Dawwitiin Qabsoo Keenyaa Wareegamtoota Bilisummaaf Darban Sana

Utubaa Leeqaatiin
Sadaasa 3,2016
Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Qabsoo gaggeefamaa tureef gaggeefamaa jiru keessatti,Yaadannoo sammuun keenya dagachuu hin qabne kanneen lubbuu isaanii qaalii Bilisummaaf gumaachanii darban nu keessa kahanii jiru.Nuti dhaloonni qubees Jaallan kaleessa wareegaman yaadachaa qabsoo isaan finiinsan galmaan gahuuf yoomuu duuba kan deebinu miti.Wirriiqannaan diinaa yoo barbadaa’uuf kaatu nii dabala.Gidirfamni uummataas yoo garboonfattoonni yoo hundeen isaanii ciccituu nii caala.Haallii kun waan amma uummata Kiyyarraaf narra gahaa jiru keessaa tokko.

Garboonfataan Uummata garboomsaa ture sanarraa abdii yoo kutu,duula ajjeechaaf gocha gara jabummaa raawwachuuf kan duubatti isa deebisu hin qabu.Keessaa haratee golgoleessee deemuu filata.Haalli inni keessa jiru abdii gaafa kutachiisu waan suukaneessaa uummata sanarraa dhaqqabsiisuutti fuulleffata.

      Fknf Liibiyaa Mootiin Waggaa 40f Afaan qaaween kan bulchaa ture Saadam Huseen uummatni isaa Fincila jabaa gaafa finiinsaa ture tooftaalee garaagaraa fayyadamaa turee Fincilli sun gara Warraaqsaatti gaafa jijjiiramu Uummata Liibiyaa haala suukanneessaan rukutee jira,Jarman keessatti jaarraa 17ffaa keessa waggoota dheeraa Uummata Yuudoota acuucaa kan ture Adolf Hitilar duula sanyii Yuudota balleessee sanyii isaa lafa qabsiisuu fudhateen addatti gochaawwaan rifaasisoo inni mana hidhaa Oshwitzi keessatti taasisaa ture sanyiin isaa lakkuu horanii akka lafa guutaniif ilmaan lakkuu uummata Yuudii fayyaa isaanii  qalchiisee qorannoo isaaf isaanuma keessaa Doktoorota Yuudiin qorannoo irratti taasisaa ture,as keessatti doktooronni Yuudii obsaa guddaa keessa turuu isaanii hubachuu qabna Hitilar Warraaqsa ummatichaa akka dhaabbataa hin jirre waan bareef yoo buqqa’uu aangoo osaa hubatu Yuuhuudota Polisoota Naaziin bool’a abiddaa keessatti namoota hedduu naqee Gazii itti rafarafee kitilayyoota ilmaan miskiintotaa ajjeesee jira,Gama Biraan biyya keenya keessatti deebinee yoo ilaallu Xaliyaaniin biyya humna Qawween koloneeffatte kanarraa gaafa Abdii kuttee bahuuf jettu ilmaan Leeqaa kumootaan lakkaawaman hedduu irratti xiyyaaraan haleeltee Akaakileewwaan keenya hedduu galaafattee jirti duulli gaafas xaaliyaaniin uummatarratti fudhatte addatti waraanni Uummataa Xaaliyaanii gidduu yeroos ture ajjeechaa gara jabinaan sanaan duuba utuu hin taane qabsoo Oromoo ija itti taasisuuf daandii bal’oo saaqee jira,Akkasuma Minilik gootowwan Oromoo hedduu Calanqoof Aanoleetti haala gara jabinaan duula sanyii balleessuu fudhateen yaada isaa galmaan kan gahate osoo hin taane akkaan akka onnatee uummtichi dammaqee ofirraa fonqolchuuf Aarii jabduu uummata keessa kaahe darbe,Ilmaan Oromoo har’allee gocha isaa sanaaf xiiqeffaannoo qaban yoomu sanyii Minilik waliin akka hariiromuu hin dandeenye taasisee darbe,achii as dhuftee sanyiin Habashaa nuuf tolanii hin beekan,”Diinnikee yoomuu diinaa itti hin michoomiin” kan jedhu sun hojii isaaniitiif jedhame
     Hayila Sillaasee ykn Tafarii Mokonnon bara mootummaasaa uummata Oromoo Lafa isaarraa godaansisee Hidda isaa lafa qabsiisaa ture,dhiibbaa taasisaa turee lafa Oromoo hedduu saamee sanyii isaa qabsiisee jira erga aangoo isaarraa darbatamuuf ka’eetii Godaansa Uummata Oromoo haala ulfaataan babal’isuu eegalee ture,godaansa sana hedduminaan Uummata Oromoo Shawaa keessa jiraatu irratti babal’isee ture bara sana keessa ture Uummanni waan qabu qabatee lafoo gara Kafaatti Shawwaa irraa ka’ee Uummanni akkoofsaan 300 ol ta’u kan imale,seenaan numa yaadata bara sana keessa akka uummatichi dhukkubaan saaxilamuuf bakka namni jiraatee hin beekne akkasuma bakka dhukkuba Busaaf,dhibee Golfaa qabu kafaa keessaa barbaadanii qubsiisaa turan,gidiraa uummati keenya bara sana keessa ture akkaan suukaneessaa turte har’allee Uummata Bara sana Kafaa qubatee jiruun jechoonni sammuu tuqu kennamaa jira.baratanii lafa namaa gahuuf bakka mana barumsaatti bakka gabaatti Budaa jecha jedhuun tuqamaa jiraataa jira.
        Kunis mogolee uummata kan buuse utuu hin taane uummaticha Gadoo jabaan ka’ee faashist sana ofirraa akka fonqolchuuf daandii guddaa saaqe,Bara Dargiis ilaaluu dandeenya bara aangoon isaa kirkirte akka bakkatti hin hafne gaafa hubatu waan nuffisiisaa uummata irratti fudhataa ture keessattu aangoo isaarraa konkolaachuuf yoo jedhutti Saamicha,Humnaan na qabee afaan Qaaweetti darbachuu,Uummata baadiyyaa keessa jiraatu qinaaxxii manaa baachiisee deemsa miilaa saatii 2:00 ol ta’u deemsisuun mana walitti fidaa ijaaraa,Limaatii kan jedhuun akkasuma hidhaaf daraaraa uummatarraan dhaqqabsiisaa ture,kun bara aangoon isaa diministu sana ture.
     Har’a kan ilaaluu yoo ta’emmoo Daawwitiin qabso keenyaa Wareegamtoota Bilisummaa Oromoo lubbuun nu biraa darban sanadha.Isaan keessatti of ilaallee gufuu qabsoo keenyaa agarra,isaan keessatti of ilaalaa badii qabsoo keenyaa sirreeffanna,isaan keessatti of ilaalaa qoraattii qabsoo keenyaa agarree irraa buqqisuu dandeenya.Yaadannoon nuti waggaa waggaan taasifnu kunis isaan yaadachuu qofaaf miti haala fuulduraa Mul’ata isaanii akkaataa ottiin bakkaan gahuu dafeenyu irratti walitti dhufnee akka haasofnu nu taasisa.Qabsoon Qocaadha suuta deemti,Qabsoo obsa gaafatti,Qabsoon qaanqee doddotaati dhaamuu hin dandeessu,Ilmaan garbummaa jala jiran gaafa dammaqan qabsoon biicheedhe nii ariifatti galma ishee gahuuf waan duuba deebisu hin qanbdu,Lubbuun biyyaaf wareegamte yoomuu yaadannoo gootaan yaadatamti,dhaloota duubaan dhufaa jiruuf wareegamni gootaa Daawwitii qabsootii.Daandii isaan irra feemaa turan sana imala isaanii galmaan gahuuf yoomuu lubbuu keenya wareeguuf akka qophii taanuuf wareegama Jaallan keenyaatu nu dirqa.Aaraaa uummanni keenya baasaa jiru Bilisummaa safgisiisaal,Gochi mootummaan abbaa irree dalagaa jiru ka duubatti nu deebisu hin ta’u innis kana haalaan beeka.Waan beekuuf gara jabina horata,waan beekuuf xinnaa gudeeda,Guddaa ajjeesa,Uummata  saama saamichi Qabsoo duubatti utuu hin taane fuuduratti aggamsisa.Labsiin Mootummaa Wayyanee kan nurratti labsame ka qabsoo keenyatti ija godhaa jiru ta’uu hubachuu qabna.Kan eega labsii sanaa dalagamaa jiri yakkoonni Ajjeechaa, Gudeeddii,Saamichaa,Hidhaa,Reebichaa kunneen amala mootummaa abbaa irree aangoorraa konkolaachuu jala gaheeti.Kanaaf waantoota ta’aa jiru ilaallee  nuti Qeerroon kan abdii murru utuu n n taanee kan booree jabaa itti fudhannee ofirraa fonqolchinu ta’uu qaba.Yaadannoo FDG waggaa 11 nutti dhiyaatee  jiru kuni Daawwitii qabsoo ta’ee haala Sochii keessa turree itti jirruu akkasuma haala fuulduraa irratti yeroo dubbannu ta’uu qabaan dhaamsakootu.
Utubaa Leeqatiin

2 responses

  1. Pingback: Dawwitiin Qabsoo Keenyaa Wareegamtoota Bilisummaaf Darban Sana |

  2. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (November) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: