Qophii Addaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Sadaasa 5,2014

Aside

Baratu Bara Milkiitii Bahaa Falmadhaa!

Aside

Sadaasa 04 Bara 2014 Jiituu Lammii Irraa

Barri 1998, bara Afaan Oromoo yeroo jalqabaatiif qormaata biyyoolessaaf dhiyaate tauun buaalee dhiigni ilmaan Oromoo magarse keessa isa hin dagatamne taa. Barri kun bara hojiin Oromoo fi Oromummaa qalbii dhalootaa keessatti deebisanii magarsuuf taasifame hundee jabaa horachuu mallattoon eeru itti mulatee dha. Dhaloonni haala kana keessa cayaa Oromummaa jalatti, harka Oromoorrattii fi foolii Oromummaa keessatti guddate dhaloota gadoo sabaa baasu, madaa lammii dhinsu (fayyisu), dhaloota seexaa fi murannoo addaa qabu, dhaloota gabrummaa hadheeffate taeetu guddate. Dhaloota ormaaf hin jilbeeffanne kan ofii dabarsee hin laanne, dhaloota fincilaa tauu hojiin mulise. Hojii dhaloota kanaatu dhimmi Oromoo dubbii abbaa jabaa qabu tauu mirkaneesse. Fiixee dubbii addunyaatti olbaasee toora qabsiise. Kanatu xiyyeeffannoo dubbii koo haraatii na waliin turtuu laata!!

Bitootessa, 2000 bosonni Oromiyaa Booranaa fi Baalee torbanneeniif birmachuu tokko malee gubachuun dhugummaa dubbii kanaaf mirkana tae. Kan Oromiyaaf birmatu Oromoo tauutu hubatame. Manneen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman hunda keessaa sagaleen gurmuu jabaarraa dhagahame dhugumattuu dhaloonni roorroo bara dheeraatti xumura tolchu qeee Oromoo keessaa biqiluu akeeke. Sana booda Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) otoo walirraa hin cinne arguu fi dhagahuun adaa tae.

Jiituu fi Yaadannoo FDG 2014.doc

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 5, 2014

Aside

“Qubee Afaan Oromoo” Faaruu Hawwisoo WBO Dirree Qabsoo 1980 moota Keessa

Aside

Aside

Qeerroo Edit

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneen Murtii Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Dirree Dawaa 21 Irratti Dabarse Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Mootummaan Wayyaanee afaan qawweedhaan erga aangootti olbahee kaasee hidhaa, ajjeechaa, biyya  irraa arii’uu fi darara dhala namaaf hin malle barattoota Oromoo irratti gaggeessaa as gahe. Barattootni  Oromoo dhiibbaa mirga namummaa fi Dimokiraasii Uummata Oromoo irratti gahaa ture dura  dhaabbachuun wareegama qaalii kaffalaa turan. Mootummaa wayyaanee abbaa irreef murtiin dabaa  hidhaa fi ajjeechaan QBO duuba kan deebisu itti fakkaachuudhaan itti fufinsaan daba daangaa hin  qabne gaggeessaa as gahe.

Gaaffii abbaa biyyummaa barattootni Oromoo gaafatan dura murtii hidhaa fi ajjeechaa dabaan  dhaabbachuun kan beekamtu wayyaaneen barattoota Oromoo Yuunivarsiitiilee keessaa mana hidhaatti  guurte irratti murtii dabarsite. Sabboontota Barattoota Oromoo 21 kan Yuunivarsiitii Dirree Dawaa  keessaa baratan irratti himannaa dharaa kan bane abbaan irree Wayyaaneen mana murtii sadarkaa 1ffaatti murtii  hidhaaf dabarsuun murtii dabaa itti murteessite. Barattootni kunneen ji’a jaha guutuuf mana hidhaa  mootummaa Wayyaanee gidduu galeessaa Maa’ikelaawwii fi Dirree Dawaa gidduu naannessuudhaan  rukkuttaa hamaa irraan kan geessu yoo tahu ammas murtii hidhaa waggaa fi qarshii 500 eegalee hanga  waggaa shanii fi qarshii 500tti itti murteessitee jirti. Barattootni kunneen

  1. Barattuu Daraartuu Abdataa Araarsoo
  2. Barataa Mootii Baanjuu Ayyaana
  3. Barataa Dheeressaa Simee Qumbii
  4. Barataa Dassaaleny Beeksisaa Imaanaa
  5.  Barataa Abdii Birraa Baqqalaa
  6. Barataa Gadaa Baanetaa Gannaalee
  7. Barataa Leencoo Teediroos Dheeressaa
  8. Barataa Darajjee Tasfaayee Mokonnin
  9. Barataa Ifaa Geetachoo Obsaa
  10. Barataa Amaanu’eel Ittafaa Sirneessaa   Guutummaan ibsa kanaa:- Barattoota Oromoo Yuuniversitii Dirree Daawaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname. 1

SBO Sadaasa 05 Bara 2014 Oduu – Sadaasa 9 guyyaa yaadannoo FDG waggaa 9ffaa ilaalchisee Ibsa ABO – FDG irratti yaada namootaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Abbaan Irree Wayyaanee Oromummaan Yakkee Kanneen Oromoota Hidhaa Buuse Irratti Dararaa Hammeessuu Isaa Keessa Beektonni Sirnicha Saaxilan

Aside

Because I am OromoGabaasa Qeerroo Finfinnee Qaama Mootummaa keessaa Saadasa 4,2014 argame akka ibsutti,Yeroo ammaa ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee keessatti dararri irra gaha jiru hedduun dhukkuba garagaraan saaxilamaa jiru, baatii Ebla 2014 irraa kaasee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuramaa jiraan lakkofsaan guddaa tahan baayinaan mana hidha Maa’ikelaawwii keessatti kan argaman reebicha hamaa irraan, rakkoo nyaataanis wal qabatee dhibee qaamaa fi dhukkuba garagaraan akka saaxilaman kan taasise mootummaan abbaa irree Wayyaanee ammallee dhibeedhuma qabaman keessattillee humna poolisiin reebsisaa kan jiru yoo tahu ilmaan Oromoo kutatoo tahan hanga du’aatti Oromummaa keenya gadi hin dhiisnu jedhanii hidhaa keessatti addatti ammo manuma hidhaa keessa jiraachuudhasn hidhamtoota ijaaran, maqaa waaqeffannaa jedhamuun dargaggoota ijaaraa jiran, buusii dhimma aadaa fi afaan Oromoo guddisuu jedhamuun funaanuun, akkasuma quunnamtii qaama alaa waliin gaggessuu hin dhiifne jechuudhan mootumman Wayyanee mana hidhaa Ma’ikalaawwii jedhamu keessatti dararra itti jabeessa kanneen jiran keessaa:

1.Qana’aa Chuuchee-Shgarr lixaa Amboo kan hidhame

2.Ayyaantuu Margaa-Shgarre lixaa Amboo irraa kan hidhate

3.Rabbirraa Atoomsa-Shagar  lixaa Amboo

4.Warqinaa Mul’ataa-Shar lixaa Gudar irraa kan qabamee hidhamer

Kan maqaan isaanii yeroodhaaf nun qaqqabin yoo tahu baatii caamsaa keessa mana hidhaa keessa erga galanii eegalee motummaa Wayyaaneen dararriin irraa dhaabbachaa kan hin jirree fi qaami isaanii haalaan miidhamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Sadaasa 3, 2014

Aside

Lafti Oromoo Albuudotaan Gabbataa Ta’e Abbootii Qabeenyaa Sirna EPFDF Amanamoo Ta’aniif Bifa Haaraan Hirmaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun lafa Oromoo albuudotan gabbataa ta’ee abbootii qabeenyaa amanamoo sirnichaa lammummaan Oromoo hin taaneen raabsamaa jira.

q10Sadaasa 4,2014 Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyiitti Kan argamuu lafti gabbataan albuudota kanneen akka Warqee, Copper (Sibiila Qorqorroo), Pootasiyemii , Carbonate, Marble, Dhagaa Hoofii, Ashaboo, Hixaana , fi lafa gabbataa qonnaa midhaan gurgurtaa
akka saliixaa fi horsiisa looniif mijataa ta’ee fi horrii loowwaan dhuganii furdatan Hora bidiruu dabalatee albuudootni kunneen Aanaa Midaa Qanyii gammoojjii Garaadoo (Anoonuu Nyabar)tti kan argamuu abbootii qabeenyaa Mootummaa abbaa irree dhalootaan illee Oromoo hin ta’iinitti gurguramee jiraachuun beekamaa dha.

Abbootiin qabeenyaa Wayyaaneef ergamuun lafa Oromoo saamuuf fiigaa jiran keessa tokko kanta’ee nama maqaan Isaa “Yohaanis Ababee” jedhamu, kan gartuu waliin hojjetu 26 of jalaa qabutti harki guddaan kan gurgurame ta’uun beekamee jira. Uummatni Oromoo aanaa Midaa Qanyii jiraattootni Ganda Garaadoos qee’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifamuuf akka jiran bira ga’amera, Uummatni Oromoo wareegama qaalii baasna malee qabeenya keenyatti diinni darbee nu hin saamuu jechuun jiraattootni Ganda Garaaddoo mormii guddaa godhaa jiru.

Lafti albuuda Uumamaa kanaan gabbataa ta’ee kun argamni isaa Aanaa Midaa Qanyii Gammoojjii Garaadoo keessatti kan argamu ta’ee maqaa addaa ”Anoonuu Nyaabar” jedhamuun kan beekamu karaa dhihaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruun kan dangeffamu, karaa Bahaa Aanaa Ginda Baratiin kan daangeffamu, Kibba Bahaan aanaa waddessaa fi Tokkee Kuttaayeen kan daangeffamu tilmaanii bal’ina isaa Hektaara 80 ol kan ta’uu Abbootii qabeenyaa Wayyaanetti gurguramuun isaa erga muirkanaa’ee Uummatni Oromoo Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii, Gindabarat , Waddeessa, Tokkee Kuttaayyee, Gudar, Amboo, Calliyaa Geedoo, fi Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanoota akka Abaaboo Guduruu, Jimmaa Raaree, fi Guduruu haalaan kan dheekkamsiisee ta’uun saaxilame jira. Uummatni Oromoo jiraattootni aanota kanneeniis gachaa faashistummaa fi shiftummaa mootummaa Wayyaanee EPRDF jala dhaabbaachuun qabeenyaa ofii irratti falmachuu fi FDG irratti kaachisuun dura dhaabbannaa hadhaawaa gochuun wareegama qaalii baasuuf walitti dhaammachaa jiraachuun gabaafame jira.

Uummanni Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo saaminsa qabeenyaa uummataa Oromoo dhaabsisuuf fi abbootii Irree aangoo irraa darbuun uummatni Oromoo qe’eef qabeenyaa isaa irratti mirgi abbaa biyyummaa isaa kabajamee fi Oromoon ofiin akka of bulchuuf qabsoo gaggeessa jiru Sochii Fincila Diddaa Garbummaa (FDG) jabeessuun furmaata.

Wallagga,Aanaa Najjoo Irratti Qondaaloti Tikaa Haaraa Wayyaaneen Ramadaman,Kanuma Waliin Sabboontoti Barsiisotii fi Humni Waraana Wayyaanee Keessaa Ammoo Hojii Irraa Arihamaa Jiru.

Aside

Odessa Qeerroo lixa wallaggaa magaalaa Najjoo, Sadaasa 3,2014

Q NEWS3AAAkka odeessi Qeerroo magaalaa Najjoo irraa nu qaqqabeen ibsutti, yeroodhaa yerootti waani gabaafamaa jiru mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo gidduutti gufuu qabsoo Oromoo kanneen ta’anii fi garaaf bultoota barbaaduun uumata irratti ramada. Haala kanaan Wallagga aanaa Najjoo keessatti sochii barattootaa fi waliigala uumata Oromoo danquuf jecha gaafatamtoota Tika naannoo ta’anii addatti hojii basaasummaa uuata keessatti akka raawataniif namni lama ramadamuu odeessi keessa mootummaa nu dhaqabe addeesse.

Kanneen :-

  1. Basaa wayyaanee waggaa dheeraa ilmaan oromootti ba’aa fi diina
    jabaa ta’ee jiru Waaqgaarii Teessoo Aagaa kan jedhamu qindeessaa mana
    barumsaa Giddaa Daallee, kan jiraatuu fi bakki itti dhalate aanaa
    Najjoo ganda Amumaa Goorgiis jedhamuu fi
  2. Akkawaaq Booqaa jiraataa aana Najjoo ganda Qilxuu Guluu fi
    qindeessaa mana barumsaa sadarkaa olanaa Gorii kan tahe;

Jarreen kun lamaan ammaan duras mootummaa Wayyaanee waliin hojjetaa fi ilmaan Oromoo hidhaa jiran irratti ragaalee sobaa bahaa hiisuu keessatti qooda guddaa fi amanamummaa waan muldhisaniif ramadaman jedha gabaasaan nu gahe.

Gama biraan ammoo barsiisaa Beekumaa Diinagdee kan jedhamu,qindeessaa mana barumsa Odaa Garii kan jiraatu aanaa Najjoo ganda Amumaa Goorgis yoo tahu, namni kun yeroo hedduu barsiisota Oromoo qindeessita sababa jedhamuun guutummaatti hojii isaa irraa arihamuu baasi nu gahe addeessa. Akka qondaalotiin Wayyaanee hojii irraa argihamuu isaa erga murteessanii xalayaan hojii irraa gaggeeffamuu isaa Sadaasa 01/2014 kan isa gaheedha, hojii irraa ariyamuu qofas osoo hin taanee namni kuni ammallee quunnamtii qaama biraa waliin qaba jedhanii basaastotuma dabarsanii isa kennan hojii akka ariyamu taasisan kanaan hordofamuu akka eegale, hojjetoota qofa osoo hin taanee barattoota oromoo akka aanaa kanaatti diinaaf saaxilamaa kan jiran sababa barsiisota basaastota Wayyaanee Waaggarii fi Akkawaaq jedhaman kanaan tahuu isaa gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
Gama biraan  Shakkii mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo waraana keessaa qabduun kan ka’e baaraginsa jabaa keessa seenuudhaan ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jirti. Fincila diddaa garbummaa deemsifamaa as gahe keessatti qooda qabdu jechuudhaan wayyaaneen ilmaan Oromoo federaalaa fi ittisa biyyaa qorannaa fi hidhaa jirti. Ilmaan Oromoo waraana ittisa biyyaa baha biyyattii irratti argaman

  1. Malkaamuu Darajjee
  2. Shaafii Mohaammed
  3. Habtaamuu Dalasaa

Jedhaman qabamuudhaan bakka buuteen isaanii kan dhabame yoommuu tahu, Magaala Finfinnee keessaas poolisa federaalaa kaampii meeksikoo keessaa Taammiraat Jabeessaa qabamuun mana hidhaa maa’ikelaawwiitti darbamee jira. Mootummaan wayyaanee doorsisaa fi hidhaadhaan qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf yaaltus daran jabeessa malee akka duuba hin deebisne sabboontotni waraana keessaa ejjennoo isaanii ibsatanii jiran.