Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Sadaasa 22, 2016

Aside

Don’t call me Shawaa!

Aside

By Rundassa Eshete

Don’t call me Shawaa,
Because that’s not my name,
And don’t call me Wallagga…
Because to me it’s all the same.
I’m not your “Shawaan”
because I was born as an Oromian,
And I’m not from west Shawaa…
So don’t attach to me your Habasha plate,
Just because you love to imitate,
As if you can’t think on your own,
Using your own able brain. Continue reading

Godina Wallaggaa Ukkee Qarsaa Bakka Jedhamutti Waraanni Wayyaanee Diddaa Ummataa Qabaneessuuf Hidhaa fi Reebicha Raawataa Bahaa Jira.

Aside

Sadaasa 21,2016 , Godina Wallaggaa ,Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti Yakka Tokkoon Alatti Erga Manni Murtii Akka Lakkifamaniif Ajaje Baaseellee Humni diinaa Aangotti Fayyadamee ummata Hidhaa Jiraachuun Himame.
Erga biyyi keenya biyyi Oromiyaa afaan qawween buluu qabdee kan ture ta’ulle dhiyeenya of tultoti kallatti kan labsatanii hojiitti bobba’nii jiran,oggayyuu uummata kunaanuuf gidirsuu itti fufaanii jiran. Haaluma Kanaan jiraataa magaalaa Ukkee kan ta’an Obbo Oliiqaa Raggaasaa sababa tokkoon alatti mana hiraarsaa keessatti erga baatiwwan hedduu dabarsaniin booda manni murtii bilisa kan baase ta’ullee Waajjirri polisaa humnaan qabee hidhee jiraachuu odeesse Qeerroo Ukkee gabaasanii jiran. Continue reading

Yuunibarsiitiiwwaan Hedduu Keessatti Warraqsi Qeerroo Barattoota Oromoon Eegalamee Itti Fufee Jira

Aside

QerroooSadaasa 21,2016
Qeerroon barattoota  Oromoo sirna bittuu wayyaanee balaaleeffachuun,addatti gochaawwaan jii’ota kana uummatarra dhaqqabaa jiran yakka Gudeeddii,Saamichaa,Ajjeechaa,Hidhaa akkaan akka duubatti hin deebifne humna hudhatee jiru dura dhaabbatee dhageessisaa jira.
Haaluma kanaan tokkummaan Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Wallaggaa,Amboo hanga ammaatti wal harkaa fuudhanii diddaa jabaa dhageessisaa jiraachuu gaabasi sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaqqabe ifa godha.Duulli kun Yeroo dhiyootti haala duuba deebi’uu hin dandeenyeen guutummaa Uummata Oromoof barattoota Oromoon akka finiinfamu dhaamsa jabaa walii dhaamuutti jiran.

Yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo Warraqsi Barattootaan Finiinee Itti Fufee Jir

Aside

Sadaasa 21,2016
Yuunibarsiitii Amboo damee Awwaaroo Qeerroon diddaa sirna garboomsaa nafxanyaa jabeessee itti fufe.Sagalee dhukaasaa mooricha
keessaa nii dhaga’ama.Barattoota seenaan reebaa jiraachuunis Qeerroon gabaase

Wallagga Yuunibarsiitii Warraqsi FXG Eegalame Itti Fufee Jira

Aside

Sadaasa 21,2016
fxgMooraa Wallagga Yuunibarsiitii keessatti Qeerroo waan jalqabe xumura itti gochuuf waloon ka’ee gootummaasaa agarsiisaa jira.Yeroo humni xiqqoon wayyaanee ajjeesuuf,gudeeduu,hidhuu,saamuu irratti bibbaatee jirtutti nuti qeerroon barattoota ilmaan Oromoo calliifnee ilaaluun nurra hin jiraatu jechuun Sochii diddaa garaa Warraaqsaatti tarsiisuun FXG fardeessanii eegalanii jiran,Mootummaa shororkaa wayyaanee mataaf miilla wal’aalaa jirti,Qeerroo qabsoo kanatti xumura gochuuf waan eegale galmaan gahuuf gamaa gamanaa wal waamuu qabeera.Mooraa Wallaggaa keessatti amma saatii kana dhukaasa guddaatu dhaga’amaa jira. Tarkaanffiin kaaffee fi konkolaataa heedduu kan moorichaa irratti fudhatamaa jira.Lubbuin nama biyya nama hin naasifne keessatti qabeenyi nama naasiisuun akkan akka sammuu namaa xuqus agarsiisaa jiru.

Hiriira Guddaarratti Sabboontonni Magaalaa Naqamtee Nannoo Jaatootti Rasaasa Diinaan Rukuman Lama Fayyuummaan Isaanii Yaaddeessaa Ta’ee Gara Hositaala Olaanootti Dabarfamuuf Jechuun Dhaaga’ame Haalli sabboontota lama guyyaa gaafa hiriira guddaarratti rukutamee haalaan nu yaaddeessaa jira jedhu akka gadii kanatti “Sabbonaa Suyyum Asfahuu fi sabbontuu Zarituu Bultii yerobayyee hidhadhaf rebichaan dararamaakanturan ammammo rasasa wayyanenrukutamanii rakkachaa jiruu suyyumimmo rasasi qomasakesatti wanafef lenca gurraachaa demee akka bafatuuf riferi ta ewanjiruf birri busa fi jirraa”

Godina Jimmaa Keessatti Loltooti Wayyaanee Ummata Nagaa,Barattootaa fi Hojjettoota Ragaa Tokko Malee Hidhaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Sadaasa 21 2016
Jimma Yuunibarsiitii Keessatti barsiisota Yuunibarsiitii hadamsanii qabuun hiraarsuun danatee jira.Yeroo sochii jaabaaf takaroo gurguddaa uummati Oromoof diinnisaa ilmaan nafxanyootaa walii gaggeessa jiran kana keessatti barsiisota hidhuun akka waan qabsoo Oromoo naafisuutti kan fudhatanii jiran,Hojii isaanii kana itti cimanii hojjetanillee guyya guyyaa warraqsi wal horee itti finiinaa jira.Akkuma kaleesaa gabaasnee turre mooraa kitoo furdisaarraa ilmaan sabboontota barattoota saddet(8) mootummaan ukkanfamanii kan jiran yoo ta’u barattoota cinatti barsiisotas hidhaa jiraachuu Qeerroo Yuunibarsiitichaa gabaasa .
Dr.Fiqaaduu Asaffaa kannee hidhamanii hiraarfamaa jiran keessatti argamu