QOOQA KEENYAAF GAACHANA HAA TAANU !

Aside

SEENAA Y.G(2005) | Sadaasa 7, 2014

barruuMiidiyaaleen Qooqa Oromoo Biyya keessaas ta’uu Biyya alaa Ummata isaanii tajaajilaa jiran, dhimma Qooqa Oromoon wal-qabatee, beektootaa fi Ummataaf gaaffiilee wal fakkaataa tokko gaafachuu jaalatan. Kunis Qooqi Oromoo, Aadaa fi Artiin Oromoo sadarkaa maalii irra jiraa ? guddatee moo, hin guddannee ? jedhanii gaafatu. Warri gaaffii kanaaf deebii laatan, deebiin isaanii, Biyya keessaa fi alatti garaagari. Inni Biyya alaa jiru haqa jiru haala qabatamaa jiru waliin deebii kenna. Inni Biyya keessa jiru ammoo, Qooqi Oromoo, Aadaan Oromoo, Artiin Oromoo guddachuu fi dhiisuun isaa Ummatichaaf odoo hin taanee, holola qaama biraaf barbaadama waan ta’eef yoo xiqqaate “guddachaa jiraatti” harkisanii ibsuu yaalu. Akka fakkeenyaatti deebii ogeessa aadaa fi Artii tokkof, gaaffiin wal fakkaataa dhiheessaniifi jennaan deebii isaan kennee haa kaasu. Artiin Oromoo Guddateera moo, hin guddanne ? deebii suduudaa laachuun waan hin yaadamne. Waan Biyya keessa ta’eef. Kan inni deebise garuu“warra Aartii kana guddisuuf bobba’an eenyutu isaan gargaara ? abbootiin qabeenyaa yoom bira dhaabbatan ? amma humana isaanii sochaa’aa jiru miti ? Ogeessi fi Namni beekumsa qabu yoom isaan gargaaranii beeku ? yoom bira dhaabbannee beeknaa isaan komachuuf fiigna ? waa hundaan isaan deeggaruu barbaachisa. gaaffii na gaafatte kana dura kanatu ilaalamuu qabaa ” jedhan. Maal jechuu akka barbaadan ifadha.

QOOQA KEENYAAF GAACHANA TA’UUN MURTEESSAADHA !!!!.docx

Sagalee Simbiruu fi Seife Nebelbal

Aside

Wallaggaa, Mana Hidhaa Gimbii Keessatti Dargaggoonni Oromoo 142 Hidhamanii Jiran Keessaa Namoota 27 Irratti Yakki Guddaan Raawatamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sadaasa 8,2014 Magaala Gimbii
Because I am OromoOdeessa maatii hidhamtootaa fi gabaasa Qeerroo irraa qindaa’ee har’a nu qaqqabe yeroodhaa yerootti akkuma gabaasaan dhiyaataa ture baatii Ebla 2014 keessa FDG dargaggoota Oromoon ka’een wal qabatee lubbuu barattootaa fi qonnaan bultoota Oromoo hedduutu bade, barataan danuun madaa’ee kumaatamaan kan lakkaawaman ammoo yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dararamaa kan jiru waan hubatamaadha. Haata’u malee mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti guyyaa fincilli kun eegalee kaasee uummata oromoo sabboonummaa qaban tika isaan qabsiisee mana hidhaatti darbee yakka tokko malee dararamaa jiru, ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti dararaman lakkaawuun kan nama rakkisu yoo tahe iyyuu gabaasa Qeerroo magaalaa Gimbii irraa nu qaqqabee fi akkasuma gabaasa maatii hidhamtoota keessaa magaalaa baqa mootummaa wayyaaneef magaalaa Finfinnee keessa jiraatan irraa nu gaheen diddaa lixa Oromiyaa lixaa irratti mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan falmii dhageessisaa turan yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dararamaa jiru.

Caamsaa 10/2014 godina Wallagga aanaa Haaruu magaalaa Jiituu keessatti diddaan qabatee ture humna mootummaa wayyaanee tahanii uummata miidhuuf kan ka’an irratti uummanni Oromoo magaalaa kanaa tarkaanfii fudhachaa tureen akkasuma humna waraana wayyanee dura dhaabbatanii gootummaadhaan mirga isaanii falmachuu irratti argamanii kan turan, ilaalcha ergamaa ABO fi dhaaba ABOf warra hojjetana jedhamee maatiidhaan mana hidhaa keessatti hanga ammaa dararriin irratti gaggeffamaa jiru,Caamsaa gaafa 12/2014 tikoota Wayyaaneen qabamanii baatii tokkoof waajjira poolisii aanaa Haaruu magaalaa Jiituu kan turan, baatii tokkoon booda gara mana hidhaa godinaatti darbuun mana hidhaa magaalaa Gimbii keessatti hanga ammaa dararamaa
jiran namoota 142 keessaa haalaan kanneen miidhaman Oromoota 27 kan armaa gaditi:-

  1. Yesuufee Kadir,
  2. Derejjee Badhaasaa
    3. Chuuchuu Kabbadaa67
    4. Giiboo Kabbaadaa
    5. Eliyaas Kabbadhaa
    6. Balaay Kabbadaa
    7. Mulugeetaa Kabbadaa
    8. Koorsaa Tarrafaa
    9. Olaanaa Tafarraa
    10. Bennesaa Waajjiraa
    11. Waaggaarii Tafarraa
    12. Eleiyaas Fiqaaduu
    13. Fiqaaduu Kabbadaa
    14. Takilee Kabbadaa
    15. Qannoo Dabalaa
    16. Dubbaallee Bantii
    17. Duulaa Tashoomee
    18. Kinfuu Asfawuu
    19. Haayiluu Tarfaasaa
    20. Jiraataa Saaqqataa
    21. Gammadaa Olaanaa
    22. Ayyaanaa Taammiruu
    23. Addisuu Tashoomee
    24. Sanbatoo Tashoomee
    25. Qaasimee Mohaammad
    26. Maabiraate Derejjee
    27. Dassaaleny Haayiluu
    Namootni kun akkuma olitti ibsuuf yaalle mana hidhaa lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii keessatti hidhamanii kan jiran tahuun beekama.

Barattootni Oromoo Moora Yuuniversitii Aksum Waraqaa Dhaadannoo Mooraa Keessatti Maxxansuun Gaaffii Mirgaa Kaasan.

Aside

diddaa9Sadaasa 8,2014 Qeerroo Yuuniversitii Aksum
Sadaasa 9 FDGn wal qabsiisuudhaan Qeerroon hanga har’aatti Sadaasa 8 waraqaa dhaadannowwan uummata Oromoo kakaasu qopheessuudhaan caasaa hunda qaqqabsiisaa jira, godinalee oromiyaa keessaa fi manneen barnootaatti yaadannoo guyyaa kanaan wal qabsiisee dhaadannoon mooraawwan barnootaa adda addaa keessatti maxxanuu akka qabuuf barruun Yuuniversitiilee hundaatti caasaa qabnuun dhaqqabsiifamee jira.
Kanumaan wal qabsiisee Qeerroon mooraa Yuuniversitii Aksum jiru sabboontotni oromoo yuuniversitii kana keessa jiran naannoon isaan jiran, bakki barumsa isaanii uummata tigraay keessa tahullee, soda tokko malee barruu garagaraa dhimma uummata Oromoo ilaallatu, dhiittaa mirga uumata Oromoo ilaalchisee mooraa keessatti barruu maxxansanii kan bulan yoo tahu, dhaadannowwan :
– Mirgi dhala oromoo eessaa fi yoomiyyuu kabajamuu qaba,
– Mootummaan wayyaanee oromoo murtii dabaa fudhachuu dhaabuu qaba,
– Mootummaan wayyaanee saamicha lafaa uummata oromoo irraa dhaabuu qaba,
– Barataan oromoo yakka malee hidhamuun haa dhaabbatu,
– Maqaa shororkeessuumaan ABO dhaadachuun haa dhaabbatu,fi kkf..

Mooraa Yuuniversitii Aksum keessatti waraqaan halkan maxxanfamee bule, kan shakkamu ijoollota Oromoo tahanillee gaaffiwwan bifa dhaadannoon barra’anii maxxanfaman kun gaaffii barattootni kaasaa turan tahuu isaa waan beekameef caasaa OPDO moora san jiruun eenyu akka maxxanse hin beekamne, garuu gaaffii barattootni leenjii isaanii irratti kaasaa turaniidha, shakkiidhaan barataa kamiinuu qabuu irra waraqaa maxxanfame kana buqqisnee hordoffii gochuu qabna jechuudhaan guyya kana marii taasisaa akka jiranii fi murtii dabaa akkuma amala isaa mootummaan Wayyaanee barattoota oromoo mooraa san jiran miseensa OPDO kan hin taane kamuu qoratamuu qaba,hordofamuus qaba, qabamees yeroodhaaf hidhaadhaan qorannaan irratti gaggeeffamuun waan dirqamaati jedhee murtoo dabaa baasee dhaamuun dhagayame, barruun maxxanfame OPDO mooraa sanaan buqqa’ee kan bahee fi barattootni oromoo mooraa kana jiran guyyaa boruu Sadaasa 9 guyaa FDG kabajuu fi haaluma kanaan dhaamsa dabarsuu akka qaban murtoo fi ejjennoo qaban cimsanii Qeerroof dhaamu, naannoon jiraannu gaaffii mirgaa gaafachuuf nun daangessu, doorsisi diinaas of taanee akka hin mul’anne nun godhu, Oromummaa keenya ifatti mul’isnee darbuun uummata keenyaaf wareegama barbaachisu kaffaluun ejjennoo keenya tahuu isaa dhaamsa dhaammatu, sochii barattootni oromoo mooraa kanatti taasisan keessaa inni duraa barruun dhaadannoo dhimma qabiyee saamicha lafa oromoon wal qabsiisee, mirga Oromoon wal qabatee,.. maxxansuun barattoota oromoo hunaaf waamicha dabarsanii akka jiran gabaasni Qeerroo mooraa yuuniversiti Aksum irraa har’a ganama kana addeessa.
 

Sadaasa 07, 2014 Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophiilee Adda Addaan Qabate Jiru.

Aside

A Chronological Summary of Oromian Student Movement Led by Qeerroo Bilisummaa

Aside

A Chronological Summary of Oromian Student Movement Led by Qeerroo Bilisummaa

November 2013 – November 2014

Compiled by Daandii Qajeelaa | November 7, 2014

In memory of Oromo students who lost their lives during the November 2005 and April/May 2014 Oromo student movement known as Fincila Diddaa Gabrummaa (Revolt Against Subjugation).

jullix

Introduction

In recent years an Oromo youth wing known as “the National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD)”, widely known among the Oromo as “Qeerroo Bilisummaa” or simply “Qeerroo”, has reinvigorated the struggle of the Oromo nation for freedom, democracy and justice. From the publications and public statements of the group, one can easily see a strong connection or affiliation of the group with the Oromo Liberation Front (OLF). For example, the radio of OLF, Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO), routinely reports the movements of Qeerroo, and conversely, Qeerroos radio, Sagalee Qeerroo Bilisummaa, also routinely reports the military activities of the OLF army. However, the chairman of OLF, Mr.  Daud Ibsa Ayana, was reluctant to disclose the apparent affiliation of his organization with Qeerroo in a recent interview he made with Oromia Media Network (OMN). Perhaps he refrained from doing so for obvious reasons.

While considered as the “youth wing” of the OLF, “Qeerroo” has been vibrant and visible than the OLF itself in just few years of its formation. To see the validity of this statement, it will be enough to look at the volume of information provided by Qeerroo website http://www.qeerroo.org, frequently updated each day, since the formation of the group in 2011. When an incident such as Oromo student protest, unlawful arrest of Oromo nationals, school dismissals related to student unrests, incidents of land grab and eviction of Oromo farmers, and so on occurs at any corner of Oromia, it is usually this youth group (its website and web-based radio) that reports first from every corner indicating that the group is well organized and widely spread not only in Oromia but also throughout the entire Ethiopia. For example, during the widespread Oromo student protests in spring 2014, it was only this group who managed to compile a list of 61 Oromo students killed 903 others languishing in several prisons in all corners of Oromia, East, West, North, and South. It is remarkable how a single youth group managed to compile all these names, not to consider all the details: school/university the student was attending, major subject the student was in, year (1st year, 2nd year, etc.), place of birth, and so on virtually from everywhere in the region. In many cases when Oromo students are killed by the regime, it is this youth group that makes the names and in some cases the pictures of the victims public. This has been happening continuously over the last four years. What is more remarkable is that the group managed to compile all these data under tight security machine of the regime and with almost no known financial or material support.

Inspired by the 2011 revolution of North Africa and the Middle East known as Arab Spring, this Oromo youth group Qeerroo Bilisummaa was formed in 2011. At first, very few people paid serious attention to it. Many believed it to be just another bluffing of desperate groups opposing the government from the Diaspora. But soon enough the group showed itself on the ground that it is for real. The movement of the group started showing itself mainly in universities and higher educational institutions in Oromia. A series of Oromo student protests broke out in several universities and colleges soon following the formation of the group.

On April 7, 2011, following the founding declaration of Qeerroo, Oromo students of Mizan Tepi University revolted. The government federal police fired live ammunition on the protesters in which 114 Oromo students were reported to have been wounded and hospitalized. 50 others have been abducted from their dormitories the next night and taken to unknown location. On April 12, 2011 Oromo students of Haromaya University staged a peaceful protest demanding the release of their classmates who have been abducted from their dormitories. Their protests however resulted in more arrests and more abductions. On April 15, 2011 Oromo students protested in Arba Minch University, SNNP regional state, which resulted in arrest of several students. On May 2, 2011 Oromo students of Jijjiga University, Ogaden regional state, protested. On May 15, 2011 Oromo students of Fiche Preparatory School, Northern Shoa, protested. May 19 – 21, 2011 Oromo students of Adama University protested. These are just few of the incidents of protests and the response of the government following the formation of Qeerroo in 2011.

Oromo student protests continued on and off, but non-stop throughout the years 2011-2014 in Oromia, apparently under the [underground] leadership of this youth group “Qeerroo Bilisummaa”. The government suppression also continued. The most wide spread and bloodiest of all the protests is the series of protests that occurred in the spring of 2014. At one time alone Qeerroo managed to compile the list of some 61 Oromo students that were killed in mainly Ambo, Gudar, and Robe (Bale zone), but the actual number of Oromo students that have been killed by the forces of the regime in the months of April and May, 2014 is probably several hundreds and those arrested are estimated in tens of thousands.

Full document in PDF (47 pages) Summary

Breaking News:- Har’a Sadaasa 7/2014 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qaanyiitti Goototni Barattootni Oromoo M/B Baallammii Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina Uummata Waliin Ta’uun FDGBbifa Haaraa fi Qindoomina Qabuun Qabsiisan.‏

Aside

diddaa9

Guyyaa har’aaSadaasa 7,2014 Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qaanyiitti goototni barattootni Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina uummata waliin ta’uun FDG bifa haaraa fi Qindoomina qabuun qabsiisan.

Guyyaa har’aa ganama sa’aa 4:00 irraa eegaluun goototni Barattootni Oromoo M/B Baallammii Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Mooraa mana barumsaa keessatti walitti qabamuun gaaffii isaanii karaa seera qabeessa dhiyeeffachuun addatti  gaaffii ‘’ saamichi bifa haaraan lafa Oromoo albuudaan gabbataa ta’ee Gammoojjii Garaadoo Anoonuutti argamuu hektaaraa 450 olitti kan tilmaamamu abbootii qabeenyaa wayyaaneetti gurguramaa jiru atattamaan dhaabbachuu qaba jechuun uummataa waliin walta’uun hiriirrii mormii guddaa gaggeeffame jira.

Hiriirri kun jalbultii yaadannoo Sadaasa 9 marsaa 9ffaa kabajamuuf jiru bu’uura godhachuun kan eegale yoo ta’uu kutaalee Oromiyaa keessatti haala itti fufinsa qabuun adeemsifamuuf jirachuun ibsame. Guyyaa har’aa kana aanaan Midaa Qanyii human Waraanaa Wayyaanee FDG dhaabsisuuf bobba’ee fi Uummataa Oromoo mirga isaa falmachaa jiruun raafama jirti. Bulchiinsii Aanaa Midaa Qanyiis hojii dhaabee oleera, Hojjettootni fi daldaltootnis FDG kana irraa qooda fudhataniru.  uummatni barattoota waliin ta’uun gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachuun FDG baatii Eblaa 2014 irra eegaluun adeemsifama ture bifa adda ta’een jabeessuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii qubsaa argatuttii FDG wal irraa hin citneen mootummaa abbaa irree dura dhaabbatna jechuun fincila diddaa garbummaa finiinsuun sagalee guddaan dhaadannoo armaan gadii dhageesisuun hiriirrii mormii sinra abbaa irree Wayyaanee aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallammii irratti gaggeeffama jira.

Dhaadannoowwaan:-

  1. Oromoo qabeenyaa fi Qee’ee irraa buqqisuun, Ajjeessuun Hidhuun, Barnoota irraa arii’uun dhaabbachuu qaba!!
  2. Oromiyaa falmanna, Biyyaa abbaa keenyaa Falmanna!!
  3. Mootummaa hin qabnu , mootummaa mataa keenyaa haa hundeeffannu!!
  4. Hojjeetaan, Poolisiin, daldalaan, qotee bulaan baraataan, barsiisaan bakka jirtan hundaa Ilmaan Oromoo hundi harka wal qabannee haa kaanu!!
  5. Saamichi qabeenyaa Uumamaa lafa albuudaan badhaate abbootii qabeenyaa wayyaaneetiin Oromiyaa fi aanaa Midaa qanyii Anoonuu irraatti xiyyeeffate atattamaan dhaabbachuu qaba!!
  6. Qabeenyaan Abbootii Irree qabeenya keenya saamuuf bobbaafamanii barbadeeffamuu qaba!!
  7. Nuti uummaatni Oromoo maatummaa mataa keenyaa haa hundeeffannu!!
  8. Qabeenya namatti hin bunee, mirga namatti hin, qabeenya keenyatu saamame, mirga keenyatu saamamee, ni falmanna, mirga keenyas ni kabachiifanna!!
  9. Filannoon kijibaa kan Mootummaan wayyaanee bara 2015tti gaggeessuuf jedhee cidha qopheessa jiru nurraa dhaabbachuu qaba!!
  10. Mirgii Ilma Namaa Oromiyaa keessatti sarbamaa jiru kabajamuu qaba!!
  11. Mirgii dimookiraasii uummata Oromoof kabajamuu qaba!!
  12. Lafa dimookiraasiin hin jirreetti maqaa Filannoon uummata gowwomsuun nurra haa dhaabbatu!!
  13. Hidhamtootni Siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee hiikamuu qabu!!
  14. Mootummaan EPRDF baatii Ebla keessa Gaaffii karaa mirgaa fi nagaa gaafatneef tarkaanfii ajjeechaa duguginsa sanyii nurratti fudhateef itti nuf haa gaafatamu.!! Kan jedhuu fi kanneen kana fakkatan dhaadannoo arii fi dheekkamsaan guutame uummatni fi barattootni walitti dabalamuun sagalee mormmii guddaan sirna abbaa irree qawween biyya bulchaa jiru wayyaanee dura dhaabbatan.

Mootummaan abbaa irree human waraanaa guddaa kora bittinneessaa jedhamuu fi poolisaa uummatatti gadhiisuun sagalee uummataa ukkamsuuf yaalii guddaa keessa oluus, uummaatni poolisotaaf waamichaa FDG taasisa jira. Wayyaaneen haala kanattis rifatuu guddaa keessa seenuun uummata irratti dhukaasaa akka bananiif ajaja dabarsuun korri bittineessa wayyaanee uummata nagaa meeshaa waatuu of harkaa hin qabne irratti dhukaasaa banuus uummatni  fi goototni barattootni Oromoo mormii guddaan jala dhaabbatan guyyaa keessa  hanga sa’aa 9:00tti mormii guddaa dhageesisuun eenyummaa uummata Oromoo diinatti argisiisan.

 

“OROMO Falmadhu ” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Sadaasa 06, 2014

Aside

Barattootni Yuunivarsiitii Amboo Department ”Agriculture and Bio-Processing Engineering” barachaa jiran Oromummaa Qofaan Yuuniversiti Irraa Beekkamtii Dhaban. Department kanaan walqabateen Barattootni Waggaa 2ffaa Hanga Waggaa 5ffatti Barachaa Jiran Baay’inni Isanii 415 Olitti Kan Lakka’amanis Barnoota Dhaaban.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar,Sadaasa 06,2014

Wallaggaa1Barattootni Yuunibarsiitii Amboo Department ”Agriculture and Bio-Processing Engineering” barachaa jiran Yuuniversitichatti beekamtii dhabuu Department kanaan walqabateen barattootni waggaa 2ffaa hanga waggaa 5ffatti barachaa jiran baay’inni isanii 415 olitti kan lakka’aman barnoota dhaaban.

Sadaasa 5/2014 Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshiniin Wayyaanee EPRDF biyyatti keessatti uummata gara doofummaa, wallaalummaa, hiyyummaa bara baraa fi rakkoo jiruu fi jireenyatti geessuun biyyattiin har’a biyyaa hojiidhabdummaan keessatti dagaage, biyya mirgi ilma namaa keessatti sarbamu, biyya mirgi dimookiraasii keessatti awwalamee fi biyya mootummaa abba irree afaan qawweetti amanuun bulaa jirtudha.

Barattootni Yuunibarsiitii Amboos balaa ulfaataa sirni kun baatee deemuuf saaxilamuun barattootni Department ”Agriculture and Bio Processing Engineering” waggaa 2ffaa hanga waggaa 5ffaatti barachaa jiran Departmentii haaraa Qo’annaa fi Qorannaa Saayinsiin deegarame malee callisaniidhuma maqaan department qofti waan itti miidhageef hundeessani lammilee biyyatti balaa guddaaf saaxila jiru.

Barattootni yeroo jalqabaaf department kanaan eebbifaman hanga guyyaa har’atti ogummaa barataniin hojii irratti ramadamanii hojeechuun jijjirama ofii fi biyyaaf fidan illee dhabuun hojii dhabdeelee ta’uun jiruu fi jireenya gadadoo keessa jiraacha kan jiran ta’uu irra darbee, iyyannoo hojiin ogummaa baratne kanaaf nuuf haa kennamu hojjetnee biyyas ofis gargaarra jechuun galfataniif Ministeerrii barnoota Wayyaanee EPRDF namni Shifarraa Shuguxee jedhamu department kana nuti hin beeknu, beekamtiis hin kenineef jechuun ifatti deebii keenne ture. Haaluma kana irraa ka’uun barattootni Yuunibarsiitii Amboo wagga 2ffaa hanga waggaa 5ffatti barachaa jiran gaaffii fi Iyyannoo Promotion nuuf haa hojjetamuu malee departmentii sirni barnoota ministerii barnoota keessan hin beekne akkamiin baranna? Maaliif lammii biyyattiitti taphattu jechuun bulchiinsa Yuunivarsiitii Amboo gaafachuun deebii waan dhabaniif, Iyyannoo isaanii gara Ministera Barnoota wayyanee EPRDFtti dhiyeeffatan ,deebiin wajjira ministeraa barnoota Wayyaanee irra kennameef ‘amma atattamaan magaalaa kana gadhiisaa ba’aa, as keessatti fincila nurratti kaachisuu dhuftanii” jechuun gaaffii fi iyyaannoo barattootaa irraa fuudhuu diduun barattoota doorsisaan of irra arii’an.

 

Rakkoon ulfaataan kun hanga furmaata hin argannetti barnoota dhaabuu isaanii beeksisuun, barattootani Yuunibarsiitii Amboo wagga 2ffaa hanga 5ffaatti departmenicha irra barachaa jiran guutummaatti barnoota dhaabani jiru. Rakkoowwaan mootummaan garboomsaa waliigalatti uummata keenyaa irran ga’aa jiruu fi haala sarbinsa mirga namummaa fi sarbamuu dimookiraasii fi mootummaa abbaa irree aangoo
irra maqsuun mootummaa dimookiraatawaa hundeessuuf yeroon gamtaan qabsa’an amma jechuun goototni barattootni Yuunibarsiitii Amboo midhaa isaan irra ga’aa jiru uummataaf ibsuun dhaamsa waliigalaa FDG itti fufsiisuuf uummataaf waamicha gochaa kan jiran ta’uu hoggansii Qeerroo Godina lixa Shaggar gabaase jira.

 

NOVEMBER 05, 2014, ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት : ንቅናቄ ድምፅ: የሳምንቱ : ዜና ::

Aside