reebichaaf hidhaan dhaabbatee hin beeku.Abbaa manaa sansalataan hidhanii haadha manaa gudeeduu,Abbaaf Haadha sakaalanii ija isaanii duratti ijoollee waggaa 6 fi 7 irra hin caalle humnaan qabanii gudeeduu,shamarran argan kam irrattuu yakka gudeeddiin nu miidhaa jiru,Ajjeechaanis nurraa dhaabbatee hin beeku guyyaa guyyaan kan rasaasni isaanii galaafate hanga awwaluu irra gahaa jirra.Galgala galgala mana jala nu deddeemu,raadiyoon dhageeffatamu kan mootummaa yoo ta’een ala yakkoota suukanneessoo sanatu uummatarrra dhaaqaba.
Egereen keenya guddoo yaaddessituudha.Haalli taasifamaa jiru kun akkan akka kaanee lolluuf yoomuu booree jaabaa nuuf ta’aa jira.Taatus dararaan gaggeeffamaa jiru akkaan garmalee nu gaddisiisaa jiraa jechaa imimmaan haqataa gabaasan.Haalli kun Oromiyaa bakkeewwaan hedduutti fudhataamaa jiraachuus dhagaa’aa jirra.

SBO Sadaasa 02,2016. Oduu, Ibsa ABO Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo FDG Waggaa 11ffaa fi Gabaasa Addaa Hidhaa fi Ajjechaa Godina Kibba Baha Oromiyaa keessaa irratti dhihaatee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Sadaasa 1, 2016

Aside

Sadaasa 9 Guyyaa Yaadatnoo Fincila Diddaa Gabrummaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Waggaa 11ffaa Sadaasa 9,2005, Yaadannoo Sochii Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa  Fincila Xummura Garbummaa (FXG) Ebla 11,2014 Qabsiifamee Bifa Adda Ta’een Sadaasa 12,2015 Warraaqsa Dhoofamee Boqonnaa Tokko Malee Waggaa Guutuu Gaggeeffama jiru İlaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa dabarse.

Sochiin seenaa qabeessi Warraaqsi  FDG Sadaasa 9 bara 2005 waamicha Qabsoo karaa nagaa ABO uummata Oromoo hundaaf godheen qabsiifame keessatti dargaggootni Oromoo, Barattootni Oromoo fi qonnaan bultootni bifa qindaa’ee fi İjaarameen itti hirmachuun  wareegama qaalii baasuun  mootummaa abbaa irree boqonnaa dhorkuun bilisummaa ofiifi walabummaa biyya jecha bara Oromoon gamtaan waamicha godhameef simatee falmachuutti jabaate dha.

Goototni Oromoo wareegama qaalii gootummaan hiriiruun lubbuu deebitee bakka buusaa hin qabne kennuun saba isaaniif falmachuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO durfamu biyya keessatti gadi jabeessuun uummata gidduu jiraachisuu danda’uu irra darbee Qeerroo Bilisummaa Oromoo har’a bifa jaarmiyaan ijaaramee  qabsich bifa qindaa’een gaggeessuun sochii  FDG irraa gara Sochii warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXGtti tarkaanfachiisuun abbaa irreetti xummura gochuufi Uummata Oromoo balbala Bilisummaa irraan gahee jiruuf bu’uura kana buusuun danda’amedha. Continue reading