Baarentuu Gadaa Irraa
Qabsoon Oromoo ABOn hogganamu, qabsoon hidhannoo fi qabsoon FXG qeerroo dargaggoota Oromootiin finiinaa jiru guyyaadhaa gara guyyaatti babbalachaa fi jabaachaa deemuudhaan yeroo ammaa kana diina ulaa/ holqa/ duubatti deebi’uun hin danda’amne seensiisee jira. Oromoon firii qabsoo isaa, qabsoo hidhannoo ABOn gaggeeffamu, qabsoo FXG qeerroo dargaggoota ilmaan isaan finiinaa jiruu dhandhamuuf sadarkaa xumuraarra gaheera jechuun ni danda’ama.
Har’a caasaan diinaa gutummaa Oromiyaa keessaa ciramee bahaa jira.
Caasaan diinaa duraan ummata goolaa ture tokko shanee irraa eegalee amma kaabinee gandaa,Onaa fi Godinaatti Oromiyaa keessaa gara magaalaalee gurguddoo biyyattiitti baqachaa jiru. ummanni Oromoo Oromiyaa iddoo hedduutti gibirra kaffaluu, walgahii Wayyaanee fi jalee ishii OPDO dhaquu dideera.
Ummanni Oromoo keessuumaa WBO fi qeerroon Oromoo ergamtoota sirnichaa bakka arganitti adabaa jiru. Qabeenyaa isaa barbadeessaa, meeshaalee aadaa qabaniin reebaa jiru. Hidhattoonnii fi miseensoonni waraana sirnichaa kanneen ilmaan cunqurfamootaa ta’an hedduuniis ajaja sirna wayyaanee lammii keessan ajjeesaa jedhu diduun gara qabsoo ummataatti makamaa jiraachuun ifatti gabaafamaa jira. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk