SBO: Fulbaana 09 bara 2016. Oduu, Iyyannoo Hidhamtoota Oromoo Mana Hidhaa Qaallittii Keessa Jiranii fi Gaaffii fi Deebii Artiist Zarihun Wadaajoo waliin taasifame.

Aside

SBO: Fulbaana 09 bara 2016. Oduu, Iyyannoo Hidhamtoota Oromoo Mana Hidhaa Qaallittii Keessa Jiranii fi Gaaffii fi Deebii Artiist Zarihun Wadaajoo waliin taasifame.

Aside

Magaalaan Naqamtee Waraana Agaazii Wayyaaneen Jeeqamaa Jirti.

Aside

nqFulbaana 8,2016 Warraaksi biyyoolessaa diddaa gabaa lagachuudhaan wal qabatee torbee kana magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti daran jabaatee itti fufuurraan kan ka’e mootummaan gabroonffattuun Wayyaanee rifannaa guddaa keessa seenuudhaan uummata magalaa Naqamtee fi naannoo ishee irratti dhukaasa banaa jira.
Hanga ammaattis dhukaasa mootummaan gabroonffataan Wayyaanee uummata gaaffii mirgaa gaafachaa jiru irratti bansiiseen lubbuun namoota lamaa irbaata rasaasaa ta’e akka jiru bira ga’amee jira.
Kanneen du’an keessaa kan maqaansaanii nu ga’e:
1,Eebbaa waaqjiraa Bakka dhalootaa magaalaa Siree akka ta’es bira ga’amee jira.
Haaluma Kanaan  Yeroo ammaa kanas mootummaan Wayyaanee lafa seentu dhabdee oliif gadi waraanashee uummata magaalichaarra naannessuudhaan uummata doorsisaa jirti. Gidduuma kana dargaggoonni magaalaa naqamtee sabboontota ta’anis mana hidhaatti akka darbataman bira ga’amee jira. Kanneen keessaa:
1,Dargaggoo heenok Tananyee 2.dargaggoo muluqan  bootee.
3 Dar.Qaaluxee.
4.Dar.Taakuu shitayee
yeroodhaf maqaa abbaa issanii baruu hin dandeenye.  Dargagooni kun gidduuma kana  poolisota federaalattin marfamanii magaalaa naqamtee keessaa naannoo bakka jaamaa jedhamuu butamanii achi buuteen isaanii dhabamee jira.

Guyyaa har’aa Fulbaana 7,2016 FXG Itti Fufee Magaalaan Naqamte Cal-Cal jettee Jirti.

Aside

Konkolaataan tokkoyyuu magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi imalaa hin jiru. Suuqiinis manni nyaataas hunduu cufamanii jiru.
Mootummaan gabroonffattuu murna bicuu Wayyaanees naasuu guddaan shororkooftee uummata suuqii fi mana nyaataa irra deemuun doorsisaa jirti.
Uummannis sodaa tokko malee diddaa mootummaa Wayyaaneef qabu duula gabaa lagachuutiin mirkaneessaa jira.

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

” Irrraa Hin Bitiin, Itti Hin Gurguriin ” Hawwisoo Qeerroo Sochii Gabaa Lagachuu Bara 2014 .

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 6, 2016

Aside

SBO Fulbaana 07,2016. Oduu, Haala yeroo irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Godina Bahaa Dachaas waliin geggeeffame, akkasumas gaaffii fi deebii Atilet Eebbisaa Margaa Ijjiguu waliin geggeeffame kutaa xumuraa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan magaalaa Naqamtee fi naannoo keessatti argaman fulbaana 05/2016 halkan guutuu barruullee warraaksaa maxxansaa fi bittinsaa bulan.

Aside

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Waraqaan kun  uummanni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishees Ficila Xumura Gabrummaa FXG  akka finiinsaniif waraqaan waamichaa godhameefii jira.
Barruulleen warraaksaa dhimma hidhamtoota mana hidhaa Qilinxoo iirrattis haalaan guutummaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa facaafamaa bulee jira.
Kanneen keessaa:
– Hidhamtoonni balaa abiddaa qilinxootin du’an uummatatti haa mullifaman.
-Hidhamtoonni rasaasa Wayyaanneetiin boqotan uummatatti haa agarsiifaman.
-Biyya isaa irratti abbaan biyyummaa Oromoo haa kabajamu.
-Abbaan biyyaa Oromoodha.
-OPDOn farra qabsoo bilisummaa Oromooti.
-OPDOn diina uummata oromooti jechuudhaan  ,dhaadannoolleen kunneen facaafamaa bulanii jiru.
Mootummaan Wayyaanees naasuu keessa seenuun uummata nagaa karaa irra deeman tumanii manatti olseensisaa jiru.
Uummanni magaalaa Naqamtees guyyaa keessaa naannoo sa:a 11 iirraa kaasuun guutummaan guutuutti suuqii cufuun ,taaksiin akkasumas konkolaataan kam iyyuu karaarra akka hin deemneef walii galteedhaan murteessuun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mullisanii jiru.
Mootummaan gabroonffataan Wayyaanees kirkirffannaa keessa seenuun uummata magaalaa Naqamtee namni tokko suuqiis ta’u kaaffeen,manni nyaataa akka hin cufne  jechuun doirsisaa jira.

Seenaa Goota Oromoo Jaal Elemoo Qilxuu

Aside

Abbaa Urjii tiin  

elemo_qilxuuQabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa, arra sadarkaa if duuba hin-deebinee fii abdachiisaa geeysee jirti. Dhuma bara 2015 irraa kaasee hamma yoonaatti, lammiin Bahaa-Dhihaa fii Kaabaa-Kibbaan mirga isaanii tiif anaannata bira dabranii xiqqaa fii guddaan dhiiraa fii dhalaan wareegamaa, caphaa, dhiigaa jiran. Wayyaaneen, warra waraana Dargiirraa boojitee fii abbootii garaa kanneen ummata Oromiyaarratti muuddeen irreen aangorra jiraachuuf ijibaanni godhaa jirtu guyyuma-guyyaan bu’ura dhabaa jira.

Qabsoo bilisummaa tan arra xiqqaa fii guddaa lammii Oromiyaa Bahaa-Dhihaa fii Kaabaa-Kibbaan, “bilisummaa ykn du’a!” jachisiisaa, Wayyaanee dhaabaa-dhaabbata waakkachaa jirtu bu’ureesuuratti qabsaawaan qoonni isaa hundaa ol tahe Elemoo Qilxuu ti.

Elemo, arra, gaafa ummanni Hiddii Lolaa keessaa “Burraayyuun teenya”! ja’an, warri Gincii “dhiiga nama keenyaa kan Aaw-Wadaayitti dhangala’e ni baafanna!” ja’an, haala kanaa fiis, xiqqaa guddaan – dhalaa dhiiraan, diina ibidda itti harutti, harka duwwaa deeman, odoo hin taane, gaafa haalli kanaan faallaa, gaafa ummanni Oromoo ifii fii waliis wallaalanii dukkana keessa turan “akki kuni isaaniin hin malle” jachuun, jiruu sadoo tan keeysa ture dhiisee, maatii isaa biyya alagaa keessatti gatee, qaanqee qabsoo hidhannoo bilisummaa qabsiisuuf nama Adanirraa biyya seene.

Maqaan warri Elemoof moggaasan Hassani. Akka aadaa hawaasa Baha Oromiyaatti maqaan buruja ykn haala dhalataa ykn dhalattuu laaluun moggaafama. Maqaan afaan Arabaa kan haala san hordofuun Elemoof moggaafame, hiikkaa sadii qaba. Isaaniis, Bareedaa, Gaarii ykn Tolaa fii, Nama rakkataa ykn dhimma kabajamaa tahe gargaaru kan ja’u. Namni akkuma dhalateen haalli armaa olii irraa calaqqise kuni, Abraahim Umarii fii Aashaa Aammad irraa Baha Oromiyaa, Godinaa Bareentumaa Konyaa Gaara Mul’ataa, Aanaa Qarsaa, Ganda Galaan kan Raaree Bululoo keessatti arkamutti, toora bara 1936 keessa dhalate. Continue reading

Gurmuun Tumsa Qeerroo Biyya Asutraliyaa Kutaa Perth Jedhamu Keessatti Ijaarame Qeerroon Qaama Warraaqsaa Murteessaa Ta’uu Ummataaf Ibsa Kenneen Beeksise.

Aside

Fulbaana 5,2016 Gabaasa Tumsa Qeerro Perth

Gurmuun Tumsa Qeerroo biyya Australia kutaa Perth ummata Oromoo magaalichaaf wa’e Qeerroo ifa godhan. Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth, yeroo jalqabaaf, guyyaa gaafa Amajjii 1, 2016 magala Perth keessati qindoomiinan dhabaate. Gurmuun kun kayyoo fi mul’at Qeerroo bilisumma Oromooti amanuunun tumsa gama hundaan gochuuf miseensota gara nama 27n hojiiti seenee jira.

Ummatichas faaruu Alaaba Oromoo faarfachuu, faaruu gootota farfachuu, walaloo nama kakasaniif agarsiisa garagara dhaan ummata oromoo magalicha keessa jiraan dadamqsuu irratti hojii hojachaa jira. Olola gara garattiin hawwasa Oromoo qulqulluu fi sabboonaa ta’e  amantii fi nannoo dhaan gar-gar diiguuf warra carraqan dura dhabbachuun, ummaticha danddii dhugaa irratti tiksuuf muranoon hojjacha jiraachuun isa ifaadha.

Kana malees ilamaan Oromoo magalicha keessatti dhalatanii, afaan Oromoo hin beeknes ta’e kanneen hin qajaalfatne  gurmuu Qeerrooti dabaluun Afaan Oromoo,seenaa fi aadaa Oromoo barsiisa, nii hordofa, enyumma ykn Oromuummaa isaanis akka baranii guddatan irratti ni hojjata. Gurmuun Tumsa Qeerroo Perth, dargaggota ummatoota biro wajjiin illee wal-qunnamti ummani jiru. Fakenyaaf; yeroo gara gara Ogaden youth wajiin akkamiin walii wajiin qabsoo akka gaggeessan akkasums iddo tokkotti ummata waamuun akka tajaajilan mari’atanii. Gurmuu Tumsa Qeerroo Perth, yeroo dhihooti haa dhabbatu iyyuu male, hojii heddu hojate jira. Waltajiilee gara gara irratiis yeroo heduuf hirmaate, wa’e Qeerroo hawwasichaf hubanna gudda kena jira.

Continue reading