Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 6, 2016

Aside

SBO Fulbaana 07,2016. Oduu, Haala yeroo irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Godina Bahaa Dachaas waliin geggeeffame, akkasumas gaaffii fi deebii Atilet Eebbisaa Margaa Ijjiguu waliin geggeeffame kutaa xumuraa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan magaalaa Naqamtee fi naannoo keessatti argaman fulbaana 05/2016 halkan guutuu barruullee warraaksaa maxxansaa fi bittinsaa bulan.

Aside

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Waraqaan kun  uummanni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishees Ficila Xumura Gabrummaa FXG  akka finiinsaniif waraqaan waamichaa godhameefii jira.
Barruulleen warraaksaa dhimma hidhamtoota mana hidhaa Qilinxoo iirrattis haalaan guutummaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa facaafamaa bulee jira.
Kanneen keessaa:
– Hidhamtoonni balaa abiddaa qilinxootin du’an uummatatti haa mullifaman.
-Hidhamtoonni rasaasa Wayyaanneetiin boqotan uummatatti haa agarsiifaman.
-Biyya isaa irratti abbaan biyyummaa Oromoo haa kabajamu.
-Abbaan biyyaa Oromoodha.
-OPDOn farra qabsoo bilisummaa Oromooti.
-OPDOn diina uummata oromooti jechuudhaan  ,dhaadannoolleen kunneen facaafamaa bulanii jiru.
Mootummaan Wayyaanees naasuu keessa seenuun uummata nagaa karaa irra deeman tumanii manatti olseensisaa jiru.
Uummanni magaalaa Naqamtees guyyaa keessaa naannoo sa:a 11 iirraa kaasuun guutummaan guutuutti suuqii cufuun ,taaksiin akkasumas konkolaataan kam iyyuu karaarra akka hin deemneef walii galteedhaan murteessuun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mullisanii jiru.
Mootummaan gabroonffataan Wayyaanees kirkirffannaa keessa seenuun uummata magaalaa Naqamtee namni tokko suuqiis ta’u kaaffeen,manni nyaataa akka hin cufne  jechuun doirsisaa jira.

Seenaa Goota Oromoo Jaal Elemoo Qilxuu

Aside

Abbaa Urjii tiin  

elemo_qilxuuQabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa, arra sadarkaa if duuba hin-deebinee fii abdachiisaa geeysee jirti. Dhuma bara 2015 irraa kaasee hamma yoonaatti, lammiin Bahaa-Dhihaa fii Kaabaa-Kibbaan mirga isaanii tiif anaannata bira dabranii xiqqaa fii guddaan dhiiraa fii dhalaan wareegamaa, caphaa, dhiigaa jiran. Wayyaaneen, warra waraana Dargiirraa boojitee fii abbootii garaa kanneen ummata Oromiyaarratti muuddeen irreen aangorra jiraachuuf ijibaanni godhaa jirtu guyyuma-guyyaan bu’ura dhabaa jira.

Qabsoo bilisummaa tan arra xiqqaa fii guddaa lammii Oromiyaa Bahaa-Dhihaa fii Kaabaa-Kibbaan, “bilisummaa ykn du’a!” jachisiisaa, Wayyaanee dhaabaa-dhaabbata waakkachaa jirtu bu’ureesuuratti qabsaawaan qoonni isaa hundaa ol tahe Elemoo Qilxuu ti.

Elemo, arra, gaafa ummanni Hiddii Lolaa keessaa “Burraayyuun teenya”! ja’an, warri Gincii “dhiiga nama keenyaa kan Aaw-Wadaayitti dhangala’e ni baafanna!” ja’an, haala kanaa fiis, xiqqaa guddaan – dhalaa dhiiraan, diina ibidda itti harutti, harka duwwaa deeman, odoo hin taane, gaafa haalli kanaan faallaa, gaafa ummanni Oromoo ifii fii waliis wallaalanii dukkana keessa turan “akki kuni isaaniin hin malle” jachuun, jiruu sadoo tan keeysa ture dhiisee, maatii isaa biyya alagaa keessatti gatee, qaanqee qabsoo hidhannoo bilisummaa qabsiisuuf nama Adanirraa biyya seene.

Maqaan warri Elemoof moggaasan Hassani. Akka aadaa hawaasa Baha Oromiyaatti maqaan buruja ykn haala dhalataa ykn dhalattuu laaluun moggaafama. Maqaan afaan Arabaa kan haala san hordofuun Elemoof moggaafame, hiikkaa sadii qaba. Isaaniis, Bareedaa, Gaarii ykn Tolaa fii, Nama rakkataa ykn dhimma kabajamaa tahe gargaaru kan ja’u. Namni akkuma dhalateen haalli armaa olii irraa calaqqise kuni, Abraahim Umarii fii Aashaa Aammad irraa Baha Oromiyaa, Godinaa Bareentumaa Konyaa Gaara Mul’ataa, Aanaa Qarsaa, Ganda Galaan kan Raaree Bululoo keessatti arkamutti, toora bara 1936 keessa dhalate. Continue reading