Sadaasa 21,2016
Qeerroon barattoota Oromoo sirna bittuu wayyaanee balaaleeffachuun,addatti gochaawwaan jii’ota kana uummatarra dhaqqabaa jiran yakka Gudeeddii,Saamichaa,Ajjeechaa,Hidhaa akkaan akka duubatti hin deebifne humna hudhatee jiru dura dhaabbatee dhageessisaa jira.
Haaluma kanaan tokkummaan Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Wallaggaa,Amboo hanga ammaatti wal harkaa fuudhanii diddaa jabaa dhageessisaa jiraachuu gaabasi sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaqqabe ifa godha.Duulli kun Yeroo dhiyootti haala duuba deebi’uu hin dandeenyeen guutummaa Uummata Oromoof barattoota Oromoon akka finiinfamu dhaamsa jabaa walii dhaamuutti jiran.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (November) | OromianEconomist