Sadaasa 14,2014 Godina Lixa Shaggar Yuunibarsiitii Amboo irraa mootummaan abbaa irree Wayyaanee Sabboontota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo Oromummaan yakkuun barnoota irraa arii’achuu itti fuftee jirti.
Mootummaan Wayyaanee sochii warraaqsa FDG hoggansii Qeerroo guutuu Oromiyaa keessatti gaggeessa jiruun raafama guddaa keessa seenuun waan qabee gadhiisuu dhabuun ilmaan Oromoo barnoota irra arii’achuu, hidhuu, reebuu fi ajjeesuu toftaa godhate, ammas itti fufun sochii goototni barattootni Oromoo sadaasa 9, guyyaa yaadannoo FDG marsaa 9ffaa magaalaa Amboo fi Yuunibarsiitii Ambootti kabajaniin wal qabatee rifaatuu keessa seenuun badii tokkoo malee barattootni Oromoo lama waggaa lamaaf barnoota irraa arii’atamuun gabaafamera.
1. Barataa Fayisaa Baqqalaa barataa Civil Engineering waggaa 4ffaa
2. Barataa Yohaannis Alemuu barataa industrial Engineering wagga 2ffaa, kanneen jedhaman barattootni Oromoo Oromummaan yakkamanii barnoota irra arii’ataman. Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uun , hidhuu fi ajjeesuun waan FDG tasgabbeessuu fi waan gaaffii mirga abbaa biyyummaa booddeetti deebisuu se’ee barattoota Oromoo irratti tarkaanfii gara jabinaa fudhachuu itti fufe. Mootummaan Abbaa Irree dadhabaan gaafa afrikaa wayyaneen shororkeessa beekamaa addunyaa irratti dammaqaa jirtu kun kan olola qofaan uummata bulchaa jiru, tarkaanfii ofiin uummata nagaa irratti fudhachaa jiruun tapha siyaasaa aadunyaa keessa baafame jira. Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo hidhaa, du’aa, barnoota irraa arii’amuu, reebichaa fi dararaa fedhe kamiif iyyuu qophii ta’uu mootummaa wayyaneetti argisiisaa jiru, sochii kanaanis FDG waliigalaa wayyaanee irratti dhoosuun bara ijibbaata wayyaanee gochuun wayyanee aangoo irraa darbuun biyyatti keessatti bulchinsa uummataa mootummaa Dimokiraasiin ijarame hundeessuuf fi bilisummaa uummata Oromoo dhugomsuuf Qeerroon bilisummaa Oromoo qabsoo hadhooftuu gaggeessuu irratti argama. Uummatni Oromoo bakka hundaa Qeerroo gootota barattoota keenya cina dhaabbannee mirga keenyaaf falmanna jechuun qophii FDG barbaachisuu gama hundaan gaggeessa jira.
Monthly Archives: November 2014
Lixa Shaggar,Aanaa Midaa Qanyii Keessatti Diddaan Uumaraa Daran Jabaachuu Irraan Oromoonni Hidhamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Sadaasa 14/2014 Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyiitti FDG uummataa fi gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon qabsiifamee jabaatee itti fufe. Mootummaan garboonfattuu Wayyaanee sabboontota ilmaan Oromoo nagaa hidhee dararuu itti fufee jira.
Akkuma gabaasaa turree FDG uummataan simatamee Uummatni fi Qeerroon dargaggootni Oromoo wal ta’uun Aanaa Midaa Qanyiitti samichaa lafa albuudaan badhaatee wayyaaneen abbootii qabeenya ergamtoota isheetti gurgurachuun FDG haalaan qindaa’a ta’ee kaachisee jira . Abbaan Irree wayyaanee EPRDF/TPLF qawweetti amanu gaaffii uummatni karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffachaa jiruuf deebii humna waraanaa itti bobbaasuun doorsisuu, hidhuu, ajjeessuu fi nannoo irraa arii’achuu irratti argama. Baadiyyaan Aanaa Midaa Qanyii illee humna poolisaa Federaalaan eegamaa jirti. Haaluma kanaan ilmaa Oromoo FDG narratti qindeessitan jechuun hidhamuun ibsame jira. Ilmaan Oromoo FGD qindeessitan jechuun hidhaman:
- Barataa Gadaa (Getaachoo) Darajjee barataa Yuunibarsiitii Jimmaa irraa department Governance and Developmental Studies digirii jalqabaan kan eebbifame, barataan kun Yuunibarsiitii Jimmattis FDG goototni barattootni Oromoo qabsiisan keessa qooda qabda jechuun hidhamaa fi humnoota tikaa wayyaaneen doorsifamaa kan ture, boodarra of eeggannoo isa dhumaa koreen discipline yuunibarsiticha itti kennuun kan eebbifame, yoo ta’uu, dargaggoon hojii dhabdee ta’ee kun maatii isaa bira utuu taa’aa jiru FDG qindeesitee nurratti uummata kakaasa jirta jechuun humna poolisaa lakkofsa hin qabne wayyaaneen Aanaa Midaa Qanyii irra qubsiifteen qabamee Wajjira Poolisii Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallammiitti hidhamee dararamaa jira.
- Obboo Korree Raggaasaa ilma kee fiduu qabda jechuun manguddoo waggaa 67 olii ganda Diddiksaa Amuumaa irraa kan qabaman .
- Barataa Tolasaa Tashoomaa barataa kutaa 10ffaa
- Barataa Darajjee Araarsaa barataa Kutaa 10ffaa
- Obboo Mokonnoon Mirkanaa daldalaa Magaalaa Baallammii, sabboonaa Oromoo uummata biratti jaalaalaa fi kabaja guddaa qabu, humni loltuu wayyaanee magaalaa Baallammii irra qubsiifamee jiruun FDG nurratti qindeessa jirta jechuun akka malee reebamee midhaan qaamaa guddaa kan irraa ga’ee yeroo amma mana yaalaatti argama.
Tarkaanfiin hammeenya garaa jabinaan uummata irratti fudhatama jiru, keessattuu gaaffii uummatni karaa nagaa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba jedhuu fi mirgi abbaa biyyuummaa keenyaa nuuf kabajamuu qaba jedhee uummatni gaafachaa jiruuf deebiin wayyaanotaa fi ergamtoota wayyaanee irraa , deebiin hidhaa, doorsisa, reebbichi uummataaf kennamaa jiru daran Aanaa Midaa Qanyii keessatti FDG jabeessuun fincillii diddaa garbummaa gara gara lolaatti fi dhiiga wal dangalaasuutti jijjirama jira, hidhattootni gandoota Aanaa Midaa qanyii keessatti argamanis walga’ii wayyaaneen walitti qabee namoota Oromummaan shakkaman irraa meeshaa hidhatanii jiran ni hiikattuu jechuun qajeelfama dabarsuus hidhattootni gandaa meeshaa of harkaa qabnu hin hiikkannuu jechuun deebii dheekkamsaa fi ariin guutame deebisuun ergamtoota wayyaanee rifaasisan.
Ammas goototni dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo fi sabboontotni Uummatni Oromoo dhaamsa ” Yaa Uummata Oromoo utuu hin durfamiin dursuu qabna, utuu qabeenyaan hin guuramiin dura dhaabbachuu qabna,erga qabeenyaan Guuramee dura dhaabbachuun lafa qullaa irratti boo’u ta’a; bakka hundaa harka wal qabatnee saamicha qabeenyaa lafaa fi albuudota Oromiyaa haa falmannu, FDG waliigatti gaggeeffamuuf jiru keessatti ilmaan Oromoo hundi qooda keenyaa fudhachuu qabna, kun dhimmaa eenyummaa fi Oromummaa ta’uu hin dagatiina, ilaalcha siyaasaan moggatti wal hin dhiibiinaa, Oromoon tokkicha wal malee hin qabnu halagaan nyaatee saamee nurraa galuuf fiigaa jira jechuun hoggansii sochii warraqsaa Qeerroon Magaalaa Baallamii irraa uummta Oromoo hundaaf dhaamsa dabarsee jira.
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 15, 2014
Aside
SBO Sadaasa 16 Bara 2014
Aside
NOVEMBER 14, 2014 / ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ:ዜና::
Aside
Qabiyyee Barruulee Naannoo Oromiyaa Keessatti Faca’anitti Dabalamee Kanneen Baldhinaan Guyyaa Har’aa Raabsamuu Eegale
Aside
YAA OROMOO!
- Qe’ee irraa buqqifamuun uummataa haa dhaabbatu. Kanneen buqqifamanis hatattamaan beenyaa gahaan akka kennamuuf gaafatna!
- Hidhaa fi ajjeechaan haa dhaabbatu. Hidhamtootni siyaasaas haal duree tokko malee haa hiikaman!
- Barnoota, hojii irraa arii’amuun akkasumas doorsifamuun haa dhaabbatu!
- Maqaa gibiraan saaminsi waggaa 22f gaggeeffamaa jiru hatattamaan haa dhaabbatu!
- Namootni barattoota, barsiisota, uummata ajjeesaa bahan murtiitti haa dhiyaatan.
- Caasaan tikaa fi manni hidhaa Uummata irratti diriirfame haa diigamu!
- Sirnii fi Caasaan mootummaa hojii fi muudama siyaasaa waraana loogii sanyummaa irratti dhaabbatee ijaarame hatattamaan haa diigamu.
- Qaala’insa jireenyaa sababa saaminsa mootummaa abbaa irreen uummata hiyyoomsaa jiru guutummaan dura dhaabbanna.
- Mootummaan EPRDF loogii fi saaminsa irratti ijaarame haa diigamu!
- Mirgi uummataa fi dimokiraasii hojiin haa hiikamu!
- Mirgi amantiilee haa kabajamu. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu haa dhaabu!
Ummanni Oromoo Mirga Isaa Akka Falmatuuf Jecha,Oromiyaa Bakkoota Adda Addaatti Sadaasa 9 Yaadatnoo Guyyaa FDG Ilaalchisee Qeerroon Barruu Warraaqsaa Maxxansuu fi Raabsuu Irratti Argama.
Gallery
This gallery contains 46 photos.
Guyyaan FDG Sadaasti 9 Godina Oromiyaa dhihaa Wallagga, Aanaalee keessatti sirna ho’aan kabajamuu Qeerroon gabaase
Aside
Oromiyaa dhihaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti yaadannoon FDG waggaan 9faan sabboontotni ilmaan Oromoo wareegama qaqqaalii irratti kanfalan, sabboontota, qabsaa’ota fi human addaa WBO godina dhihan sadaasa 6 /2014 irra eegaluun haala itti fufinsa qabuun kabajame.
Ilmaan Oromoo waamichaa dhaabni kallachi qabsoo bilisummaa Oromoo ABO fincila diddaa garbummaa ((FDG)) uummata Oromoo hundaaf godheen guutummaa Oromiyaatti mootummaa abbaa irree TPLF irratti finciluun sochii warraqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamu boqonna haara banuun sagaleen uummata keenyaa sadarkaa addunyaatti dhageettii guddaa kan itti horedhadha. Ilmaan Oromoo gameeyyiin, dargaggeessi, barattootni, barsiisotni, qonnaan bulaa fi daldalaan karaa nagaa fi dimookirasii sagalee isaanii dhageesisuuf ba’anii kumootaan kanneen lakka’aman tarkaanfii mootummaan Wayyaanetiin gaaga’amaniiru.
Kumootaan kanneen lakka’aman hidhattii ukkaanfamanii isan keessa kaan har’a illee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne jiru; hedduun biyya irraa arii’atamaniru. Tarkaanfiin garaa laafina tokko malee wayyaneen hanga guyyaa har’aa qabsa’ota, fi sabbontota ilmaan Oromoo irratti fudhacha jirtuu uummata Oromoo gara qabsoo FDG daran kan jabeesse malee duubatti deebisuu hin dandeenye. Adeemsa kana bu’uura godhachuun sadaasni 9 yaadannoon FDG bara baraan uummata Oromoon kan kabajamu ta’uu gabaafamera.
Sagalee Simbirtuu fi Seife Nebelbal
Aside
“Hin Hafu Sibiraa” Sintayyoo Gadaa fi Alamaayyoo Qubee
Aside




