Gootummaan Oromoo kana duraa ammas akka itti fufuu hawaasa keenya jajjabeessuuf gootummaa keenya kaleessaa beekùun barbaachisaadha!

Gootummaa  kutaa 2ffaa

Noolee Buttaatiin

akkatti-jiruOromoon gaafa lolaaf ba’u “lafee jedhee “nyaata” waliin nyaata namni nyaata sanatti akka tasaa dhaquyyuu dhiisee galuun qaaniidha…….

Kutaa darbe keessatti Gotummaa irratti  gootummaa Oromoon dur qabuu fi har’as gootummaa qabaannee ilaacha warra lixaa fi rakkoolee keessaatiin qabsoon Oromoo keessattuu waggoota 11ffaaf  adeemsifamaa jiru gara fuula duraatti Humna Ittisa Uummataa  kan tooftaa waraana ammayyaa fi waraana riphe lolaa Gadaatti dhimma bahuu qaba ilaalcha jedhurraa ammas kutaa 2ffaa isaa isinii barreessuuf dirqameen jira.

Gootummaa Oromootiif lammiileen alaafi diinni ollaa Oromoo utuu hin hafin barreessaniiru,ragas ba’aniiru. Kan dhiironni barreessanirraa waan dubartoonni Goojjam dhiira isaaniitin jedhan kun qofti ga’aadha!

አመጣለዉ ብሎ ጆሮ ትልትል በረ
ጮማን  ገብቶ ቀረ የጎጃም ገበረ 

Bara 1840oota keessa hattootni Goojjam keessaa ka’anii uummata Oromoo saamuuf naannoo Horroo Guduruutti yeroo nam’an waraanni riphe lolaa Gadaa laaqii keessatti eeggatanii haleelanii achitti isaan fixaa turan keessattuu laaqiin Raaree Coomman lola kanaaf mijataa akka ture loltoonni yeroo sanaa filachuu isaanii barrooleen Seenaa Oromoo galmeessaniiru.

Yeroon kun yerootti Abiisheen weerartoota yeroo lamaa ol of irraa qolateefi humnoota akka Qadiidaa Wannabee isa Jimmaa Raaree,Teessoo Qannoo isaAmuru Jaartee fi Soorii Galaa isa Jimmaa Gannatii warra alagaa wajjin Goojam irratti qunnamtii tolfatuun waraana Oromoo naannoo sanaa irratti geggeessuuf utuu jiranii,tokkummaa dhabuu Oromoota Horroo Guduruu kan hubatte Haati Mootii Gudayyaa Dojaa Arbaas akkas jette jedhama.

Manakee maddiitii addaraasha ijaaruu
Kan Maccaan ilaaluu,
Kan aangoo wal saamu obboloota keetii
Kan garaan gubatu Ashkaroota keetii’

Barroon sirna Gadaa Qomoo Maccaa walaloo aadaa kana barriccha irraa fuula 282 irratti ‘Addaraasha ijaaruu kan Maccaan ilaalu’ kan inni mul’isu dhufaatii Nafxanyootaati jedhee jira.Kan aangoo wal saamu’ jechuun immoo Oromoon Nafxanyaa jalatti barasana aangoo argachuuf jedhee wal dhabuu isaati! Wal dhabdeen bara sanaa utuma gootummaas akkuma barasanaa qabnuu ammas nutti deebi’uufi qaaniin Oromoota bara sanaas har’as nu muudachuuf hin jiruu laataa?!

Gootummaan adeemsa fi akkaataa garagaraa itti goota nama jechisiisan qaba kan baratee barnoota isaatiin uummata isaa tajaajilu,kan gaafa rakkoo waammatan,kan gaafa dhukkubaa waammatan fi kan gaafa manni itti duufu waammatan darbees ooolmaa addaa fi hawaasa isaanii tajaajilan,jajjabeessan goota jedhamuu malu.

Haa ta’u malee Gootummaan Oromoon ittiin walfaarsuu fi bakka guddaa kennuuf gootummaa diina injifachuuf kennamudha.Bulchiinsa Gadaa Oromoo keessattis lafti kutaan gosaan hambisamaa nama oolmaa isaaf ooleefi gootaaf Oromoon cabsee kenna!

Gadaan Oromoo bulchiinsummaarraa cabaa,abbootii Gadaa jedhamuunis akka qaama aadaa hawaasaa tiksuufi kanarraa kan hafemmoo alagaan ilmaan Oromoo se’anaa akka bulchiinsa Gadaatiin hin hoogganamne gochuun Bulchiinsa Gadaa cabsuun, gootummaan Oromoo,Amantiin Oromoo fi Hwaasummaan,akkasumas diinagdeen Oromoo akka faana golgolaawu ta’eera!

Kadhannaa Gootummaaf Godhamu!

Oromoon  Bulchiinsaa fi Amantaa mataa ofii qabaachaa waan tureef, haala jiruuf jireenya isaa keessatti Amantaa mataa isaatii kana wajjin akkaataa Qaalluun Oromoo fi Heerri Tumaa ajajutti waaqa kadhatuufi kana jechuun namni kamuu Ayyaana Daachee,Ayyaana Abbaa fi Ayyaana Booranaa  ni bulfata! Baarentuufi Boorana keessatti kan maqaa adda addaattin ayyaaneffatamu ta’ullee,ayyaanichi Oromoo mara biratti wal fakkaatadha.Kana malees hayyoonni Oromoo fi ilmaan Baarentummaa tokko tokko Ayyaanni Booranaa kun ayyaana Yaa’iti Baarentummaa birattillee ni kabajama jedhu.As irratti waa’ee kabaja Ayyaanaa barreessuuf utuu hi kaane, gara ijoo yaadan ka’eefitti yeroon deebi’u Oromoon bakka maratti ilaalcha tokkoon ayyaana bulfata/wadaaja/bulfata.

Akka Aadaa Oromootti Ateetee irratti yoo ta’e dubartiin hori jettee facaasaa intala ishee heerumte yoo ateetee irratti waaman mataatti biiftee haati lubbuudhaan buna qalaa tuqxeefi hori jettiin.Yoo qarree hin heerumne taate immoo faacasicha lubbuu jala qofatti facaasuufin lubbuu dheeradhu jedhamaafi.

Kan ilmaa garuu akkas miti.Gaafa ayyaana bulfatan, damboobbatanii qalanii dhiiga addaan tuqanii “ADDA” godhu”  ( Oromoo Tuulamaa biratti Biluu Bilachuu jedhama.)jedhuuni.Addi kun gootummaadhaafi dhiirri akka onnee godhatu,akka gootummaa leellisuu fi akka diina dura dhaabbatuuf umurii inni keessa jiru kan hanga Qoondaalaatti gootummaa leenjisama,ni faarfama ni leellifama.

Ilmi tokko ga’ee fuudha dhaquudhaaf kan gootummaan adda diinaa deebisuurratti hirmaatee Muratee yoo fudha dhaquu barbaade intala gootaa utuu hinshishin fuudhee gala.Abbaan intalaa goota yoo ta’e, gooti akka intalasaa fuudhuu fi firooma gootaa waan barbaaduuf adda diinaa irratti ilmi tokko gootummaan muratee qabatee yoo dhaqe,intalli maatii biraallee itti gammaduun kennamtiifi

Aadaan boonsaan kun bara 2007  naannoo Arsii Lixaa Gadabasaasaa Aanshaa keessatti raawwateera.Qubattuu fi hambaan Nafxanyaa uummata Oromoo naannoo sanaa yeroo rakkiftetti gootichi Abdallaa jedhamu harcaatuu alagaa uummatasaatti roorriftu,itti ba’ee gorra’ee ishee fixee muratee gale.Yeroo kana Abdallaan hawaasa fi maatii Oromoo irraa dhalate akkuma boonse gaafa inni gale komatu qalameefi.

caccabsaa cabanii buluu
Caccabduu cabashee du’uu
Maal godhu lajuujee abbaa warraa
Kanaaf cabuun tasumaa farra”

Walaloon aadaa sirba balbala dhowwannaa irratti yeroo dargaggeessi fuudha dhaqu qarreen akkanaan arrabsiti. ‘caccabsaa” yeroo jettu kan ishee to’atuu fi hogganu jechuudha.Caccabduun lugna kan haadha manaa/jaartii isaarraa roorroo hi ittisne kan daldaltee hin fadanne,kan qottee hin galfanne jechuudha.Namni hojii akkasii hin hojjenne kun caccabduu waan taateef haati warraa yeroo hunda maatii jiraachisuu fi mana dhaabuuf jecha caccabdi “caccabduu cabashee du’u” kan jettuufis kanaafi.(means that the Oromoo womens wants to be controlled and managed by their powerful and heroes husband)

Micciirraa/Bitawoo

Faayaan kun yeroo ammaa kan hawaasa Oromoo biratti beekamuurra darbee,diinni Oromoollee qabsaayota basaasuuf jecha hanga ofitti hidhanii deemuutti ga’aniiru.Ta’ullee aadaan gootummaa uummati kalee qabu hafee, har’a diinnillee harka mirgaatti hidhatee deema.Garuu,akka aadaa Oromoo kaleessatti kan harka mirgaatti kaawwatu Goota gootummaansaa beekameefidha.

Lootii  lootiin faaya gurratti kaawwatamu yeroo ta’u innis dhiirri gurra bitaatti kaawwata.Gootummaan kanaa ajjeechaa adamsaadhaanis ni keeyyatama.

Konkona/cancala Fardaa waraana ykn guksii fardaa irratti Oromoon diina injifatee,meeshaa diinarraa booji’e ykn waan gootummaa isaa ibsu akka faayaatti farda isaatti hidhatee deemuu danda’a kun immoo gootummaan akka dagaagdu taasisa.

Eeboo Bashir/bode/xeerguuree  Namni eeboos ta’u meeshaa ittiin diina ofirraa deebise ni jaallata ni kunuunsa,dhalootattis dabarsa.Abbaan yoo du’ellee ilmisaa eeboo abbaakooti kan inni ittin yeroo akkasii ittiin roorroo ofirraa qolatedha jedhu.Naannolee Shaggariifi Wallaggaatti hamman qoradhetti gaafa gooti boqotu,meeshaalee gootummaa akkasii qabatanii yaadannoo isaatiif boo’uufi kunis gootummaa dhaloota dhaalchisuufi.

Isaan armaan olitti eere kun akkaataa itti Oromoon Gootummaa guddifatu yeroo ta’u,bulchiinsi keenya cabuu isaarraan kan ka’e har’as harka alagaa jala jirra.Jala teenyees daandii itti ba’umsaa wal gaafanna .Rakkolee Qabsoo Oromoo keessaa tokko “gootummaa Oromoo kaleessaa dhabuu “ waan ta’eef isaan kana fooyyefachuu qabna.

  1. Sabni kamuu akkaataa jireenya mataa ofii waan qabuuf,Oromoonis akkaataa kaleessa Oromoon gotummaa itti leenjisu leenjisuufi isas Waraana ammayyaa waliin walitti fiduun dirqama.
  2. Oromoon seenaan akka ibsutti dubartii fi daa’imman manatti hambisee lolatti bobba’a malee kan kufe kaasee awwaalaa,darbatee waraanee gumaa baasaa ari’a malee boo’icha illee du’a dhiiraa irratti ofii hin boo’u kan boo’an dubartootaa fi ijoollota yeroo waraanarraa deebi’an jechuudha.Warri jaalli isaanii biraa kufe, fira isaa boossifna hirmii baafachiifna jedhu malee ofii yoo faana boo’ani illlee kan boo’u irra jireessaan warra manatti hafe isaan sun,gumaa baasaniifi utuma gaddanii kaan jajjabeessu!Kanaaf dhiirti Oromoo biyya ambaa keessaa faranjii duratti boo’uu dhiiftee hiriyaa fi qeerroo biyya keessaa wajjin hidhannootti seenun gumaa bahuudha!
  3. Meehsaaleen waraanaa ammayyaas ta’e kan aadaa of harkaa qabna. Haa ta’u malee mootummaan alagaa biyya keenya irratti qaama mootummaa of taasisee fi biyya keenya irratti nu yakkee jiraachuu waan itti fufuu barbaaduuf Oromoon immoo dugduubaan Ijaarsa Gadaa yoo jabeesse,tooftaa waraana kale dhimma itti baanu yoo fayyadamne irra aanuu dandeenya.
  4. “Marsaalee hawaasaa irratti boo’uu dhiisuu”dhiirri Oromoo utuu gadduu ciniinnatee obese utuu keessaa boo’I boo’I godhuu obese jaalasaa awwaalee kan adamoo/Baqqoo bu’e yoo ta’ellee galee warra isaa boochisee booya malee boo’ichi iddoo qaba waan ta’eef idduma argetti akka dabeettiitti hin boo’u kanaaf miidiyaalee hawaasaa irratti boo’uun jijjiirama akka hin fidne hubachuu,gaafti nama keenyaafi waliif boonyus amma hin taane hubachuun obsa godhannee tarkaanfii bilisummaa keenyaaf barbaachisaa ta’e dhiyeessuu.
  5. Oromoon gootummaa himachuu yoo barbaade isa kaan hin hadheessu, Jaal abaluun akkas godhe,jaal isa santu akkana taasises hin jedhu.Yoo diina ajjeesee dhufe ta’e akka aadaan kenniteefitti si dura geerara,yoo yeeyyi ajjeefte itti aanta leenca yoo ta’es itti aanta….akkanaan geeraraa gootummaa ofii ibsatu turan.Gootummaan kun yeroo ibsatamu ta’ii hojii keetii akkanan taasisee akkanaanin akkas taasise jettee geerarta malee olola jibbiinsaa fi tuffii irratti hin ooftu innis atis yeroo himattan hawaasi madaalee kan isa caaluu faarsa.Fkn Ajjeesaa lamatu yeroo Walqeeqan Naannoo Oromiyaa Lixa Wallaggaatti akkana waliin jedhuInni tokko baqqoodhaan dhufe jedhe………..

    Jimma Baqqoo seetanii
    Isa rakkoof ceetanii
    Buna buutuu AbbaaGaroo
    Uffattuu kal’ee raroo
    Dhaqaaf gala hin kaanneeree
    Masaaqula hin baanneeree…”

    Warri akkanaan qeeqaman/mikkiiraman yeroo mikkiiruu kan geerarsa kanaan deebisan

    Gom’ituun gomma hin buutuu
    Gooommana buuti malee
    Gom’itee duuti malee”…..

    Kana jechuun Uffattuun kal’ee raroo warri Goojjamee Wallagga qaxxaamuranii Buna bu’uuf Jimma deemu akkuma isaaniti malee isin baqqoo hin dhaqne yeroo jedhuun isaan akkas jedhaman kun immoo gom’ituu ykn kan baay’ee yeelaltuu taate immoo Jimmuma sanayyuu hin dhaqxu jechuun deebisuufi.Hawaasis deebi quubsaa kennamu fi dhugaa,gootummaa kee ilaalee si faarsa jechuudha malee arrabsoo akka bara amma miidiyaa hawaasaa fi gartuu fi gurmuutti ijaaramanii wal hin hadheessani.Kanaafuu gootummaa akka kale qabaannee wal haa jajjabeessinu malee waan salphataa hojjechuu haa dhifnu.

  6. Kanaan dura Oromoon nama qabsoo isaa irratti gufuu ta’uun,keessaayyuu nama kofa uummataa saaqu/icciitii hawaasaa laatu gabaatti baasee guca itti qabsiisee guba.kun immoo fira fi alagaa hin jedhamu kanaaf Oromoon waliigaltee qaba ture.Har’a immoo gandaafi akkaataa amatiitiin illee wal ijaarree waan adeemnuuf yeroo namni gosaa tokko qeeqamu,dubbii dhugaa dhiifnee dubbii gandaatti dachaana.Kanaaf Oromoon dubbii warri seeexaaf seenaa gate itti jiru kana keessaa ba’uuf gootummaa kale sana qabaachuu qaba.
  7. Dhumarratti kanin jechuu barbaadu Oromoon gaafa lolaaf ba’u “lafee jedhee “nyaata” waliin nyaata namni nyaata sanatti akka tasaa dhaquyyuu dhiisee galuun qaaniidha.Kun immoo Irbuu/Waadaa jaalleewwaaniiti.Amma namni marsaalee hawaasaa irratti maqaa kan wal balleessu kan irbuu waliin qabus miti.Alagaanuu walitti nama naquuf hojjechuu mala.Frummati walii galaa akkan ilaalutti gootummaa daa’imman Oromoo gama tokkoon Oromoo du’u qofa arganii “Oromoofin du’a” jedhan kana jijjiirree “Oromoofin ajjeesa” jedhanii diina akka gombisaniif Waraana Oromoo bulchiinsa Gadaan hoogganamaa ture sana haa yaadatnun jedha! Yeros waraana Humna Ittisa Uumataa ta’e ijaarrachuu dandeenya!.

Injifannoon Uummata Oromootiif!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: