Gootummaa kutaa 2ffaa
Noolee Buttaatiin
Oromoon gaafa lolaaf ba’u “lafee jedhee “nyaata” waliin nyaata namni nyaata sanatti akka tasaa dhaquyyuu dhiisee galuun qaaniidha…….
Kutaa darbe keessatti Gotummaa irratti gootummaa Oromoon dur qabuu fi har’as gootummaa qabaannee ilaacha warra lixaa fi rakkoolee keessaatiin qabsoon Oromoo keessattuu waggoota 11ffaaf adeemsifamaa jiru gara fuula duraatti Humna Ittisa Uummataa kan tooftaa waraana ammayyaa fi waraana riphe lolaa Gadaatti dhimma bahuu qaba ilaalcha jedhurraa ammas kutaa 2ffaa isaa isinii barreessuuf dirqameen jira.
Gootummaa Oromootiif lammiileen alaafi diinni ollaa Oromoo utuu hin hafin barreessaniiru,ragas ba’aniiru. Kan dhiironni barreessanirraa waan dubartoonni Goojjam dhiira isaaniitin jedhan kun qofti ga’aadha!
አመጣለዉ ብሎ ጆሮ ትልትል በረ
ጮማን ገብቶ ቀረ የጎጃም ገበረ
Bara 1840oota keessa hattootni Goojjam keessaa ka’anii uummata Oromoo saamuuf naannoo Horroo Guduruutti yeroo nam’an waraanni riphe lolaa Gadaa laaqii keessatti eeggatanii haleelanii achitti isaan fixaa turan keessattuu laaqiin Raaree Coomman lola kanaaf mijataa akka ture loltoonni yeroo sanaa filachuu isaanii barrooleen Seenaa Oromoo galmeessaniiru.
Yeroon kun yerootti Abiisheen weerartoota yeroo lamaa ol of irraa qolateefi humnoota akka Qadiidaa Wannabee isa Jimmaa Raaree,Teessoo Qannoo isaAmuru Jaartee fi Soorii Galaa isa Jimmaa Gannatii warra alagaa wajjin Goojam irratti qunnamtii tolfatuun waraana Oromoo naannoo sanaa irratti geggeessuuf utuu jiranii,tokkummaa dhabuu Oromoota Horroo Guduruu kan hubatte Haati Mootii Gudayyaa Dojaa Arbaas akkas jette jedhama. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk