Godina Arsii Dodolaa fi Seerutti keessatti guyyaa har’aa Fulbaana 24,2016 mormiin FXG gaggeefamaa oole. Aside Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Guutoo Giddaa Magaalaa Ukkee Barsiisonni Leenjii Dabbalootaa TPLF Dura Dhaabbachuun Haala Boonsaan Xumuran Aside Fulbaana 24,2016 Godina Wallagga bahaa Aanaa Guutoo giddaa Magaalaa Ukkeetti Leenjiin barsiisotaa kan torban lamaaf ture har’a Barsiisonni keenya injifannoodhaan Xumuraniiru…Guyyaa walga’iin kun eegale irraa kaasuun barsiisonni mana barumsaa ukkee sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Mootummaa nama nyaata kana hadheeffatanii mormuudhaan Mujula kana hin dubbifnu jechuun harkatti didanii Mormii bifa callisuutiin Xumuraniiru. Haalli kun waan garaa isaan gubeef Sabboona Barsiisaa Akkawaaq Jalduu kan jedhamuun Gaaffii qabdaa, hindubbattuu jedhanii gaafannaan Sababan Dubbadheefan Xoollayitti hidhame jedhee deebiseef.. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Waldaan Guutuu Wangeela Magaalaa Naqamtee Loltoota Wayyaanee TPLFn Goolamaa Jirti,Tajaajiltooti Waldichaas Hidhamanii Jiru. Aside Fulbaana 24,2016/ Warraakasa biyyoolessaa baatii 11 Oliif akka abidda saafaatti finiinaa tureen kan rifate mootummaan garboonffataau murna bicuu Wayyaanee aangoo isaatti fayyadamuun ilmaan oromoo sabboontota ta’aniifi tajaajiltoota wangeelaan maaliif uummataaf kadhattu jechuun magaalaa Naqamtee keessaa jumlaan mana adabaatti guuraa jira. Haaluma kanaan mootummaan abbaa irree(TPLF) yakka isaa ajeechaa fi doorsisni inni ummaata biyyaatirraan gahaa ture itti xinnaannaan amma immoo abbooti amaantii sabaaf kadhataan akkasumas uummata isaaniif kan quqqamaan yakka tokko malee mana adabaatti guuraa jira. Hanga ammaattis tajaajiltoonni waldaa guutuu wangeelaa kan magaalaa Naqamtee keessa jiran keessaa namoonni heedduun hidhamaa jiru. Teessoon waldaa guutuu wangeelichaa kan inni keessatti argamus 07 keessa yemmuu ta’u namni tajaajiltoota wangeelaa kanarratti yakka duguuggaa sanyummaa raawwachaa jirus nama maqaansaa Fiqaaduu Takilee jedhamuudha. Yakkamaan kun Waldaa guutuu wangeelaa keessaa nama tajaajilamuuf deeme fakkaachuun tajaajiltoota kanaan Yaa waaqayyo mootummaa kana nurraa buqqisi jechuun kadhattan jedhee mana hidhaatti guursisaa akka jirus baramee jira. Bifuma walfakkaatuunis yakkamaan Fiqaaduu Takilee jedhamu kun tajaajiltoota kanaan maqaa meeshaa waraanaa guutummaa magaalaa naqamtee keessatti dhukaafamaa jiru isintu maallaqa walitti qabee bitaa jira maqaa jedhuun tajaajiltoota kana mana hidhaatti guursisaa jira. Kanumaan wal qabatees tajaajiltoonni maqaan isaanii kanaa gaditti eerame mana hidhaatti kanneen gidduuma kana qabamanii jiran keessaa: Zerihuun Imiru hojiin isaa tajaajilaa guutuu wangeelaa magaalaa Naqamtee. Kennsaa Alemuu hojiinsaa tajaajilaa guutuu wangeelaa. Fayyisaa Tashomee hojiin isaa tajaajilaa guutuu wangeelaa. Kennasaa Darajee Hojiinsaa tajaajilaa guutuu wangeelaa Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...